Oromoo Jigjigaa irraa fageessuu qabna ; karooraa mootummaa Somaalee
Aaanaa Cinaaqsaan poolisoota naannoo Somaaleetiin weeraramaa jirti

Hidhattoonni naannoo Somaalee haleellaa kaleessa (Jimaata) ganama subii kaasee aanaa Cinaaksan irratti bananiin nama tokko yoo ajjeesan lama immoo madeessuu jiraattonni OMN’tti himan.
Halkan edaa immoo magaalaa Jigjigaa iddoo addaa Dudda Hiddii jedhamutti humnoonni naannichaa manneen dhalattoota Oromoo kudhan caalan gubuu maddeen keenya Jigjigaa himan.
Hidhattoonni naannichaa “Oromoon yoo naannoo kana bubbule Jigjigaa nurraa fudhata waan ta’eef dhiyeenya magaalaa Jigjigaarraa buqqifnee fageessuu qabna’’jechuun akka dhaadatan maddeen keenya aanaalee Oromiyaa ollaa Jigjigaa weeraramaa jiran kanneenirraa nu qunnaman himan.
Jimaata kaleessaa, subii kaasee, hidhattoonni naannoo Somaalee baay’innisaanii 400 ta’an gandoota aanaa Cinaaksan Kaalmaalee fi Maloole jedhamanirratti haleellaa banan jedhu jiraattonni gandoota kanneenirraa nu qunnaman.
Hidhattoonni kunneen miseensota poolisii naannoo Somaalee akka ta’’anii fi konkolaattota Piikaappii humni poolisii naannichaa itti dhimma bahuun akka bobbaafaman odeessi OMN naannawa kanaa argate ni mul’isa.
Hidhattoonni kunneen kaampii poolisii naannoo Somaalee iddoo Harooressa jedhamu (Jigjigaarraa dhiyeenyarratti argamurraa) gara gandoota kanneenii bobbaafamuu himu jiraattonni.
Dhukaasa subii kaasee hanga waaree duraatti tureen hawaasa Cinaaksanirraa namni tokko yoo lubbuun darbu lama immoo madaawanii jiru.
Gabaasota wal qabatan;
OMN: Mootummaan N/Somaalee Hamma Dhagaa Baabbiilee qabate.
Oromiyatti Godinni Gurradhaamolee Somaalee hundeeffame
OMN: Daangaan Oromiyaa wareegama kamiinuu Tikfamuu qaba. WMW
Hidhattoonni kunneen waaree booda kaampiitti deebi’uu himu jiraattonni.
Eda immoo magaalaa Jigjigaa iddoo addaa Dudda Hiddii jedhamu keessaa dunkaanotaa fi manneen dhalattoota Oromoo kudhan ta’anii humnoota mootummaatiin gubachuu odeessi arganne ni mul’isa.
Sana hordofee galgala edaa Jigjigaa keessatti humnoonni nageenyaa mootummaa federaalaa bobbaafamuun dhagahame.
Torbaanota sadi darban mootummaan naannoo Somaalee ulaa aanaa Cinaaksanirraa gara Jigjigaa geessu irra deddeebiin cufee turuu himu jiraattonni aanaa Cinaaksan.
Kanaanis uummanni aanaa Cinaaksan uggura cimaaf saaxilamaa akka jiru jiraattonni himaniiru.
Gandoonni aanaa Cinaaksan lamaan, Kaalmaalee fi Maloolee jedhaman, magaalaa Jigjigaa irraa fageenya dhihoorratti argamu. Weerarri hidhattoota mootummaa naannoo Somaalee gandoota kanneenirraa dhaabbatee hin beeku jedhu jiraattonni. Miidhaan lubbuu namaa fi qabeenyarra dhaqqabes hedduu dha.
Humnoonni naannoo Somaalee gandoota Oromiyaa Jigjigaarraa fageenya KM10 hin caalle irratti argaman kanneenirratti haleellaa kan itti fufan, “Oromoon yoo naannoo kana bubbule Jigjigaa nurraa fudhata waan ta’eef dhiyeenya magaalaa Jigjigaarraa buqqifnee fageessuu qabna’’ jedhanii akka dhaadatan kanneen gandoota weeraramanirraa OMN qunnaman himanii jiru.
Mootummaa naannoo Oromiyaa nageenya uummataa tiksuu akka qabu gaafatu jiraattonni aanaa Cinaaksan.
Aanaan Cinaaksan erguma bara bulchiinsa Abdii Ileetii kaasee hanga ammaa weerarri humnoota naannoo Somaalee irraa dhaabbatee hin beeku.






