Humnoota Kaabaa fi Mooraa Oromoo
Humnoota Kaabaa fi Mooraa Oromoo

Bara 2018 olaantummaa gadhiisuu ABUT akka dogoggora hamaan raawwatameetti waltajjiiwwan aangawoota olaanoo ABUT fi hoogganoota waraanaa Tigraay irratti irra deddeebiin ka’uun akka dogoggoraatti irratti waliigalamuu maddeen keessoo OMNtti himaniiru.
Ergasii akkamiin gara olaantummaa duraanii sanatti deebi’uun akka danda’u waltajjiiwwan babal’aan biyya keessaa fi alatti yeroowwan garaagaraatti adeemsifamuu ibsaniiru.
Keessattuu mootummaa Eertiraa kan mootummaa Itoophiyaatiin waldhabdee keessa seene firoomfachuu, humnoota finxaaleyyii naannoo Amaaraa keessaas murnoota garaagaraa of waliin hiriirsuu akka tarsimootti qabachuu maddeen himan.
Lafa Walqaayitii fi Xagadee/Tsagadee kan naannoleen Amaaraa fi Tigraay irratti waldhabaa jiran akkasumas kan naannoon Amaaraa humnaan qabatee jiru akkasumas lafoota naannawaa Raayyaa waliin walqabatee humnoonni naannoo Amaaraa gartokkeen ABUT waliin hidhata tolfachuuf ni rakkanna jedhanii bulchiinsa Abiy waliin hiriiruu ragaaleen OMN dhaqqaban ni mul’isu.
Kanaanis naannawaa Walqaayitii fi Xagadee/Tsagadeetti humna haleellaa humnoota Tigraayiin raawwatamuu malu qolatu “የተከዜ ዘብ” jedhamu ijaarrachuu ragaaleen mul’isanii jiru.
Humnoonni naannoo Amaaraa gariin immoo ijjannoo dursa Abiy gamtoofnee buufnee booda waa’ee lafoota waldhabdee naannolee Amaaraa fi Tigraay irratti humnoota Tigraay waliin maryanna qabachuutu ibsame.
Warri kun ABUT waliin hidhata tolfachuutu dubbatama.
Gabaasota walqabatan;
ABUT fi humnoonni waraanaa Tigraay yoo mootummaa federaalaa fonqolchuun milkaa’uu baate Tigraay dhiibbaa mootummaa federaalaa ala taate qofaatti bulchuu hanga biyya walabaa ijaarrachuutti akeeka qabuu jedhan warri kaayyoo fi tarsimoo garichaa itti siqeenyaan hordofan.
ABUT boordii filannootiin haqamee jira. Filannoon biyyaalessaa bara dhufu adeemsifama. Kanaanis muddama cimaatu ABUT fi mootummaa federaalaa gidduu jiru.
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa fi mootummaa Eertiraa waraana narratti banuufi jechuun walii isaanii cimsanii walhimataa jiru.
Xinxaaltonni itti dhiheenyaan dhimma kana hordofaa jiran waraanni kaaba Itoophiyaa deebi’ee dhohuu waan hin oolle jedhu.
Waraana duraanii irratti mootummaan federaalaa, humnoonni naannoo Amaaraa fi Eertiraan walta’anii humnoota Tigraay waraanui himu.
Waraana itti aanu irratti immoo humnoonni Tigraay harka hedduun, mootummaan Eertiraa fi humnoonni naannoo Amaaraa gartokkeen waliin hiriiru jechuun xinxaalu.
Kanaan faallaa mootummaan federaalaa, humnoonni naannoo Amaaraa gartokkeen keessattuu warreen lafoota Walqaayit, Xagadee/Tsagadee fi Raayyaa irratti ijjannoo cimaa qaban, humnoonni Tigraay warri garee ABUT Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamu morman gamtaan dhaabbatu jedhu.
Hirmaannaan humnoota siyaasaa Oromiyaa ammatti ifa mitii jedhu xinxaaltonni.
Hayyoonni muraasni warri ABUT waliin hidhata tolfatan jiraachuu malu kan jedhan xinxaaltonni, uummanni Oromoo humnoota siyaasaa kaabaa irraa shakkii waan qabuuf humnoonni siyaasaa Oromoo humnoota kana waliin hiriiruuf ni rakkatu jedhan.
Uummanni Oromoo shakkii irraa qabaachuu qofaa otoo hin taane gartuuleen siyaasaa Oromoollee humnoota siyaasaa kaabaa waliin hidhata tolfachuuf maal irratti waliigaluunis gaaffii guddaa dha jedhu.
Kana malees seenaan siyaasaa Itoophiyaa kan bara 1983 dabalatee harka hedduun isaa humnoota siyaasaa kaabaa waliin gamtaa tolfachu irratti walshakkii akka uumu hayyoonni siyaasaa himu.
Gartuuleen siyaasaa Oromoo humna humnoota siyaasaa kaabaatiin gitu otoo hin ijaarratin gamtaa waliin tolfachuun balaa guddaa akka qabu xinxaaltonni himu.






