Afan OromoNews
Trending

OMN: Faannoon Aanaa Kiiraamuu qubsuma guddaa taasifate

Faannoon kaaraa Aanaa Kiiraamuutiin gara Oromiyaa seena

Karaan guddaan humnoonni finxaaleyyii Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa ittiin seenan aanaa Kiiramuu akka ta’e maddeen naannawaa sanaa himan.

Qondaalli nageenyaa olaanaan mootummaa tokko immoo, mootummaan rakkoo naannawaa sanaa waaraan furuu hin barbaadu, humni finxaalessi Faannoo guutuutti naannawaa sanaa akka badus hin fedhuu jedhan.

Maddeen naannawaa sanaa OMN’f yaada isaanii kennan, humnoonni finxaaleyyiin karaawwan garaagaraatiin laga Abbayyaa cehanii dhufuu jedhan.

Karaan guddaan ittiin naannichatti nam’an garuu aanaa Kiiramuuti jedhan.

Aanaan kun caasaa mootummaa jabaa dhabuun immoo ittuu humna kanaaf haala akka mijeesse himaniiru.

Aanaa Kiiramuu gandoota hedduu keessaa humni finxaalessa Faannoo caasaa mootummaa diiguu eeranii, gandoota magaalaa qofa keessa caasaan mootummaa Oromiyaa jiraachuu dubbatan.

Kunis humna kanaaf haala mijataa uumuu himanii, hidhattoonni kunneen dhorkaa tokko malee cehanii dhufuu jedhan.

Erga dhufaniiyyis aanichatti gandoonni baadiyyaa to’annaa mootummaa jala waan hin jirreef buufata itti walitti qabaman tolfatanii dhorkaa tokko malee achitti sirriitti gurmaa’anii bobbiif akka bahan dubbatan.

Aanaa Kiiramuutii ka’anii hanga aanaalee Giddaa Ayyaanaa, Guutoo Giddaa fi Sibuu Siree akkasumas godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaalee Abee Dongoroo, Jaartee Jaardagaa fi Amuruutti socho’uun seeliiwwan isaanii dursanii aanaalee kanneen keessatti ijaarratan waliin ta’uun haleellaa uummata irratti raawwatuu jedhan.

Mootummaan faana hidhattoota kanneenii guutuutti akka beeku kan dubbatan qondaalli nageenyaa olaanaan mootummaa tokko immoo, yeroo haleellaan hidhattoota finxaaleyyii garmalee hammaatu mootummaan callisee ilaala akka hin jedhamneef qofa xiqqoodhuma ittisee dhiisa jedhan.

Mootummaan humni finxaalessi kun akka badu hin fedhu kan jedhan qondaalli nageenyaa olaanaan kun, haleellaa humna finxaalessaa kanaatiin uummata doorsisuu akka tarsimootti akka fayyadamu himaniiru.

Humna finxaalessaa Faannoo guutummaatti naannawaaa sanaa balleessuun rakkoo biraa natti fida jedhee mootummaan amanaa jedhu.

Akka kanaan mootummaan jireenya uummataa qabdii qabsiifatee tarsimoo siyaasaa godhatee hojjataa jedhan.

Oppireeshiniin tibba darbe jalqabamee guyyoota muraasa keessatti akka dhaabbatu taasifames kanaaf ragaa dha kan jedhan qondaalli nageenyaa kun, mootummaan rakkoo uummataa waaraan furuuf fedha akka hin qabne himaniiru.

Mootummaan xiqqoo tarkaanfii kan fudhatu callisee ilaala akka hin jedhamnee fi sarara diimaa aangoo mootummaa waliin walqabatu gaafa humni finxaalessi kun darbe qofa akka ta’e himan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

five × three =

Back to top button
Copy link