BusinessAfan OromoNewsSocial

Naayiroobii – Finfinnee atoobisiidhaan imalli eegale

Gatiin geejjiba qilleensaa daran qaalaye

Naayiroobii – Finfinnee kallattiin tajaajilli geejjibaa atoobisiin eegale.

 

Tajaajilli kun kan eegalame Dhaabbata tajaajila geejibaa ‘Abisiniyaa Leegzharii Kooch’ jedhamuun akka ta’e BBC’n gabaase.

Dhaabbatichi Dilbata darbe tajaajila kana ifatti eegaluu daarektarri dhaabbatichaa Mikaa’el Jeems Maachiiyoo miidiyaa kanatti himan.

Imala tokkoof Shilingii Keeniyaa 7,500 yookan ammoo dhaqaafi galaaf Shilingii Keeniyaa 15,000 (gara birrii Itoophiyaa kuma 16) akka kaffalchiisu ibseera.

Obbo Mikaa’el Abiisiniyaa Leegzhariin dura tajaajila geejiba deddebiisa ummataa ‘Royaal Allaayiid’ jedhameen Keeniyaa Moyaalee fi Mombaasaatti tajaajila ummata deddebiisuurratti bobba’ee akka ture kaaseera.

Waggaa afuriin dura kan hundeeffame ‘Royaal Allaayid’ daandii Itoophiyaa dhaquun hanga Moyaalee qofaatti hojjataa ture.  Amma gatiin tikeettii xiyyaaraa waan qaala’eef fedhiin atoobisiin imaluu jiraachuu fi fedhii kana guutuudhaaf tajaajilli gara biraa waan hin jirreef  qaawwa kana guutuuf ”maaliif kallatiidhaan [Naayiroobiirraa Finfinneetti] imala hin eegallu jechuun eegaluu” dabaluun hime.

”Ammatti atoobisota saddeeti qabna. Karoorri keenya 16 gahuudha. 16 keessaayis atoobisoonni jaha achuma Itoophiyaa keessa akka taa’an barbaadna. Isaanis karaa Jabuutiitiin ni galchiina” jechuun karoora dhaabbatasaanii gara fuulduraa BBCtti himeera.

Abisiniyaa Leegzhariin guyyaa guyyaadhaan Naayiroobii fi Finfinnee jidduu ummataa deddebiisuun hajjataa jira.

Tajaajila kana Dilbata darbe ifatti kan eegale yoo ta’u, imaltoota torba qofaatuu Naayiroobiirraa kallattiin Finfinneetti imaluuf tikeettii kutate ture.

‘Dilbata imala yaalii ture. Sababii haalaan beeksiifni hin hojjatamneef imaltoonni kallattii Naayiroobiirraa Finfinnee dhaqan hin argamne ture” kan jedhu Obbo Mikaa’el, ”atoobisichi namoota 46 qabachuuf dandeettii kan qabu yoo ta’u, kallattiin Finfinneetti imaluuf kan galmaa’an namoota torba qofaa turan” jedhan.

Imaltoonni garri caalan hanga Moyaaleetti kan imalan akka turan kan kaasan Daarektariichi, ”namoota torban sanas Salaam Baasiitti dabarsuudhaan gara Finfinneetti gaggeessineerra” jedhan.

Haata’u malee, Kamisaaf tikeettiin gara Finfinnee imaluu gurguramee dhumuusaa himeera.

Sarara imalaafi sa’aatii ilaalchiisuun, atoobisichi guyyaa keessaa sa’aatii 10 irratti Naayiroobiirraa ka’uudhaan, guyyaa itti aanuutti ganama keessaa Mooyaalee gaha.

Hanga tajaajilli immigireshinii banamuuttis imaltoonni akka boqatan kan kaase Obbo Mikaa’el, immigireshiniin ganama sa’aatii lamarratti ni xumurama jedhaniiru.

Achinsi ganama keessaa sa’aatii 2:30 irratti Moyaaleerraa, Yaabeelloo, Bulee Horaa, Dillaa, Hawaasaarra goree halkan keessaa naannoo sa’aatii 1:00tti Finfinnee akka galu ibsaniiru.

Haala nageenyaa ilaalchisee gaaffii dhiyaateefi Obbo Mikaa’el, ”osoo sararri kun hin eegaliin duras ani mataankoo yeroo 10 ol dedebii’eera. Imala kiyyaa yaaddoon nageenyaa na hin mudanne. Kana malees, nageenya daandii ilaalchisee, Moyaalee irraa odeeffannoo fudhaneeti kan imallu.

 Akkasuma, daangaa Itoophiyaa keessa halkaniin imala hin taasiifnu, guyyaa qofaa imalla” jechunn deebii kenne.

Dhaabbanni kun erga hundeeffamee reefuu baatii jaha akka ta’e kan kaase Obbo Mikaa’el, atoobisoota ummataa saddeetiin hojiisaa eegaluu fi lakkoofsa kanas gara 16tti ol guddiisuuf karoora qabaachuu dabaluun kaaseeera.

”Dhaabbatichi jalqaba Keeniyaatti hundeeffame. Achii erga xumurreen boodadha deemnee hayyama daldalaa baafachuuf gaafannee kan turre garuu ni harkiifate” jechuun dubbatan.

Keeniyaatti Imbaasii Itoophiyaatti ittaanaa Ambaasaadaraa kan ta’an Obbo Dammaqaa Axifoo torban sadiin dura ittigaafatamtoota dhaabbatichaa waliin dubbachuu imbaasichi beeksiisee ture.

Ambaasaadar Dammaqaan hoggantoonni dhaabbatichaa waa’ee fooyya’insa diinagdee maayikiroo ibsa taasisuu kaasuudhaan, imbaasichi ”hoggantoonni dhaabbatichaa carraa kanaatti fayyadamuun Itoophiyaatti damee akka bananiif jajjabeesseera” jedhan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

four × 1 =

Back to top button
Copy link