Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Waamicha Nagaa, Tokkummaa fi Diimookraasii KFOn taasise.

Kufaatii Siyaasaa, Nageenyaa fi diinagdee Itoophiyaa

Koreen Giddugaleessaa Kongiransii Federaalawa Oromoo “waamicha tokkummaa, Nagaa fi daandii diimookaraasii” taasise.

Koreen Giddugaleessaa KFO yaa’ii guyyoota lamaaf adeemsisaa tureen booda ibsa baaseen waggoonni 7n darban kanneen abdii banaa dimookiraasii seena-qabeessaan eegalaman, seenaa abdii qisaasamee ta’anii galmaa’ani jiru jedhe. 

Har’a Oromiyaa fi guutuun Itoophiyaa walitti bu’iinsa siyaasaa, nageenyaa, diinagdee fi namoomaa kan walxaxaafi hamaachaa deeman marsaa jeequmsaa badii fidu keessa seenani jiru jechuun ibse.

Paartichi rakkoo biyyatti muudatee kanaan miidhamni guddaan irra gahuu eeruun waajjiraaleen isaa cufamanii, miseensonni isaa ari’atamaa turanis, KFO’n daandii qabsoo karaa nagaa irratti cichee jira jedhe.

Haqaa fi tasgabbii Itoophiyaa keessatti fiduuf madda rakkoo hundaa kan ta’e rakkoo siyaasaa furuun murteessaadha kan jedhe Koreen Giddugaleessaa KFO, rakkoo siyaasaa jalatti qabxiiwwan hedduu eeree jira.

  1. Kufaatii Siyaasaafi Nageenyaa:

Mootummaan sirna ijaarsa dimookiraasii diigee jira kan jedhu ibsi kun, Miidhaan kun hidhamuu, ukkaamfamuu, fi ajjeechaa gaazexeessitoota, aktivistoota, fi hoggantoota siyaasaa mormitootaa lakkoofsa hin qabne dabalataa jedhe.

Seeronni miidiyaa, paartilee siyaasaa fi Jaarmiyaalee siivilii ukkaamsuuf dhiyeenya kana ba’an, haaromsa fiduu mannaa, carraa banama diimokraasii uumamee ture ugguruun, paartilee siyaasaa, miidiyaalee fi dhaabbilee siivilii yaada mormii qaban cufuuf meeshaa ta’uun, mormiin siyaasaa akka laafu taasisee jiraachuu ibse.

Adeemsi dimookiraasii mataan isaa heera mootummaa seeraan alaan fooyyessuufi filannoo biyyaalessaa 6ffaa guutummaatti butuun gadi-buufamee jira jedhe.

Gochoonni kunniin walitti idaa’amee dirreen siyaasaa guutummaatti akka cufamu taasisuun, humnoota mormitootaa hedduuf waraanni filannoo tokkicha akka ta’utti akka ilaalamu taasisee jira jedha. 

Bu’aan isaas waraana biyya balleessaa jirudha: Oromiyaan handhuura waraana hin dhaabbanne taatee jirtii, naannoo Amaaraattis waraanni hamaan itti fufee jira, akkasumas nageenyi Tigraay keessaa jirus haala yaaddessaa keessa jira jechuun addeesse.

Waraana fi jeequmsa biyya keessaa babal’isuun kun, imaammanni qunnamtii  alaa of-eeggannoo hin qabne kan Gaanfa Afrikaatti jeequmsa babal’isaa jiruun cinaa deemaa jira kan jedhe ibsichi, Waliigalteen Walhubannaa (MoU) Somaalilaand waliin kophaatti taasifame dogoggora diplomaasii guddaa kan Mootummaa Federaalaa Somaaliyaa qofa fageesse osoo hin taane, sadarkaa idil-addunyaatti birmadummaa biyyaa ilaalchisee seera tumame kan cabsedha. Itoophiyas akka biyya burqaa jeequmsaa fi tasgabbii dhabuu gaanfa Afriikatti akka ilaalamtu taasisee jira jechuun ibse.

Hulaa Galaana Diimaa argachuuf tattaaffiin godhamaa jiru kun, Ertiraa waliinis walitti bu’iinsa hamaa uumee, sossoochiin waraanaa dabalaa deemuu duumessi waraanaa akka dorrobu taasiseera. Hulaa galaanaa argachuun fayidaan biyyoolessaa haalamuu baatus, tooftaan fayidaa kana itti mirkaneessuuf adeemame balaa guddaa kan biyyatti waamaa jiruudha jedha Koreen Giddugaleessaa Kongiresii Federalawaa Oromoo.

Gabaasota biroo;

OMN: Biltsiginnaa: Ganamuu Sirna Federaalziimii fi Kaayyoo Oromoo

Burjajjii Mooraa qabsoo Oromoo fi gaafii ummataa

Mooraan Siyaasaa Oromoo Burjaajjii keessaa bahu qaba.

  1. Kufaatii Diinagdeefi Hawaasummaa:

KGG KFO itti fufuun jeequmsi waraanaa kun kufaatii diinagdee guutuu fideera. Hanqinni bulchiinsi mootummaa kan ifatti mul’atu, pirojektiiwwan miidhaginnaa irratti xiyyeeffachuun bu’uuraalee barbaachisoo dagachuun, Kanaanis manneen jireenyaa namoota kumaatamaa seeraan ala, beenyaa gahaa malee jalaa diiggamuun  alatti akka gataman taasisee jira jedha.

Maqaa ‘bilisoomsuu diinagdee’ jedhuun, mootummaan birmadummaa diinagdee biyya keenyaa faayidaa alagaatiif dabarsee kennee, yeroo wal fakkaatutti liqii fi idaa biyyoolessaa kan dhaloota dhufuuf ba’aa ta’u kuusee jira jedha. 

Murteen dogongoraa kuni qaala’iinsa jireenyaa hamaafi rakkina guyyaa guyyaan uummata keenya mudachaa jiruuf sababa guddaadha. Rakkoon kun amma qaala’iinsa jireenyaa samii tuqee, gatii meeshalee bu’uuraa miliyoonotaaf hin danda’amne taasisee jira.

Mindaafi faayidaan hojjettoota mootummaa, akka hin daballe taasifamee, mootummaan gaaffii isaanii sirriifi seera-qabeessa ta’eef deebii kennuuf fedhii akka hin qabne irra deddeebiiin mirkaneessee jira.

Mootummaan saamicha sirnaawaa ifatti raawwatamu bu’uuresseera: sababa adda addaatiin qonnaan bultoota, daldaltoota, fi hojjettoota biyyatti irraa maallaqa karaa seeraan alaatiin walitti qabuun saamichi ifatti gaggeeffamaa jiraachuu KFOn ibsee jira.

Waraanaa fi kufaatiin diinagdee hoji dhabdummaa fi abdii kutannaa babal’isuun dargaggoonni karaa seeraan alaatiin Somaaliyaa, Jibuutii, Sudaan, Libiyaa fi biyyoota biroo keessaan akka baqatan taasisee jiraachuu ibse.

  1. Haleellaa Sirnaawaa Sirna Federaalizimii Sab-daneessaa Irratti Gaggeeffamu:

Handhuurri rakkoo biyyaalessaa duula sirna federaalizimii sab-daneessaa laaffisuuf gaggeeffamuudha, kaayyoon isaas mootummaa giddugaleessaatti aangoo walitti qabuu fi abbaa irree deebisanii ijaaruudha. 

Miidhaan kun tooftaalee dhoksaa ta’aniin gaggeeffamaa akka jiru kan ibse KFOn “ajaja poostii” giddugaleessaan to’ataman kanneen mootummoota naannoo gadi qaban hundeessuu; imaammataafi seera baasuun of-danda’ummaa naannoofi aangoo heeraan kenname keessa seenuu; fi seenessuu biyyoolessaa tokko qofa kan mirga ofiin of-bulchuu heeraan mirkanaa’e tuffatu ol-kaasuudha jedhe.

Adeemsi kun kakuu Itiyoophiyaa walitti qabee jiru irratti haleellaa kallattii yoo ta’u, bu’aa qabsoo waggoota dheeraa  saba keenyaa duubatti deebisee, sabootaafi sab-lammoota biyyattii gara diigamuutti oofaa jira jedhe.

  1. Ejjennoo Qajeeltoo KFO fi Waamicha Tokkummaa Oromoo

Koreen Giddugaleessaa KFO wal-dhabdee fi walgaarreffannaan beektotaa fi humnoota siyaasaa Oromoo gidduu jiru akka dhaabbatu waamicha godhee jira.

III. Kallatii Fuulduraa Haal-duree Waliin Kaayameefi Gaaffiiwwan Keenya Bu’uuraa Karoora Ce’umsa Dimookiraasii Biyyaatiif Dhiyeessinu.

Filannoon bara 2018 dhufu, fi haalli siyaasaa fuulduraa kamiyyuu, jijjiiramni fiduu danda’amu kamuu hundee dorgommii dimookiraasii deebisanii ijaaruu irratti hundaa’a kan jedhe KFOn, Kana ilaalcha keessa galchuun, karoorri haaraan ce’umsa dimookiraasii akka dhufuuf gaaffiiwwan sirrii  fi bu’uuraa mootummaa Itoophiyaatiif dhiyeessina jedhe.

1/Waraanonni Hundinuu Dhaabbatanii Adeemsi Nagaa Hunda-hammate Akka Gaggeeffamu: Waraanni Oromiyaafi Amaaraa keessatti gaggeeffamaa jiru haala mirkanaa’aa fi qaama idil-addunyaatiin to’atameen  atattamaan  akka dhaabbatu, itti aansuunis garee hidhateefi siyaasaa hunda waliin mariin siyaasaa hunda-hammateessaan akka gaggeeffamu gaafanna jedha.

2/Bilisummaa Dimookiraasii Deebisuufi Caasaa Seeraa Abbaa Irree Diiguu: Hidhamtoonni siyaasaa hundi miseensonni KFO, hoggantoonni, gaazexeessitoonniifi aktivistoonni haalduree tokko malee akka hiikaman; waajjiraaleen KFO cufaman hundi battalumatti akka banaman, seeronni miidiyaa fi hawaasa siivilii ukkaamsan akka haqaman, fi mirgi bilisaan gurmaa’uu, walga’uufi duuluu sodaa malee akka kabajamuuf wabii seeraan deeggarame akka kennamu KFOn gaafatee jira.

3/Sirna Federaalizimii Sab-daneessaa Mirkaneessuu: Miidhaan heeraan alaa mirga ofiin of bulchuu sabootaa, sirna federaalizimii, fi mirgoota naannolee irratti raawwatamu akka dhaabbatu ifatti waadaa seeraan hidhamu akka seenamu gaafanna. Mootummaan heera mootummaa ammaa, mirga sabootaafi sab-lammoota hundaa ofiin of bulchuu dabalatee, adeemsa sirrii heera fooyyessuun ala tuqamuu akka hin dandeenye ifatti mirkaneessuu qaba. Kabajamuun sirna federaalizimii dhimma mariif hin dhiyaannedha; wabii jiraachuu biyyaatiif dursaan kan barbaachisudha jedhe.

4/Adeemsa Filannoo Walabaafi Amansiisaa: Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (BFBI) amantaa uummataa deebisuuf, wal-hubannaa paartilee hundaan iftoominaan irra deebi’amee akka hundeeffamu gaafanna. Kunis seera filannoo fooyyessuun sirna hunda-hammateefi gita-bakka bu’ummaa ummataa bal’aa fiduuf waliigaltee paartilee hundaan deeggaramuu qaba. Dhaabbileen mootummaa, keessattuu qaamoleen nageenyaa, mana murtii, fi miidiyaan mootummaa, yeroo filannoo keessatti loogii irraa walaba ta’uu isaaniitiif waliigaltee ifaafi seeraan hidhamu akka jiraatu gaafanna jedha.

5/Birmadummaa Diinagdee Deebisuu, Saamicha Diinagdee Dhaabuu fi Imaammata Uummataaf Dursaa Kennu Mirkaneessuu: Imaammanni diinagdee liqii hamaafi rakkina fide guutummaatti akka jijjiiramu, bakka isaas wabii nyaataa, uumama hojii, fi investimantii uummata fayyadu irratti akka xiyyeeffatamu gaafanna jechuun Maallaqa karaa seeraan alaatiin lammiilee irraa walitti qabamu hundi battalumatti akka dhaabbatu, akkasumas diiggaan manneenii fi buqqifamni hawaasaa seeraan alaa, keessattuu kan maqaa ‘misooma koridoorii’ jedhuun raawwatamu akka dhaabbatu gaafanna jedhe. 

Imaammanni diinagdee pirojektiiwwan miidhaginaa irraa gara investimantii tarsiimoo dameewwan bu’uuraa, kanneen akka qonnaa, industirii, fi daldalaa irratti akka xiyyeeffatu, diinagdee itti fufiinsa qabu ijaaruuf gaafanna jedhe KFOn.

KFOn qaamolee adda addaatiif waamicha kan taasise yoo ta’u, Ummanni Oromoo qabsoo isaa akka jabeessuu, tokkummaa isaa akka jabeessuu fi siyaasaa qoqqoodamiinsaa dura akka dhaabbatuuf waamicha godhe.

Humnoonni Siyaasaa fi Siivikii Oromoo Gamtaa waloo tokko akka ijaaran waamicha kan taasise KFOn, mootummaan rakkoo biyyatti hunda qawween furuuf yaaluu dhiisee ogummaa siyaasaa fi Marii akka Filatu waamicha godhee jira.

Humnoonni diimookraasii Itoophiyaa keessa socha’an “Waliigaltee Dimookiraasii” uumuun Filannoo  cehumsa gara dimokraasii mirkaneessu kan naga-qabeessa, tokkummaa, kan mirga sabootaafi sab-lammoota Itoophiyaa hunda kabaju waloon haa dhiyeessinu jedhe.

Hawaasa Idil-addunyaa kanneen akka Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Gamtaa Awurooppaa, USA, fi kanneen biroof,  Rakkoolee Itoophiyaa keessatti uumamaniif yaaddoo ibsuu qofa osoo hin taane  gara tarkaanfitti cee’uu qabu jedhe.

Mootummaan waraana akka dhaabu, mirga namoomaa akka kabaju, olaantummaa seeraa akka kabaju fi adeemsa dimookiraasii hunda-hammateef haala akka mijeessuuf dhiibbaa cimaa taasisaa jechuun gaafatee jira.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

15 − five =

Back to top button
Copy link