Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Dirree Dhawaan Seenaanis, Seeraanis, Lafaanis tan Oromooti

Dirree Dhawaa lafa Oromooti

Dirree Dhawaan seenaanis seeraanis, himaanis, teessumma lafaatinis, baay’inna ummataatiinis, marfama naannootins tan Oromooti jedhan qaamoleen hawaasaa garagaraa.

Tibbana Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad magaalaan Dirree Dhawaa tan Oromooti jechuu isaanii hordofee, dhalattoonni Somaalee Dirree Dhawaan tan Oromoo osoo hin taane tan Somaalee  jechuun Ministirri muummee dhiifama gaafachuu qabu jedhu.

Kana hordofee OMN seenaa hundeeffama Magaalaa Dirree Dhawaa ragaalee garagaraa walitti qabuun qindeessee jira.

Seenaa Ona Afran Qalloo Dirree Dhawaa, Quubsuma Oromticha baha Oromiyaa, Ardaa Dhawaa Elemoo handhura daldaalaa fi diinagdee, Burqaa Sosochii Afran Qalloo,  Qe’ee hawwisoo Oromoo, walfalmii abbummaa Oromoo fi Somaalee, dhimmaa daangaa Oromiyaa Somaaleen weeraramani,  hurrii siyaasaa Dirree Dhawaa furmaata dhabe, akkaataa Dirree Dhawaa keessatti lakkoofsa Oromoo xinneessani kan Somaalee itti guddisuuf yaala jiran, akkaataa Somaaleen dhufte Dirree Dhawaa keessa ittiin qubattee, daba siyaasaa Dirree Dhawaa keessatti hojjatamaa jiran irratti gabaasa bal’aa qindeessinee jirra.

Seenaa Hundeeffama Magaalaa Dirree Dhawaa

Bara 1880moota dura yeroo Minilik Oromiyaa bahaa weeraruu magaalaan giddugalaa siyaasaa fi diinagdee Oromiyaa bahaa magaalaa Jaldeessaa jedhamti.

Dirree Dhawaan gara magaalummaatti kan jijjiiramte bara 1902 daandiin baaburaa Itoophiyaa akka seenuf murtaa’uu hordofeeti.

Daandiin baaburaa yeroo diriirfamu magaalaa Jaldeessaa keessaan akka bahe Finfinnee qunnamu yaadamus sababa Tabbaa fi Lafa Gaaraatiin magaalaa Jaldeessaa keessa bahuu dadhabuu hordofee ardaa Dhawa Elemoo keessa akka bahu taasifame. 

Yeroo kana magaalaan Dirree Dhawaa kan hundooyte. Dirreen Dhawaa Sababa Daandii Baaburaatiin gara magaalatti jijjiiramte.

Dirree Dhawaan osoo bifa magaalaa hin qabaatin naannawa magaalaa Fi Dachaatuu jedhamu namni Gosa Afran Qalloo keessaa ta’e kan maqaan isaa Dhawaa Elemoo Muudee jedhamu jiraataa waan tureef Maqaan Dhawaa jedhamu fudhatame.

Lafti inni irra qubatee jiraataa ture kun diriiraa waan ta’eef Dirree Dhawaa Elemoo Muudee  irra jiraatuu ykn qe’ee, ardaa Dhawaa Elemoo Muudee jedhamee waamamaa ture.

Kana jechuun Dirreen Maqaa lafa diriiraa bal’aa Oromoon ittin waamu yoo ta’u, Dhawaan ammoo nama gosa Afran Qalloo lafa san irra jiraataa tureeti. Adeemsa keessa maqaan Dirree Dhawaa jedhamu kennameef.

Dirree Dhawaan maqaa Dirree Dawaa jedhamunis ni waamamti. Warri Afaan Oromoo hin beekne qubee dachaa Dh waamuu waan hin dandeenyeef Dirre Dawaa jedhu. Hiikaan isaa Dirree Qorichaa akka jechuuti. 

Dirree Dhawaan, Gandoota baadiyaa 38 fi Gandoota magaalaa 9 qabdi.

Baadiyaa 38 fi magaalaan sun walitti dabalamuun Dirree Dhawaa jedhamu. Magaalaan Araddaalee 9 qabdi. 

Caasaan bulchiinsa Baadiyaa Dirree Dhawaa Kilaastara 4tti qoodama. Isaanis Kilaastara Waahil, Kilaastara Biyyoo Awwaalee, Kilaastara Biyyoo Jaldeessaa fi Kilaastara Hasallisoo jedhamu.

Kilaastara Biyyoo Jaldeessaa jala baadiyaalee akka Muldhii Aanannoo, Laga Diinii, Malkaa Qarroo, Kullaayyuu, Dabeellee, Garba Aannannoo, Jaldeessaa fi Cirii Mixii fa’atu argama.

Kalaastara Waahil jala ammoo Harallaa, Jaalloo Bal’innaa, Dhujumaa, Waahil, Laga Odaa Mirgaa, Laga Odaa Gunuunfataa, Korrisoo fi Hulul Mojoo jedhamantuu argama.

Baadiyaaleen Kilaastara Biyyoo Awwaallee jalatti argaman ammoo, Ija Aananii, Laga Birraa, Adaada, Biyyoo Awwaallee, bishaan bahee, Bakkee Halloo, Qaallicha, Gumgum, Balawaa fi Kurtuu jedhamantuu argama.

Baadiyaalee Kilaastara Hasallisoo jalatti kanneen argaman ammoo, Hulaa Ulul, Laga Dool, Laga Harree, Gadaan Saar, Hasaliso, Falamaa, Ganda Rigee, Gola Adag fi Booran jedhamantu argama.

Magaalaan Dirree Dhawaa garreewwan garagaraatiin marfamtee argamti.

Garreen Magaalaa Dirree Dhawaa marsan 11 yoo ta’u, isaaniis Gaara Daaluu, Gaara Kiyyoo, Gaaraa Diboolee, Gaara Kooraa, Gaara Toomaa, Gaara Raabal, Gaara Falamaa, Gaara Diimaa, Gaara Buttujjii, Gaara Farda Alaa fi Gaara Baabboo jedhamantuu Magaalaa Dirree Dhawaa marsee argama.

Maqaaleen Gandaa fi Gaarreenii kunniin eenyummaa lafa Oromoo kan mul’isaniidha.  

Falmii Oromoo fi Somaalee

Ragaan Waajjira Istaatistiksii Magaalaa Dirree Dhawaa akka agarsiisutti Gandoota Baadiyaa fi Magaalaa Dirree Dhawaa keessatti haala quubsuma ummataa bara 1987 yoo ilaalee Oromoon Dhibbeentaa 48, Amaarri Dhibeentaa 27.7, Somaaleen Dhibbeentaa 13.9, dhalattoonni Tigraa Dhibbeentaa 1.8, Guraagee dhibbeentaa 4.5, Hararii Dhibbeentaa 1.7, Hadiyyaa dhibbeentaa 0.5, Kanneen biroo Dhibbeentaa 1.8ti ture. 

Lakkoofsa bara 1999tiin ammoo lakkoofsi ummata Oromoo Magaalaa Dirree Dhawaa kuma 157 fi 991, Amaarrii kuma 68 fi 887, Somaaleen kuma 83, 114, Kun Dhibbeentaan yoo ilaalu Oromoo dhibbeentaa 46.08, Amaarri Dhibeentaa 20.09, Somaaleen Dhibbeentaa 24. 24 taate. 

Garaagarummaan lakkoofsa ummataa bara 1987 fi 1999 jidduu jiru Oromoon bara 1987 dhibbeentaa 48 yoo ta’u bara 1999 dhibbeentaa lamaan hir’ifamuun 46tti gadi bu’e. Somaaleen bara 1987 dhibbeentaa 13.9 turte bara 1999 dhibbeentaa 24.24tti ol guddatte.  Oromoon dhibbeentaa 2 hir’ate, Amaarrii Dhibbeentaa 7 hir’ate, Somaaleen ammoo dhibbeentaa 11 dabalte.

Akka Ragaaleen mul’isanitti yaaliin siyaasaa Somaalee fi Oromoo lafa kana irratti falmisiisuuf lakkoofsa Oromoo xiqqeessanii kan Somaalee ammoo dabalu adeemsifame. Kunis daba siyaasaa abbaa qabeenyummaa Oromoo irratti raawwatameedha.

Maddi Ka’umsa Falmii Dhirree Dhawaa kanneen akka Oromiyaa irraa baasani bulchiinsa federaalaa taasisuu, Waarshaalee Indastirii cufuu, Uggura Diinagdee kanneen akka Jimaa, Kuduraa fi muduraa  taasisu fa’a.

Indaratiriiwwan fi waarshaalee garagaraa cufamuun Ummanni magaalaa keessaa akka Dheessuu taasifame. Faallaa sanii ammoo sabni akka Somaalee gara magaalaa akka godaanu hojjatame.

Gama biraatiin manni maree magaalaa Dirree Dhawaa teessoo 189 kan qabu yoo ta’u, Oromoon 75, Somaaleen 75, Amaarri 24 Ummatoonni Kibbaa 9, Tigreen 3, Harariin 3 qabu.

Kun ammoo dadhabinna hooggantoota siyaasaa Oromootiin akka ta’e kan akeekuu ragaaleen walitti qabataa turre, Hooggansi Somalee Qe’ee Oromoo irratti abbaa ta’uuf qabsaa’ee sagalee Oromoon qixaa yoo argatu, hooggansi Oromoo ammoo dantaa Oromoo dabarsuu Somaaleef kenne.

Heera Mootummaa Federaalawa Diimookaraatawa Riipaablika Itoophiyaa irratti  dhimmi Dirree Dhawaa hin jiru.

Heera Mootummaa Federaalawa Diimookaraatawa Riipaablika Itoophiyaa irratti naannoolee amma hundaa’an malee naannoolee Sagalii fi magaalaa takkatu ibsame.

Dirree Dhawaan teessuma lafaa, seenaa fi baay’innaa ummataatiins Oromiyaa keessa jiraattus HMFDRI keessatti hin Caqafamne, HMNO keessattis hin caqafamne. Kun ammoo daba siyaasaa Oromoo irratti hojjatameedha.

Magaalaan tun Federaalaan bultii akka hin jennee heera irratti magaalaa ofiin of bulchitu jedhamee hin labsamne. Magaaloota naannoo Oromiyaa keessaa takka akka hin jennes HMNO irratti magaalaa Oromiyaati jedhame hin ibsamne.

Kanaaf magaalaan Dirreen Dhawaa Magaalaa Chaartaraan bultuu taatee akka falmii siyaasaaf mijjooytutti caasseefamte.

Mootummaan naannoo Somaalee Walakkaa Baha Oromiyaa keessa seenuun abbummaa Dirree Dhawaa irratti gaafii akka kaasuuf kan haala mijjeessee hooggansa siyaasaa Oromoo ADWUI waliin hojjataa tureedha kan jedhan hayyoonni seenaa, bara 1993 yeroo mootummaa naannoo Somaalee hundaa’u magaalaan Jijjigaa ergisaan teessoo mootummaa naannoo Somaalee taatee kennamtee jedhan.

Har’a Oromoon gaafii Abbummaa Jijjigaa irratti kaasuu osoo qabu, Somaleen Aanotaa fi magaaloota daangaa irratti argaman weeraraan qabatteen cinatti magaalaa Dirre Dhawaa irratti gaafii abbummaa kaasaa jirtii jedhan.

Gaafii Somaaleen kaasaa jirtuuf kan haala mijjeessaa jiru ammoo hooggansa siyaasaa Oromoo ta’uu himu.

Daandiin Baaburaa bara 1902tti Dirree Dhawaa dhaqqabuun Dirre Dhawaan magaalomuu hordofee Somaalonni, Warri Jibuutii fi araboonni biyyoota garagaraa meeshaalee daldaala isaanii ol fidani Dirree Dhawaa keessatti Afatanii gurguraa turan.

Gosoota Somaalee meeshaa daldalaa ol fidanii afatanii gurguraa turan keessaa Gosti Issaa takka yoo taatu, gosti tun ganama meeshaa ishii Dirree Dhawaa fiduun afattee gurgurataa oltee galgala galti. 

Naannoo gosti Somaalee xiinnoon tun Meeshaalee afattee itti gurgurattu tana Oromoon naannoo Afata Issaa (Bakka gosti Issaa waa itti afattee gurgurttu) jechuun waamaa ture.

Gosti Issaa tun adeemsa keessa meeshaa Fiddee gurgurachuu irraa gara achuma bultee borumtumaas itti fuftee gurguruu ceete. 

Sababa daandii baaburaatiin Dirree Dhawaan giddu gala daldaalaa ta’aa waan dhufteef gosti Issaa jedhamtu tun hawaasuma Oromoo Afran Qalloo Naannicha jirutti makamtee mana ijaarachuun jiraachuu jalqabde.

Erga Mootummaan ADWUI aangoo qabatee booda Dhaaba Siyaasaa Somaalee Adda Bilisummaa Issaa Fi Gurguraa fi dhaaba Siyaasaa Oromoo Adda Bilisummaa Oromoo irraa gaafiin Abbaa biyyummaa Dirree Dhawaa irratti ka’e.

Falmiin kun dhaabota Siyaasaa Somaalee fi Oromoo jiddutti bara 1991 hanga 1993tti adeemsifame. Bara 1993 wayta mootummaa naannoo Somaalee hundaa’u, magaalaan gudditti naannichaa Dirree Dhawaa akka taatuuf gaafiin dhiyaatee ABO fudhachuu waan didef osoo hin milkaa’in hafe.

Haala kanaan bara 1995 hooggansi siyaasaa Oromoo ADWUI wajjiin hojjatu DHDUOn hanga Ogaadiin misoomtuu jechuun magaalaa Jijjigaa ergisaan naannoo Somaaleetiif kenne.

Mootummaan naannoo Oromiyaa ergisaan Jijjigaa Somaaleef kennus Meeshaa ergisee deebisee hin fudhanne. Deebisee fudhachuu dhabuun isaa ammoo Somaaleen Kan daangaa bal’aa Oromiyaa waajjin akka qooddattu godhee ADWUI sararee lafoota Oromiyaa danuu weeraruun qabattee jirti.

Magaalaa Dirree Dhawaa kan daangaa irraa fagoo jirtu, lafoota gidduu Somaalee fi magaalatti jirtu adeemsa adeemsaan weeraruun amma magaalaa Daangaa irratti baaftee jirti.

Sababa kanaan maanguddoonni fi namoonni siyaasaa Somaalee magaalaan Dirree Dhawaa magaalaa Somaaleeti jechuun gaafii abbummaa kaasaa jiru.

Amajjii 25, bara 2025 Heerri Aadaa Gosa Issaa UNESCO irratti galmaa’uu hordofee sagantaa galateefannaa magaalaa Dirree Dhawaa irratti qophaa’e irratti maanguddoonni gosa Issaa Magaalaan Dirree Dhawaa kan Somaalee ti jechuun bulchiinsa Somaalee jalatti akka deebituuf gaafachuun isaanii ni yaadatama.

Hooggansi siyaasaa Oromoo bulchiinsa biyyatti harkaa qabu dhimma kana irratti waan jedhe hin qabu.

Dhimmi Magaalaa Dirree Dhawaa akkuma magaalaa Finfinnee Hiibboo deebii dhabe ta’ee itti fufee jira.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa dubbii dhalattoonni naannoo Somaalee dubbatan hordofuun komii isaanii miidiyaa hawaasaa irratti barreessaa jiru. 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

eleven − 11 =

Back to top button
Copy link