Afan OromoNews

Itoophiyaatti dhaabbileen 70 Qajeelfama malee bittaa birrii miliyoona 404 raawwatan.

Itoophiyaatti dhaabbileen federaalaa fi dameewwan isaanii 70 ta’an qajeelfama osoo hin hordofin bittaa birrii miiliyoona 404 ol ta’u raawwachuu isaanii Odiitarri Olaanaa Federaalaa beeksise.

Dhaabbileen qajeelfama osoo hin hordofin bittaa raawwatan Ministeera Aadaa fi Ispoortii, Ministeera Bishaanii fi Anniisaa, Komishinii Riifoormii Biyyaalessaa, Yuunivarsiitii Arsii fi Ministeera Galiiwwaniitti Waajjira Kaffaltoota Gibiraa Giddugaleessaa Damee Lama akka ta’an ibsamee jira.

Kunis gabaasa odiitii dhaabbilee federaalaa bara baajataa 2016 walgahii idilee 39ffaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggaa 4ffaa irratti Odiitarri Muummee Federaalaan dhiyaate keessatti ibsameera.

Odiitarri Muummee Federaalaa Masarat Damxee gabaasa dhiheessaniin Dhaabbileen federaalaa 70 fi waajjiraaleen damee isaanii 7 bittaa labsii bittaa mootummaa fi dambiiwwan mootummaa hin eegne birrii miiliyoona 404.7 ol ta’u raawwachuu isaanii ibsaniiru.

Yuunivarsiitiiwwan mootummaa hayyama malee hojii dhaabbataatiif hojjettoota guyyaa guyyaa qacaruun birrii miiliyoona 60 ol kaffaluunis ifa ta’eera.

Yuunivarsiitiin Jimmaa Birrii 25,310,211, Yuunivarsiitiin Amboo Birrii 10,938,834, Yuunivarsiitiin Wallaggaa Birrii 7,888,374, Yuunivarsiitiin Haroomayaa Birrii 5,170,600, Yuunivarsiitiin Diillaa Birrii 4,414,974 kaffaluun ibsameera

Miseensonni mana marichaa qisaasama qabeenya to’achuu fi itti gaafatamummaa mirkaneessuu irratti ciminaan akka hojjachuu qaban odiitarri muummeen hubachiisaniiru.

Hanqina odiitii fi qisaasama qabeenyaaf dhaabbilee fi qondaaltota itti gaafatamummaa jala galchuu irratti hanqinni jiru furmaata argachuu akka qabu hubachiisuun  isaaniis ibsameera.

Afyaa’iin mana marii bakka bu’oota uummataa objo Taaggasaa Caafoo gama isaaniitiin, dhaabbilee bittaan seera hin eegne raawwatanii fi qisaasama.qabeenya mootummaa irraan gahan irratti  tarkaanfiin bulchiinsaa fi seeraa barbaachisaa ta’e akka fudhatamuuf Manni marichaa ga’ee isaa kan ba’u ta’uu ibsaniiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

6 + six =

Back to top button
Copy link