Afan OromoNewsPolitics
Trending

Itoophiyaa fi Ertiraan wal himatan

Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa jidduu jiru.

Itoophiyaa fi Eertiraan tokko tokko isaanii waraana narratti banuufii jedhanii walhimataa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa xalayaa biyyootii garaagaraaf barreesseen Eertiraan waan birmadummaa koo sarbu raawwataa jirtii jedhee himate.

Mootummaan Eertiraa immoo mootummaan Itoophiyaa ofii isaatiif lola narratti banuuf yaalaa jira jedhee himate.

Mootummaan Itoophiyaa xalayaa gara Barreessaa olaanaa  Dhaabbata biyyoota gamtoomaniittii akkasumas hogganoota biyyootaatti barreesseen mootummaan Eertiraa waraana kakaasuuf yaalaa jira, birmadummaa Itoophiyaa waan sarbus dalagaa jira jechuun himate.

Himannaa Itooohiyaa kanaaf “Itoophiyaan lola waan  araaddeef  maqaa koo balleessaa jirti” jechuun Eertiraan deebii kennite. 

Mootummaan Itoophiyaa xalayaa gara Barreessaa olaanaa  Dhaabbata biyyoota gamtoomaniitti akkasumas hogganoota biyyootaatti erguu dabalatee  duula dippilomasii Eertiraan waraanaa kakaasuu fi himata Eertiraan birmadummaa Itoophiyaa sarbite jedhu irra deddeebiin oofaa jira jedha ibsi Ministeera odeeffannoo Eertiraa kun.  

Kun tapha hawaasa addunyaa sossobanii of cinaa hiriirsuu fi ajandaa waraanaa yeroo dheeraaf itti qophaa’aa ture yoo ta’u, makmaaksa  “Qacceen ofumaa garaftee ofumaa iyyiti” jedhuun tokko jedha ibsi kun.

Gabaasota biroo;

Art. Haacaaluu Hundeessaa Mallattoo Gootummaati

Ameerikaa Kaballaan diimeessine Ayaatolah Ali Kaameni

Raafama Siyaasaa fi Waraanaa Baha Giddugaleessa

Dhugaan jiru garuu, Paartiin  biyyattii bulchu waggoota lamaan  darbaniif  maal na dhibdeedhaan buufatawwan galaanaa  Eertiraa seeraan yoo didame immoo waraanan dhuunfachuuf yaalii gochaa tureera jedhe.

Sirnichi bittaa meeshaalee waraanaa fi hojii diigumsaa bal’aatti jira jetti Eertiraan.

Sochiin dallansiisoon kunneen birmadummaa Eertiraa fi tasgabbii naannichaa balaarra kan buusan ta’anis mootummaan Eertiraa garuu obsa filate jedhe.

Haa ta’uu malee mootummaan Itoophiyaa dhugaa lafa jiran kanneenii fi taateewwan walitti aananii jiran jajal’isuun  Eertiraa akka  balaa birmadummaatti dhiyeessuu itti fufeera jette Eertiraan.

Mootummaan Itoophiyaa immoo Eertiraan dhimma Itoophiyaa keessa harka naqachuuf socho’aa jirti jechuun himate.

Humnoota biyya keessaa mootummaa Itoophiyaa waliin dhibdee qaban waliin hidhata tolfachuun biyya hunkuruuf mootummaan Eertiraa yaalaa jira jechuun himate.

Kun otoo kanaan jiruu pirezidaantiin Eertiraa Isaayyas Afawarqii tibba darbe guyyaa bilisummaa Eertiraa irratti haasaa godhaniin dubbii hamaa Oromummaa irratti xiyyeeffate dubbatan.

Oromummaa akka ayidiwoolojiitti dhiheessan.

Uummata Itoophiyaa Kuush fi Seem jechuun qoqqoodinsa uumuuf wayita dubbatan dhagahame.

Dubbiin Isaayyas kun moora Oromoo biratti dallansuu guddaa uume.

Hayyoonni Oromoo ibsa gamtaan baasaniin dubbii pirezidaant Isaayyas cimsanii balaaleffatan. Paartileen siyaasaa Oromoo tokko tokkos ifatti ibsa baasuun dubbii pirezidaantichaa cimsanii balaaleffatan.

Kun otoo kanaan jiruu dura taa’aan Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay(ABUT) Dabratsiyoon Gabramikaa’eel kan boordiin filannoo beekkamtii irraa fudhate tibbana hariiroo uummata Tigraay fi Eertiraa cimsuuf hojiin hojjataa jiru jabaatee itti fufaa jedhan.

Dubbiin kun dhagahamee guyyoota muraasa booddee daangaan Tigraay fi Eertiraa gidduutti cufamee ture uummataaf banamuun dhagahamee jira.

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay duraanii obbo Getaachaw Raddaa qondaalonni ABUT fi kan humnoota Tigraay muraasni mootummaa Eertiraa waliin hojjataa jiru jechuun irra deddeebiin dubbatan.

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay jeneraal Taaddasaa Warradaas gaaf sirna aangoo walharkaa fuudhuu raawwatan hariiroo hin malle humnoota alaa waliin jiru nan dhaabsisa jechuun diippiloomaatotaa fi aangawoota fuulduratti mallatteessan.

Mootummaan Itoophiyaa immoo gartuun siyaasaa Tigraay mootummaa Eertiraa waliin hidhata tolfatee socho’u humnoota Faannoo naannoo Amaaraa waliinis hidhata tolfachuuf socho’aa jira jechuun himatee ture.

Aangawoota waraanaa Tigraay keessaa tokko kan ta’an Jeneraal Migbay Hayilee humnoota Faannoo qindeessee bobbaase jechuun ifatti himatee turuunis waan yaadatamu.

Kun otoo kanaan jiruu humnoota Tigraay waliin hidhata tolfannaa irratti humnoota faannoo gidduutti waldiddaan uumamuu maddeen himan.

Humnoonni Faannoo Gondar dhimma Walqaayitii fi Xagadee/Tsagadee waliin walqabatee humnoota Tigraay waliin hidhata tolfachuun rakkoo qaba jechuun hojjannee qabatan jedhame.

Humnoonni Faannoo Goojjam immoo hidhata tolfachuuf fedhii qabaachuu fi sochiitti jiraachuutu ibsame.

Kana gidduutti  tibbana dhimma Walqaayitii fi Xagadee/Tsagadee irratti naannoleen Tigraay fi Amaaraa muddama keessa yeroo jiran kanatti faannoon Goojjam ibsa mootummaa irratti duuala addaan adeemsisa jedhu baase.

Gartuun Faannoo Iskindir Naggaatiin durfamu tibba darbe loltoota Faannoo Eertiraa keessatti leenjisuuf, mootummaan Eertiraa deeggarsa meeshaa waraanaa akka taasisu, gartuun Faannoo sun Asmaraatti waajjira banachuuf jila gara Eertiraatti erguuf sochii irra akka jiru Iskindir Naggaa wayita dubbatu dhagahamee ture.

Haala kanaan muddamni Itoophiyaa fi Eertiraa gidduu jiru itti fufee jira.

Walwaraansi biyyoota lamaan gidduutti mudachuu danda’a sodaan jedhus jabaatee jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

13 − six =

Back to top button
Copy link