Afan OromoNews
Trending

Barreessaa Kumsaa Burraayyuu fi Seenaa isaa

Obbo Kumsaa Buraayyuu warra qabsoo Oromoo keessatti gumaacha olaanaa taasisan keessaayi.

Barreessitoota ogbarruu ammayyaa Oromoo keessaa angafoota warra ta’an keessaa tokko kan ta’an obbo Kumsaa Buraayyuu du’aan addunyaa kana irraa boqatan.

Obbo Kumsaa Buraayyuu warra qabsoo Oromoo keessatti gumaacha olaanaa taasisan keessaayi.

Obbo Kumsaa Buraayyuu Abbaa isaanii obbo Buraayyuu Baloo Dabalii fi haadha isaaniii aadde Zoodituu Wayyeessaa Xiixaa irraa akka lakkoofsa Giriigooriyaan Sadaasaa bara 1969 bulchiinsa yeroo sanaa Kutaa biyya Wallaggaa, Konyaa Horroo Guduruu, Ona Eebantuu, Ganda Annisoo, bakka Harbuu Jaankoo jedhamutti dhalatan.

Akkuma umuriin isaanii barnootaaf gaheen, barnoota isaanii

– kan sadarkaa Duraa Mana Barnootaa Qeellootti,

– kan sadarkaa Jiddu-galeessaa Mana Barnootaa Hindeetti,

– kan Sadarkaa Lammaffaa Mana Barnootaa Giddaa Ayyaanaatti barachuun bara 1987 keessa xumuran.

Gabaasa walqabatan;

Seenaa jireenyaa fi Qabsoo Dr Moggaa Firrisaa

Baroota 1988 hanga 1990tti namni Ogbarruu ammayyaaf Oromoof guca ta’an kun, bara 1991 Yunversiitii Finfinneetti barnoota al-idilee (kan halkanii) jalqabanii osoo barataa jiranii Mootummaan Dargii kufe.

Walakkeessa Bara 1991 hanga Walakkeessa bara 1992tti akka Dabballee ABOtti dirqamoota gurguddoo adda addaa ba’achuu seenaan isaanii hima.

Barsiisaa Qubee Afaan Oromoo ta’uun Oromoota Finfinnee keessa jiraatan hedduu afaan ofiin dubbisuu fi barreessuu kan barsiisan obbo Kumsaan, Oromoota hedduu Finfinnee keessa jiraatan (kanneen yeroo sana Yunversiitii Finfinneetti barachaa turan dabalatee) Seenaa Saba isaanii fi seenaa Qabsoo Bilisummaa isaanii hubannoota gumaachuutu ibsame.

Kana malees hooggansa Hawwisoo ABO Guutuu Oromiyaa ta’uun aadaa Ummata Oromoo kan guutummaa Oromiyaa wiirtuu Qabsoo Bilisummaa jalatti gurmeessuun; tokkummaa saba Oromoo jabeessuuf gumaacha olaanaa bahatan.

Do’ii/tiyaatira Oromoo yeroo jalqabaaf Finfinnee keessatti qophaa’ee Galma Tiyaatirii Biyyaalessaatti agarsiifame  ‘Dukkanaan Duubaa’ jedhamu bifa hundaan qindeessuu fi milkeessuu keessatti qooda guddaa gumaachan obbo Kumsaa Buraayyuu.

Baruma 1992 kana keessa obbo Kumsaan Kitaaba asoosama Afaan oromoo “Suuraa Abdii” jedhamu barreessuun baatii Amajjii bara 1993 keessa maxxansiisan.

Kitaabni kun Kuusaa Gadoo fi Godaannisatti aane seenaa maxxansaa asoosama Afaan Oromoo keessatti isa 3ffa ta’uu isaati.

Akkasumas, jalqaba bara 1993tti irraa kaasee jaallan isaanii waliin ta’uun dhaabbata Maxxansii fi Beeksisii Madda Walaabuu jedhamu hundeessuun barruulee siyaasaa, dinagdee, aadaa fi hawaasumma ummata Oromoo irratti xiyyeeffatu baatii baatiin maxxansuu eegalan.

Gulaalaa barruulee Madda Walaabuu ta’anii jalqaba 1993 hanga dhuma 1995tti hojjetaniiru.

Baroota Gulaalaa Madda Walaabuu turanitti Kumsaa fi waahillan isaanii tika EPRDFin qabanii yeroo hedduu Ma’ikelaawii fi bakkoota adda addaatti hidhaan hiraarfamaa turan.

Barreessaafi daarikteera akkasumas Qabsa’aan Oromoo guddaan kun Yuunivarsiitii biyya keessaafi biyya alaarraa barnoota adda addaan digrii isaanii argataniiru.

Waggoota digdamman darbaniif biyya Ambaa kan jiraatan namni kun, abbaa ijoollee lamaa ta’uun hojii Ogbarruu Oromoo dargaggummaa isaaniitti eegalan itti fufsiisuuf, Waggaa sadii dura SUURAA ABDII irra deebiin maxxansuun gabaatti deebisanii turan.

Waldaan Barreessitoota Oromiyaas goota Ogbarruu fi abbaa barreessitoota ammaa fi hangafa barreessitoota Ogbarruu Ammayyaa Oromoo keessaa tokko jechuun Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa isa jalqabaa irratti beekamtii Badhaasa Ogbarruu Gaaddisaa kenneefii ture Lalisaa Idriis yaadachiise.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

two − one =

Back to top button
Copy link