Afan OromoNewsOpinion

Art. Haacaaluu Hundeessaa Mallattoo Gootummaati

Artist Haacaaluu Hundeessaa mallattoo gootaa fi Oromummaati jedhan hayyoonni.

Artist Haacaaluu Hundeessaa mallattoo gootaa fi Oromummaati jedhan hayyoonni.

Artist Haacaaluu Hundeessaa goota bara baraan jiraatu, leegaasii, duudhaa fi seenaan isaa dhalootaa dhalootatti darbaa jiraataa jedhan hayyoonni “Torbee Yaadannoo ajjeefamuu Haacaaluu Huundeessaa waggaa 5ffaa” ilaalchisuun OMN waliin turtii taasisan.

Qophii OMN Dirree Waloo jedhamu irratti kan hirmaatan hayyoonni Oromoo Piroofeessar Takla’aab Shibbiruu, Dr. Sulxaan Qaasim, Dr. Jamaal Heebanoo, Dr. Girmaa Shuumii fi obbo Buttaa Dafii yoo ta’an “goonni lubbuun darbuus seenaa hojjateen ummataa fi biyya isaa keessaan jiraata jedhan.

Hayyoonni kunniin ajjeechaan Haacaaluu irratti raawwatame haleellaa kallatti eenyummaa Oromoo irratti raawwatameedha jedhan.

Gabaasota walqabatan:

Yaadannoo Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa Waggaa 5ffaa Minisootaa

Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa fi Biyyaa baafamuu OMN

Dr. Jamaal Heebanoo “Artist Haacaaluu Hundeessaa haqa Oromoo argamsiisuuf lubbuu deebii hin qabne kenne, goonni yoomuu hin du’u, goonni mallattoo biyyaati, goonni mallattoo Oromoo fi Oromummaati” jedhan.

Dr. Sulxaan Abdaa gama isaaniitiin, “qabsoo Oromoo keessatti dammaqiinsa uumuun, humna dargaggeessa Oromoo ta’ee akka Oromoon mirga isaatiif falmatu goota taasiseedha, inni mallattoo warraqsa Oromooti” jedhan.

Itti fufuun Dr. Sulxaan “dirqamni Oromoo irra jiru kaayyoo inni wareegameef itti fufsiisu fi dhugaa isaa baasuun yakkamaa gaafatamaa taasisuudha” jedhan.

“Haacaaluun akkuma jedhe ummata isaatiif qaalidha, abbaan isaa obbo Hundeessaa Boonsaa humna dhabe malee ilma koo kan ajjeesse beeka jedhani, haati manaa isaa ammoo dhugaa isaa waaqaa fi ummata Oromootti kennadhe jette, ummanni Oromoo garuu haqa isaa hordofaa jiraa kan jedhu gaafiidha” jechuun kan dubbatan Dr. Girmaa Shuumiti.

Obbo Buttaa Dafii gama isaaniitiin  Haacaaluun weellisaa qofa osoo hin taanee, falma mirga namoomaati, falmattoonni akka Haacaaluu mootummaan afaan Oromoo dubbatu jalatti ajjeefamuun nama gaddisiisaa jedhan.

Waggaa 5ffaan artist Haacaaluu Hundeessaa itti ajjeefame waxabajjii 29 yaadatamuuf qophiin taasifamaa jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

2 − 1 =

Back to top button
Copy link