Afan OromoNews

OMN: Biltsiginnaa gaafii Oromoo ukkaamsuu akka tasimootti dhimma itti bahaa jira

Biltsiginnaa gaafii Oromoo ukkaamsuu akka tasimootti dhimma itti bahaa jira

Biltsiginnaan gaaffii uummata Oromoo deebisuu irra gaaffii uummata Oromoo awwaaluu akka tarsimootti qabaatee jedhan rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa.

Biltsiginnaan dhimma Finfinnee qofaa otoo hin taane gaaffiiwwan gurguddoo utubaa qabsoo uummata Oromoo ta’an tokkollee hin deebifnee jedhan.

Dhimma Finfinnee ilaalchisee walfalmii paartiilee siyaasaa irratti bakka bu’aan biltsiginnaa waan dubbatan hordofee rogeeyyiin marsaalee hawaasaa irratti yaada isaanii kennan, biltsiginnaan erga gara aangootti dhufee har’aa waggoota 8 guutuuf deemaa akka jiru himan.

Imala waggoota 8 kana keessatti meerre gaaffiiwwan qabsoo uummata Oromoo keessatti ijoo turan deebii kan argatan jedhanii gaafatu.

Dhimmi Abbaabiyyummaa uummanni Oromoo magaalota isaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa irratti kaase, gaaffiin Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa fi magaalota kanneenii taasisuuf gaafate, daangaan Oromiyaa tikfamee uummanni Oromoo qe’ee isaa irratti abbaa ta’ee jiraachuuf gaafate, hiree ofii ofiif murteeffachuuf gaaffiin gaafate tokko deebii otoo hin argatin jiru jedhan.

Gaaffiiwwan kunneen egeree Oromoo fi Oromiyaaf murteessoo akka ta’an kan barreessan rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa, gaaffiiwwan kunneen deebi’an jechuun rakkoo barootaaf sirna dhufaa darbaa jalatti uummata Oromoo mudate furuuf tarkaanfii guddaa akka ta’e himu.

Haata’uutii garuu haalonni gaaffii uummata Oromoon faallaa deemaa jiraachuu wantoonni akeekan akka jiran dubbatu rogeeyyiin.

Gaaffiin abbaabiyyummaa uummanni Oromoo magaalaa Finfinnee irratti qabu aangawoota biltsiginnaatiin ifatti haalamaa jiraachuu ibsanii, Oromoon qe’ee isaatti keetii miti akka jedhame dubbatu.

Dhimmi magaalaa Dirree Dhawaas akkuma agartan jira kan jedhan rogeeyyiin, magaalaa dachee Oromoo irratti hundoofte naannoon Somaalee akkuma fedhetti seenee akka hunkuru godhamaa jiraa jedhan.

Dhimma afaan hojii mootummaa federaalaa fi bulchiinsota magaalota Finfinnee fi Dirree Dhawaa waliin walqabatee gaaffiin uummata Oromoo akka hin deebine gochaa kan jiru haqni dabe akka hin soroorre warra barbaadu, warra haqni Oromoo akka galu hin barbaadne, uummanni Oromoo waan isaaf malu akka hin arganne, ofii immoo barootaaf seeraan ala fayyadamaa turanii fi fayyadama seeraan alaa itti fufsiisuu warra barbaadu akka ta’e ibsu.

Biltsiginnaan gaaffii haqaa uummata Oromoo waliin dhaabbatee furuu caalaa dantaa siyaasaaf jecha warra haqa jallisee barootaaf seeraan ala fayyadamaa ture cinaa dhaabbachuu filatee jedhu.

Kanaaf gaaffiin afaanii sun otoo hin deebi’in akka jiru dubbatan.

Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa federaalaa akkasumas kan bulchiinsa magaalaa Finfinnee fi bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa ta’uun haqa barootaaf jallate kan soroorsu, dhawataan fayyadamummaa Oromoo kan mirkaneessu akka ta’e ibsan.

Biltsiginnaan gaaffiilee tarsimaawoo uummata Oromoo akka kanaa furuu caalaa Finfinnee yookin Dirree Dhawaa irratti namoota muraasa muuduu, warra isa jala yaa’an dinagdeen fayyadamoo taasisuu akka toftaatti fayyadamaa jira jedhan.

Gaaffiin uummata Oromoo akka kanaan hin deebi’u, mirgi uummata Oromoo haala kanaan mirkanaa’us hin jiraatu jedhanii falmu.

Biltsiginnaan furmaata tarsimaawaa dhiisee toftaa xixiqqootti rarra’ee jiraachuu akka filate himu.

Kanaafis gaaffii uummata Oromoo deebisuu caalaa gaaffii uummata Oromoo awwaaluu akka tarsimootti fayyadamaa jedhan rogeeyyiin miidiyaa hawaasaa.

Akka waan gaaffii uummataa deebisuu irratti keessa keessa waan hojjatamaa jiruu fakkeessuuf raayyaa miidiyaa hawaasaa ijaarrataniin olola sobaa tamsaasaa oolu jedhanii qeequ.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

16 − twelve =

Back to top button
Copy link