Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Dirree Dhawaan Magaalaa Oromoo fi Haqni Ishee Awwaalameedha!

Dirree Dhawaan Magaalaa Oromoo fi Haqni Ishee Awwaalameedha!

Haqni uummata Oromoo magaalaa Dirree Dhawaatti barootaaf awwaalame bahee mirkanaa’uu akka qabu gaafatame.

Magaalaan Dirree Dhawaa magaalaa dachee Oromiyaa taate baay’ina jiraattota magaalattii keessaa naannawaan dhibbeentaa 50 ta’u dhalattoota Oromoo ta’ee otoo jiruu sirni demokiraasii cabee waggootaaf kootaa hin malleen uummanni Oromoo mirgi isaa dhiibamaa turee jedhan kanneen magaalattiidhaa yaada isaanii OMN’f kennan.

Baay’ina wayyabaa magaalattii irratti otoo qabuu warra magaalattii keessatti lakkoofsaan xiqqaa ta’an waliin aangoo qixa qooddadhaa jedhamee waggoota 27f haqni jallatee dhugaan uummata Oromoo awwaalamee turee jedhan.

Haqni kun saffisaan akka mirkanaa’us gaafataniiru.

Ragaan istaatistiiksii giddugaleessaa akka mul’isutti bara 2007 baay’ina uummata magaalattii keessa ture keessaa %46 dhalattoota Oromooti.

Gabaasota walqabatan;

OMN: Dirree Dhawaan Seenaanis, Seeraanis, Lafaanis tan Oromooti

OMN: Daangaa Oromiyaa irratti Biltsiginnaa fi OPDO

OMN: Weerara Daangaa Oromiyaatiin diimoograafiin ummataa jijjiiramaa jira.

Baay’inni dhalattoota Somaalee magaalattii keessa jiraatanii dhibbeentaa 24 akka ta’e ragaan kun mul’isa.

Garaagarummaan hanga kanaa otoo jiruu aangoo magaalattii dhalattoonni Oromoo %40 fi Somaaleen %40, kan hafe %20 saboonnii fi sablammoonni biroon akka qabatan reeshoon kaayamee kanaan bulaa akka turte yaadachiisan.

Kana malees Oromoon %46 fi Somaaleen %24 qixa dabareen bakka kantiibaa akka qabatan godhamee jedhan warri yaada kennan.

Sirni wayyaanee olaantummaa dhuunfatee turee fi mootummaan naannoo Somaalee  kana qofaan hin dhaabbanne.

Yeroo dabareen kantiibummaa Oromoo ta’e, kantiibaa saakalanii akka waa hin hojjanne godhaa turan, yeroo dabareen Somaalee ta’e hojii deemoogiraafii magaalattii jijjiiruu hojjataa turan jedhu jiraattonni magaalattii.

Ragaan istaatistiiksii giddugaleessaas akka agarsiisutti bara 1994tti lakkoofsi dhalattoota Somaalee jiraattota magaalattii keessaa dhibbeentaa 13 ture. 

Lakkoofsi kun bara 2007tti gara dhibbeentaa 24 gahuu ragaan istaatistiiksii giddugaleessaa agarsiisa.

Lakkoofsi dhalattoota Oromoo immoo bara 1994tti %48 ture bara 2007 gara dhibbeentaa 46tti xiqqaachuu ragaan kun mul’isa.

Jijjiiramni kun shira walirraa hin citne sirni Wayyaanee fi Somaaleen qindaa’anii hojjataniin dhufee jedhu hayyoonni.

Kanas ta’ee garuu ammas lakkoofsi baay’ina uummata Oromoo magaalaa Dirree Dhawaa keessa jiraatuu kan saba Somaalee dachaan caala jedhu.

Kana malees magaalattiin magaalaa Dachee Oromoo irratti hundoofte ta’uu eeranii, kun marti ta’ee bakka jirutti amma booda haqni Oromoo akkuma durii aqanqaalamee fudhatamuu hin danda’uu jedhan hayyoonni.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

seventeen + one =

Back to top button
Copy link