Afan OromoNewsPolitics

OMN: Daangaa Oromiyaa irratti Biltsiginnaa fi OPDO

Har'as Biltsiginnaan Oromiyaa qorqalbii kaleessaa keessaa hin baane.

Dhimma dantaa uummata Oromoo waliin walqabatee OPDOn kaleessaa Biltsiginnaan Oromiyaa har’aa OPDO kaleessaa irraa fagoo hin jirtu jedhan hayyoonni yaada isaanii OMN’f kennan.

Hayyoonni yaada isaanii nuuf kennan, kaleessa OPDOn Wayyaanee sodaattee dantaa Oromoo dabarsitee kennaa turtee jedhan.

Har’as Biltsiginnaan Oromiyaa qorqalbii kaleessaa sana keessaa bahuu akka hin dandeenye dubbatan.

Kaleessa gaaf Jijjigaa naannoo Somaaleef  ergisaa jedhamu; magaalaa Dirree Dhawaa dachee Oromoo taate, heerri mootummaa naannoo Oromiyaa keessa ta’uu tumee fi jiraattota magaalattii keessaa naannawaan dhibbeentaa 50 Oromoo ta’e Somaalee magaalattii keessattii dhibbeentaa 13 turte waliin walqixa bulchaa gaaf jedhamu; magaalaa Mooyaalee dachee Oromiyaa taate, harka caalaan jiraataa magaalattii Oromoo ta’ee fi heerri mootummaa naannoo Oromiyaa keessa ta’uu ishee tume bakka lamatti daandii gamaa fi gamanatti qoodanii gartokkee mootummaan naannoo Somaalee hanga dhufee alaabaa dhaabbatu godhamu OPDOn Wayyaanee sodaattee dantaa Oromoo cinaatti dhiiftee hayyee jettee fudhattee jedhan.

OPDOn kaleessaa Biltsiginnaan Oromiyaa har’aas qorqalbii kaleessaa sana keessaa har’as akkuma hin baanetti akka jirtu hayyoonni himan.

Mootummaan naannoo Somaalee Moyaalee hanga Mi’eessoo har’as daangaa Oromiyaa sarbee Oromoo buqqisee gaaf lafa qabatu tarkaanfii wayiituu hin fudhannee jedhan.

Mootummaan naannoo Somaalee magaalaa Moyaalee kan heerri Oromiyaa ta’uu isheetiin beeku irratti karaa mana marii naannoo Somaaleetiin tumaa seeraa baasee gaaf caasaa diriirfatu Biltsiginnaan Oromiyaa waan tokko akka hin jenne himan.

Naannoon Somaalee daangaa Oromiyaa seenee godina haaraa Gurra Dhaamolee jedhu hundeeffatee magaalaa naannoo Oromiyaa Haroo Dibbee jedhamtu teessoo godhachuu gaaf labsu ammas Biltsiginnaan Oromiyaa hayyee jedheetuma dhiisuu hayyoonni dubbatan.

Mootummaan naannoo Somaalee aanaa Cinaaksan kan qarqara magaalaa Jijjigaa jirtuu uummata Oromoo karaa itti cufee marfama keessa galchee gaaf rakkisu ammas Biltsiginnaan Oromiyaa maalitti jirtu jedheellee hin gaafannee jedhan.

Mootummaan naannoo Somaalee kanaan hin dhaabbanne kan jedhan hayyoonni, magaalaa Dirree Dhawaa akka qaama naannoo Somaaleetti ilaaluu akka jalqabe dubbatan.

Magaalaa Dirree Dhawaatti humna addaa bobbaasee ganda tokko keessaa uummata Oromoo buqqaasee dubartii ulfaa Naasiyaa Ziyaad jedhamtu lubbuu dabarsuu yaadachiisu.

Kanas Biltsiginnaan Oromiyaa calliseetuma ilaalee jedhu.

Mootummaan naannoo Somaalee hojii daangaa Oromiyaa sarbuu fi lafa Oromoo dhuunfachuu inuma itti fufee jedhan.

Asdhiheenyuma kana Daandiin Saffisaa magaalota Dirree Dhawaa fi Adaamaa walqunnamsiisu hojjatamuuf sirni hojii jalqabsiisuu guyyaa taasifamu pirezidaantiin naannoo Somaalee Musxafee Mohaammad kaabinoota isaa waliin magaalaa Dirree Dhawaatti argamuun akka waan magaalaan sun naannoo Somaalee keessa jirtuu godhamee keessummoota mootummaa federaalaa wayita simatu mul’atee jedhu.

Sirna kana irratti aangawoota mootummaa federaalaa fi naannoo Somaaleetu argame, aangawoonni naannoo Oromiyaa tokkollee hin argamne, kun ergaa akkamii dabarsuuf yaadameti jedhanii hayyoonni OMN dubbise gaafatu.

Kun marti ta’aa kan jiru bulchiinsa Biltsiginnaa kan ormi Biltsiginnaan Oromiyaa olaantummaa qaba, uummanni Oromoo  Baala-Gizeedha jedhee uummata Oromootti duulaa jiru jalatti akka ta’e yaadachiisan hayyoonni.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

ten + 20 =

Back to top button
Copy link