Afan OromoPolitics

OMN: Mooraan siyaasaa Oromoo faca'ee jiru uummata Oromootti balaa fiduu mala.

Mooraan siyaasaa Oromoo faca'ee jiru uummata Oromootti balaa fiduu mala.

Mooraan siyaasaa Oromoo faca’ee jiru uummata Oromootti balaa kan ammaa caalaa fidaa jiraa jedhan kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa. Gartuuleen siyaasaa Oromoo kan mootummaa keessaa fi alaa waliigaluu dhabuun uummata Oromoo gatii kafalchiisaa jira, fuulduras balaa kana caalaatu uummata eeggataa jira jedhan.

Uummanni Oromoo yookii mootummaa naatoo sabaa qabu hin arganne, yookii immoo mooraa qabsoo Oromoo tokkoomee humna uummata Oromoo madaaluu fi kan diina alaalaa uummata kanatti gamu gitu hin argannee jedhu. Mootummaan qabsoo uummataatiin aangoo qabate gaaffii sabaa deebisuu akka hanqate himan.

Gartuulee siyaasaa Oromoo isa morman waliin ilaa fi ilaameen maryatee furmaata fidee mooraa qabsoo itichuu caalaa diraamaa filatee qofaadhuma koon waan fedhe godhaa ijjannoo jedhu tarkaanfachiisee jedhan warri yaada kennan.

Har’umallee diraamaa sana itti fufuu kan ibsan namoonni OMN dubbise, qaama dhimmi ilaallatu waliin gadi taa’ee maryachuu caalaa garee ofii ijaare waliin marii taa’ee “sagaleen dhukaasaa obbolaa gidduutti haa callisu” jechuun dhaadata, alii immoo maallaqa guddaa baasee qe’ee Oromoo guyyuu booyichi jirutti konsartii “Faana Nagaa” jechuun shubbisaa fi ragadatti jiraa jechuun qeeqan.

Gartuun siyaasaa Oromoo mootummaan mormus walii isaatuu gamtaa tolfachuu dadhabee jedhan. Garaa bal’atee waldhaggeeffachuudhaa hanqatee jechuun qeequ. Akeeka ifaa qabachuu hanqatee asii fi achi bittinnaa’ee “qofaa qofaa balbala warra gumaa dhaabbachuu” faa arginee jedhan.

Humnoota kaabaa kan guyyuu Oromootti dhaadatan firoomfachuuf yaaluu faatu mul’ate jedhan. Akka kanaan uummanni Oromoo bal’aan kan qabsoo obsa fixachiisaatiin Wayyaanee aangoo irraa qaarise atakaaroo ilmaan isaa gidduutti waggoota saddeeta darban gatii guddaa kafaluu dubbatan.

Hunda caalaa immoo waanti ulfaataan har’as dogoggora kaleessaa irraa baruuf qophiin dhabamuun dhimma yaaddessaa akka ta’e OMNtti dubbatan.

Tokkummaan humnoota siyaasaa kaabaa galmi isaanii olaantummaa warra kaabaa deebisuu akka ta’e namuu hubachuu akka qabus hubachiisan.

Mooraa siyaasaa Oromoo faca’ee jiru bakka tokkotti deebisuun egeree Oromoof dhimma akkaan murteessaa akka ta’es dubbatan. Uummata Oromootti waan jabaa kan ammaa caalutu itti deemaa jira kan jedhan namoonni yaada kennan, mooraan siyaasaa Oromoo gamaa gamana faca’uun uummata Oromoo balaa hammaataaf saaxiluu akka danda’u hubachiisaniiru.

Ilaalcha humnoonni faallaa uummata Oromoof qaban guyyuu argaa jirra kan jedhan warri yaada kennan, warri waggoota 150f uummata Oromoo cunqurse uummanni Oromoo mootummaa kana jalatti  haala kanaan dura mul’atee hin beekneen miidhamaa otoo jiruuyyuu Baalagizee jedhanii itti dhaadatuu jedhan.

Warri kun otoo milkaa’eefii aangoo qabatanii badii guddaa uummata Oromoo irraan gahuuf deemu kan jedhan kutaaleen hawaasaa garaagaraa yaada kennan, humnoonni siyaasaa kunneen sadarkaa kanatti uummata kanatti dhaadachuu kan gahan faffaca’uu mooraa siyaasaa Oromoo waan hubataniif akka ta’e himaniiru.

Humni waggoota 27f biyyattii bulchaa tures badii uummata Oromoo irraan gahe yoomuu hin dagannuu jedhan.

Bilisummaan humnoota kaabaatiin uummata Oromoof dhufe hin turres, gara fuula duraattis bilisummaan humnoota kaabaatiin dhufu hin jiraatu jedhan. Cunqursaa marsaa biraaf nutti dhaadatu kan jedhan warri yaada kennan, Oromoon waan lama addatti gochuu akka qabu dubbatan.

Tokkoffaa mooraa siyaasaa Oromoo namoonni siyaasaa Oromoo garaa bal’atanii tokkoomsuu, lammaffaan immoo humna gitaa uummata Oromoo madaalu ijaarrachuu akka ta’e himu.

Oromoon yoo tokko ta’e aggaammii kamuu qolachuuf gahumsa qaba, tokkummaa isaa tolfatee humna jabaa yoo ijaarrate alaalaa sodaatama jechuun yaada isaanii kennan.

Mootummaan “ilmaan Abbaa Gadaa ofii jedhu” gartuulee siyaasaa Oromoo waldhabdeetti waliin jiran ofitti qabee otoo hin barfatin marii haqa qabeessa furmaata waaraa fidu, gartuulee siyaasaa Oromoo mara injifatoo taasisu, mooraa siyaasaa Oromoo itichu, uummata Oromoo hudhaa keessa jiru afuura galfachiisu waliin taasisuu akka qabu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa yaada isaanii kennan yaamicha dhiheessaniiru.

Namoonni siyaasaa fi gartuuleen siyaasaa Oromoo atakaaroo walqabuu caalaa uummata Oromoo bal’aaf dursa kennuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

twenty + 4 =

Back to top button
Copy link