Afan OromoNewsPolitics
Trending

Mooraan Siyaasaa Oromoo Burjaajjii keessaa bahu qaba.

Mooraan Siyaasaa Oromoo Burjaajjii keessaa bahu qaba.

Uummanni Oromoo mooraa siyaasaa ofii jabeeffachuun dhimma akkaan murteessaa ta’uu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa himan.

Mooraan siyaasaa Oromoo humna gitaa yoo hin qabaanne maraammartoo cunqursaa biraa keessa seenna jechuun yaaddoo qaban ibsan.

Kutaaleen hawaasaa garaagaraa OMN’f yaada isaanii kennan, mootummaa kana jalatti rakkoo hamaa jala jiraachuun keenya ifa galaa jedhu.

Garuu ammoo humnoonni Kaabaa bilisummaa nuuf fidu jedhanii abdachuun yookin immoo otoo humna jaraan gitu hin ijaarratin jara waliin gamtaa tolfachuun rakkoo hamaa akka dhalu dubbatu.

Humnoonni kaabaa jaarraa tokkoo oliif dabaree walfuranii Oromoo cabsaa turan jedhu namoonni yaada kennan.

Barootaaf sirni cunqursaa gita bittaa uummata Oromoo irraan hacuuccaa hamaa geessisaa akka ture namuu waan yaadatu kan jedhan namoonni yaada kennan, jijjiirama bara 1983 hordofees Addi Bilisummaa Uummata Tigraay ABUT olaantummaa argate humnoota siyaasaa Oromoo moggeessee gartuu ofii bixxilatee waggoota 27f gidiraa hamaa uummata Oromoo irraan gahee jedhu.

Humnoota Kaabaa fi Mooraa Oromoo

Dubbii Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa Gochuu Waadaatti Hafe.

Muddamni mootummaa federaalaa fi humnoota Kaabaa garamitti deemaa jira?

Humni kun  daantaa garee isaatiin ala sabootaaf dhimma wayiituu akka hin qabne eeranii, waraana asdhihoo kana  waggoota lamaaf adeemsifame hordofeellee gaafa mariin nageenyaa adeemsifame humnoota waliin gamtaa tolfatan badheetti dhiisee mootummaa Itoophiyaa waliin mariitti gale jedhu.

ABUT yeroo tumsa barbaadu qofa  humnoota siyaasaatti dhihaata jedhu warri yaada kennan.

Warri yaada kennan mooraan siyaasaa Oromoo laaffachuu dubbatan.

Kaan mootummaa deeggara, kaan mootummaa waraana, kaan mootummaa morma garuu warra mootummaa waraanu hin deeggaru kana gidduutti uummanni burjaajii hamaa keessa jiraa jedhu.

Haala kanaan mootummaas buusuun hin danda’amu, diinaafis salphaatti cabuutu dhufa, yoo mootummaan bu’ellee humnoota faallaa uummata Oromoo jiran waliin maryatanii fayidaa Oromoo kabajsiisuun ni ulfaataa jedhu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa.

Dursa mooraa siyaasaa Oromoo jabeessuu fi humna gitaa ijaarrachuun akkaan murteessaa ta’uu himan.

Kana gochuuf immoo mootummaan qabsoo uummataan aangoo irra bahe gara bal’atee gartuulee siyaasaa Oromoo isa irraa mufii qaban waliin gadi taa’ee maryachuu qaba kan jedhan warri yaada kennan, warri mootummaa mormus dantaa sabaa akkamiin kabajsiiauun akka danda’amu irratti tarsimoo jabaa qabatanii dhihaachuutu fala jedhu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

four × three =

Back to top button
Copy link