Afan OromoNewsWorld
Trending

Itoophiyaan Taanzaaniyaaf Tajaajila Elektirikii dhiyeessite.

Itoophiyaan yeroo jalqabaatiif Taanzaaniyaaf  tajaajila elektrikii dhiyeessuu  eegalte. 

Tajaajilli elektirikii kun networkii tamsaasa elektirikii  Keeniyaa fayyadamuudhaan  Taanzaaniyaa dhaqqaba.

Pirojektiin yaalii irra jiru kun daldala anniisaa elektirikaa Afrikaa Bahaatiif boqonnaa haaraa kan banu ta’uu ibsameera.

Pirojektiin tajaajila elektirikaa yaalirra jiru kun Itoophiyaa ka’ee Keeniyaa qaxxaamuruun sarara tamsaasa networkii elektirikii abbaa kiiloovooltii  400- Suswaa-Isinyaa jedhamu kan Keeniyaa irraan cehee  buufata anniisaa Taanzaaniyaatiin wal qunnama.  

Yeroo jalqabaatiif elektirisiitiin Itoophiyaa toora tamsaasa anniisaa (national grid)Keeniyaatiin Taanzaaniyaa dhaqqabuu isaati.

Networkiin tamsaasaa humna ibsaa Itoophiyaan dhimma itti bahaa jirtu kan The Kenya Electricity Transmission Company (KETRACO)  jedhamuuti.

Hoji gaggeessaa olaanaan (KETRACO)  Joon Maativoo yeroo yaalliirra jirutti yaa’insa anniisaa MW225 irraa gara MW262tti dabaluun akka danda’ame himan.

Ulaan  humna ibsaa akkuma karoorfametti milkaawuu himanii sararri  tamsaasaas anniisaa yaadame baachuu akka danda’u mirkanaaye jedhan.

Yaaliin kun akka xumurameen, kaampaaniin dhiyeessii elektirikii Taanzaniyaa kaffaltii ni eegala. Networkii daddabarsa ibsaa kanaa kan ta’e kaampaanii daddabarsa elektirikii  Keeniyaa (KETRACO)’fis kan kiraa  kaffalu ta’a jedhan.

KETRACO tajaajila kanaaf waggoota sadeen jalqabaa qofatti Shilingii Keeniyaa biliyoona 24  ni argata. 

Itoophiyaan marsaa kanaan elektirikii Meeggaawaattii 100 Taannzaaniyaaf akka dhiyeessitu beekameera.

Kanaan dura Itoophiyaan Keeniyaaf elektirikii Meeggaawaattii 200 waliigaltee yeroo dheeraatiin gurgurattee jirti. Amma networkii tamsaasa Keeniyaa fayyadamuun Taanzaaniyaatti tajaajila kana gurguruu eegaluu isheeti. 

Baankiin Addunyaa, Baankiin Misooma Afrikaa, Ejensiin Misoomaa Freench fi Baankiin Investimantii Awurooppaa dhaabbilee walitti hidhamiinsa anniisaa kana maallaqaan tumsan akka ta’an Maddi Oduu Business Daily gabaase.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

twenty − 9 =

Back to top button
Copy link