Afan OromoHuman RightsNews

Lammiilee Itoophiyaa Saa'udiitti ajjeefamaa jiran

Hanga ammaa namoonni 10 ajjeefaman

Lammiilee Itoophiyaa Saa’ud Arabiyaatti murtiin du’aa itti murtaa’e irratti murtichi raawwatamaa jiraachuun ibsame.

Kaleessa namoonni lama kan duuti itti murtaa’e maatii isaanii yeroo dhumaaf bilbilaan akka dubbisan taasifamuu maddeen OMNtti himaniiru.

Kanneen maatii isaanii yeroo dhumaaf akka dubbisan taasifaman Kaliil Qaasim Mahaammad Ibroo fi Muraad Yaakuub Adam Siyyoo kanneen jedhaman ta’uu dubbataniiru.   Lammiileen kunneen ilmaan Oromooti jedhan.

Saa’ud Arabiyaatti lammiilee Itoophiyaa 47 ta’an irratti murtiin du’aa kan murtaa’e yammuu ta’u, lammiileen kunneen mana hidhaa Naajiraan Sijnal Ami jedhamuu baafamanii dabaree dabareen ajjeefamaa jiraachuu maddeen himaniiru.

Hanga ammaa gara 10 kan ta’an irratti murtiin du’aa raawwatamuutu ibsame.

Mootummaan Itoophiyaa lammiilee Sa’ud Arabiyaatti duuti irratti murtaa’e mootummaa Sa’udii waliin dubbachuun akka baraaru irra deddeebiin gaafatamus furmaanni hin argamne.

Lammiileen kunneen wayita daangaa Saa’ud Arabiyaa seenan baalli sammuu namaa adoochu harkatti qabamuun murtiin du’aa itti murtaa’e jedhan.

Haata’uutii lammiileen kunneen baala sammuu namaa adoochu ofii isaaniif fedhiin baatanii otoo hin taane daddabarsitoota namaa seeraan alaatiin dirqamaan baachifamuu jedhameera.

Hedduun isaanii waanuma baatanuu akka hin beekne eeranii, daangaa irratti humnoota daangaa eegdotaa Sa’udiin erga qabamanii mana hidhaa geeffamanii booddee dhagahuutu ibsame.

Ergasiis dhimma kana ofirraa falmuuf hireellee hin arganne jedhameera.

Dhaabbileen mirga namoomaaf falman baala sammuu namaa adoochu qabatanii argamuun sadarkaa murtii du’aatiin nama hin gahu jechuun Saa’ud Arabiyaa cimsanii qeequ.

Saa’ud Arabiyaan sababa baala sammuu namaa adoochu waliin qabuutiin lammiilee biyyoota alaa irratti murtii du’aa raawwataa jirti jechuun dhaabbileen mirga namoomaa irra deddeebiin murticha balaaleffachuu irratti argamu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

10 + 20 =

Back to top button
Copy link