Afan OromoNews

Itoophiyaatti sarbamiinsi mirga namomaa bal'aan raawwataamaa jira OSG

Dhaabbanni Mirga Namoomaa irratti hojjatu Oromia Support Group maal jedhan?

Dhaabbanni Mirga Namoomaa irratti hojjatu Oromia Support Group jedhamu Itoophiyaa keessatti sarbamiinsi mirga namomaa bal’aan raawwataamaa jiraachuu ibse.

Oromia Support Group ibsa Waxabajjii 24 bara 2025 baaseen hidhaa fi ajjeechaan murtii seeraa malee, doorsifni, reebichi, ukaamsanii dhabamsiisuun, gibirri humnaa olii, buusiiwwan nagahee seeraa hin qabne kanneen akka ijaarsaa waajjira paartii biltsiginnaaf, Raayyaa Ittisa Biyyaaf, Milishaaf jedhuunii fi kanneen birootiif jedhuun ummata irratti maallaqni garmalee funaanamaa jiraachuu ibsa.

Akkasumas ogeessoonni Fayyaa Itoophiyaa Ebla 2025 irraa kaasee gaafiilee 12 kan fooyya’iinsa mindaa fi faayidaawwan garaagaraa of keessatti qabate mootummaa Itoophiyaa gaafataa turu kan eere Oromia Support Group, mootummaan gaafii ogeeyyii fayyaa yeroo dheeraa deebisuu dhiisee hidhaa fi doorsisaa ture jedhe.

Ajjeechaawwan murtee seeraa malee qaamolee garagaraatiin guutuu biyyattii keessatti raawwatamaa turuu kan ibsu dhaabbatichi, humnoonni nageenyaa mootummaa fi Faannoon yakkoota gurguddoo raawwachuu addeessa.

Ajjeechaa fi hidhaawwan murtee seeraa malee Magaalota Finfinnee fi Shaggar akkasumas godinaalee Shawaa Kaabaa, Shawaa Kibba Lixaa, Shawaa Bahaa fi Shawaa Lixaa, Arsii, Arsii Lixaa, Baale, Harargee, Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa,  Wallagga Lixaa, Qeellam Wallaggaa, Iluu Abbaa Boor, Bunnoo Bedellee, Jimma, Gujii, Boorana akkasumaa Godina Adda Saba Oromoo Walloo, Goojjam, Goondar, Beenishaangul Gumuz fi bakkeewwan birootti raawwatamuu ibsee jira.

Manneen namoota gubuu fi dirqamaan gara mooraa waraanaa erguun kutaalee biyyattii keessatti raawwatamaa akka jiru gabaasichi eeree jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

4 × one =

Back to top button
Copy link