Afan OromoNewsPolitics

Jila olaanaa UN fi KFO'n dhimma filannoo mariyatan.

KFO'n filannoo itti aanuf haal-dureewwan kaaye.

Jilli olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) haala Filannoo Waliigalaa Itoophiyaa  7ffaa bara 2026tti geggeeffamu ilaalchisee torban kana hogganoota Koongiresii Federaalawaa Oromoo (KFO) waliin walga’ii murteessaa gaggeessuu isaa Paartichi beeksise.

KFOn gamasaatiin, filannoon bilisa, haqa-qabeessaa fi amansiisaa ta’e akka geggeeffamuuf mootummaan ulaagaalee “Ijoo” guutuu qabu dhiyeessuun, qorannoo bal’aa fi cimaa haala rakkisaa siyaasa biyyattii irratti dhiyeesseera.

Walga’iin waajjira muummee KFOtti geggeeffame kanarratti,  KFO bakka bu’uun Hayyu-dureen paartichaa Piroofeesar Mararaa Guddinaa fi Itti-gaafatamaan Sab-qunnamtii Ummataa  Obbo Sulxaan Qaasim argamaniiru. 

Gama jila  olaanaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitiin, Waajjira Gamtaa Afrikaa (UNOAU) jalatti argamu keessaa Hojii Gaggeessaan Olaanaa Kutaa Gargaarsa Filannoo kan ta’an Obbo Akinyemii O. Adeegboolaa fi Waajjira Qindeessaa  gamtichaa Itoophiyaa keessaa Gorsaan Nageenyaa fi Misoomaa Dr. Zabuloos Suwiyfoon Taakwaa, akkasumas aangawootni UN dabalataa lama hirmaataniiru.

Piroofeesar Mararaan, hirmaannaan KFO filannoo 2026 irratti guutummaatti jijjiirama bu’uuraa fi qabatamaa dhufu irratti kan hundaa’e ta’uu isaa jilichaaf ibsaniiru.

 “Filannoon dimookiraatawaa ta’e sagalee kennuu qofa osoo hin taane, bu’aa adeemsa dimookiraasiiti,” kan jedhan Piroofeesar Mararaan, “Adeemsi kun har’a Itoophiyaa keessa hin jiru. Biyya waraanni fi ari’atamuun siyaasaa keessatti babal’atetti filannoo amansiisaa gaggeessuun hin danda’amu,” jedhaniiru.

KFOn hawaasni idil-addunyaa dhiibbaa dippilomaasii fayyadamee akka raawwachiisu gaafachuun, mootummaadhaafis gaaffiiwwan bal’aa dhiyeesseera.

Gaaffiiwwan Gurguddoo KFO’n Dhiyeesse:

Tarkaanfiiwwan Amantaa Ijaaruu fi Nageenyaa Ariifachiisoo:

  1. Itoophyaa guutuu Keessattuu Oromiyaatti Nagaa Buusuu: Humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti dhukaasni hatattamaa, kan mirkanaa’uu danda’uu fi qaama idil-addunyaatiin to’atamu akka dhaabbatu.
  2. Hidhamtoota Siyaasaa Hundaa Hiikuu: Miseensota KFO, hoggantoota, deeggartoota, akkasumas hidhamtoota siyaasaa, gaazexeessitootaa fi aktiivistoota kumaatamaan lakkaa’aman hidhaman hundi haal-duree tokko malee akka hiikuu.
  3. Wabii Sochii Bilisaa: Dhiibbaan, doorsisni fi hidhaan miseensota mormitootaa irra gahu akka dhaabbatu. KFOn waajjiraalee paartichaa banaanii bilisaan socho’uu fi hirmaannaa bulchitoota naannoo fi qaamolee nageenyaa malee walga’ii uummataa gaggeessuuf mirgi akka kabajamuuf gaafateera.
  4. Qaamoleen Nageenyaa Loogii irraa Bilisa Ta’uu: Hoggantoonni Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisii Federaalaa fi humnootni nageenyaa naannolee, adeemsa siyaasaa keessatti guutummaatti loogii irraa bilisa ta’uu isaanii beeksisuun waliigaltee ifatti akka mallatteessanii fi qaamni sararri kun yoo darbame qoratu akka hundeeffamu.
  5. Haaromsa Gadi-fagoo Dhaabbataa fi Seeraa:

I. Filannoon Dura Marii Paartilee Hunda Hammate: Mootummaa fi paartilee mormitootaa gurguddoo hunda gidduutti karoora ifa ta’e kan filannoo irratti waliigaluuf mariin ifaa akka taasifamu.

  1. Boordii Filannoo Al-tokko Deebisanii Hundeessuu: Walabummaa isaa mirkaneessuuf, Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (NEBE) adeemsa iftoomina qabuu fi waliigaltee paartilee siyaasaa hundaan deggarameen komishinaroota muuduun haaromsaan akka hundeeffamu.

2. Haaromsa Sirna Filannoo: Sirna filannoo “kan mo’ate hunda fudhata” jedhamu bu’uuraan sakatta’uu. KFOn uummattoonni fi gareewwan siyaasaa hundi paarlaamaa keessatti bakka bu’iinsa haqa-qabeessa akka argataniif gara **Sirna Filannoo Bakka Bu’iinsa Madaalawaa (MMP)**tti akka ce’amu yaada dhiyeesseera.

3. Midiyaalee Mootummaa Walqixatti Fayyadamuu: Olaantummaa paartii bulchaa miidiyaa irraa balleessuun, paartileen siyaasaa galmaa’an hundi miidiyaalee mootummaa (EBC, OBN) irratti yeroo tamsaasaa walqixa akka argatan kan mirkaneessu, qaama walaba ta’een kan hoogganamu sirni seeraa akka diriirfamu.

4. Marii Biyyaalessaa Dhugaa: Mariin Biyyaalessaa amma gaggeeffamaa jiru dhugumaan gareewwan siyaasaa fi hidhatan hunda akka hammatuu fi dhimmoota bu’uuraa kan akka federaalizimii fi hiree ofii ofiin murteeffachuu irratti murtiiwwan inni dabarsu dirqisiisoo akka ta’an gochuu.

Obbo Sulxaan Qaasim gama isaaniitiin, “Haal-dureewwan kunneen kan  mariif dhiyaatan qofa osoo hin taane, bu’uura ce’umsa dimookiraasiiti,” jechuun ulfaatina gaaffilee kanneenii ibsaniiru.

 “Hirmaachuu ni feena, garuu adeemsa dogoggora qabu seera qabeessa fakkeessuuf kan qophaa’e tiyaatira siyaasaa keessatti shaakalaa hin taanu.   Tarkaanfiin mootummaan ji’oota dhufan keessatti fudhatu, filannoon dhugaa geggeeffamuu danda’uu isaa ni murteessa.” jedhan.

Jilli UN  kan itti gaafatamni haal-duree  filannoo madaaluu kennameef, yaada dhiyaateef xiyyeeffannoon dhaggeeffateera. Dhufaatiin ogeessa olaanaa filannoo Mr. Adeegboolaa fi gorsaa nageenyaa fi misoomaa Dr. Taakwaa, milkaa’inni filannoo Itoophiyaa furmaata rakkoolee siyaasaa fi nageenyaa gadi-fagoo irratti kan hundaa’e ta’uu isaa hawaasni idil-addunyaa hubachuu isaa mul’isa.

Gaaffiiwwan ifaa fi addatti tarreeffaman kan KFOn dhiyeesse, amma mootummaa Itoophiyaa fi hirmaattota idil-addunyaatiif ulaagaa murteessaa kaa’eera.  Murtoo  paartichi filannoo 2026 irratti hirmaachuuf kennu, deebii gaaffiiwwan bu’uuraa kunniin argatan irratti kan hundaa’u ta’a.

Maddi Odeeffannoo: Waajjira Sabqunnamtii KFO.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

1 × two =

Back to top button
Copy link