Afan OromoNewsPolitics

Muddamni mootummaa federaalaa fi humnoota Kaabaa garamitti deemaa jira?

Muddamni mootummaa federaalaa fi humnoota Kaabaa garamitti deemaa jira?

Jilli Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa hoggantoota naannoo Tigraay waliin maryate.

Abbootiin amantaa kunneen Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Leetinaal Jeneraal Taaddasaa Warradaa fi aangawoota naannichaa biroo akkasumas abbootii amantaa naannoo Tigraay waliin maryateera.

Jilli kun gara Tigiraayitti kan qajeele erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad waraanni hamaan ka’uu akka malu akeekkachiisanii torban lama booda.

Abbootiin amantaa otoo waantichi sadarkaa hin malle irra hin geenye nageenya mirkaneessuuf akka socho’an ministirri muummichaa hubachiisanii turan.

Waraanni marsaa itti aanu yoo ka’e badiin geessisu kan waraana yeroo darbee caalaa hamaa akka ta’u ministirri muummichaa akeekkachiisuunis waan yaadatamu.

Dubbiin kaaba Itoophiyaa sadarkaa walxaxaa irra akka gahe xinxaaltonni itti dhiheenyaan hordofan himu.

Eertiraan waraana duraanii irratti mootummaa Itoophiyaa waliin hiriirte amma humnoota Tigraay mootummaa federaalaatti mufatan waliin hidhata tolfataa jirti jedhu warri keessa beekan.

Addi Bilisummaa Uummataa Tigraay ABUT kan Dabratsiyoon Gabramikaa’eel faatiin hoogganamu boordii filannoo biyyaalessaatiin beekkamtiin isaa mulqamee jira.

Filannoon biyyaalessaa bara dhufu adeemsifama. ABUT yoo beekkamtiin isaa mulqame filannoo irratti hin hirmaatu jedhan ministirri muummee Abiy waggaa tokko dura.

Gabaasota Walqabatan;

Itoophiyaan Ertiraa, ABUT fi Hidhattoota kaan himatte

Humnoota Kaabaa fi Mooraa Oromoo

ABUT Dabratsiyoon faa humnoota Tigraay hedduun deeggaramu hudhaa kana keessaa bahuuf hidhata mootummaa Eertiraa waliin tolfachuuf yaalaa jira jedhamee qaamolee garaagaraan dubbatama.

Daangaan naannoo Tigraay fi Eertiraa gidduu jiru cufamee tures banamee jira. Dabratsiyoon hariiroo uummattoota Tigraay fi Eertiraa cimsuu jabeessinee itti fufna jechuunis waan yaadatamu.

Daangaa naannoo Tigraay fi Eertiraa irra loltoonni daangaa eegdotaa mootummaa Itoophiyaa akka hin jirree fi loltoonni Eertiraa akka fedhanitti Tigraay seenanii bahaa akka jiran kan dubbatan qondaala ABUT duraanii Aaddee Keeriyaa Ibraahim. 

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay duraanii obbo Getaachaw Raddaas tibba darbe qondaalonni olaanoon Tigraay fi hooggantoonni waraanaa naannichaa tokko tokko mootummaa Eertiraa waliin hojjataa jiraachuu irra deddeebiin himan.

Humnoonni finxaaleyyiin Amaaraa immoo eenyu waliin hiriirraa irratti waldiddaa qabu jedhan.

Humnoonni naannoo Amaaraa gartokkeen dhimma lafoota Walqaayitii fi Xagadee/Tsagadee akkasumas Raayyaa waliin walqabatee ijjannoo cimaa qaban humnoota Tigraay waliin hiriiruun bu’aa hin qabu jedhu.

waliin hiriirres humnoonni Tigraay yeroo ciman lafoota sana nurraa fudhatu, ABUT aangoo federaalaattis deebinaan uummata Amaaraa ni cunqursa, kanaafuu waliin hiriiruuf ni rakkannaa jedhanii akka yaadan keessa beektonni OMNtti himan.

Humnooni naannoo Amaaraa gariin immoo bulchiinsi Abiyyi haa bu’u malee waan dhufu mara ni fudhannaa jechuun ABUT fi mootummaa Eertiraa waliin hidhata tolfachuuf socho’aa jiraachuutu ibsame.

Humnoonni naannoo Oromiyaa bulchiinsa Abiyin waldhabdee qaban immoo eenyu waliin hiriiruun gaaffii guddaa dha jedhu xinxaaltonni.

Humnoonni Kaabaa seenaa keessatti uummata Oromoo cunqursuun beekamu kan jedhan xinxaaltonni, humnoonni kun ammas taanaan akeeka uummata Oromoo bilisa baasuu hin qabanii jedhu.

Humnoonni kun uummata Oromoo bulchiinsa Abiy jalatti cunqurfamaa jiruunuu Baala Gizee jedhuun kan jedhan xinxaaltonni, humnoonni otoo cunqurfamuu uummata Oromootiin Baala Gizee jedhan otoo aangoo qabatanii uummata kana akeeka cabsuu qabuu jedhu.

Humnoota kana waliin hidhata tolfachuuf yaaliin godhamu balaa guddaa akka qabus akeekkachiisu.

Keessattuu mooraa Oromoo otoo hin jabeessinii fi humna jaraan gitu otoo hin qabaatin jara waliin gamtaa tolfachuun uummata Oromoo cunqursaa humnoota kaabaa jalatti deebisuu danda’a jedhu.

Humna gitaa otoo hin ijaarranne jara waliin gamtaa tolfachuun yoo mootummaan amma jiru bu’ellee waanuma bara 1983 sanatu deebi’aa jedhu.

Oromoon dursa mooraa isaa jabeeffachuun hunda caalaa murteessaa akka ta’e himu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

twenty − 18 =

Back to top button
Copy link