Afan OromoNewsPolitics
Trending

Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa Eenyu fa'a hirmaachise?

Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa jiddutti hammaate.

Mootummaa federaalaa fi garee Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay(ABUT) kan Dabratsiyoon Gabramikaa’eeliin durfamuu fi ajajoota humnoota Tigraayin deeggaramu gidduutti muddamni hammaachuun dhagahame.

Gareen kun mootummaa Eertiraatiin deeggarama jedhamees irra deddeebiin himatamaa jira.

Pirezidaantiin Eertiraa Isaayyaas Afawarqii kan mootummaan isaanii ABUT garee Dabratsiyooniin hoogganamuu fi humnoota finxaaleyyii naannoo Amaaraa deeggara jedhamuun himataman tibba darbe haasaa taasisaniin qabata mootummaa Itoophiyaa qeequutiin Oromummaas jumlaan wayita qeeqan dhagahame.

Saboota Itoophiyaa keessaa Kuushii fi Seemii jechuun qoqqooduun dubbiin dubbatanis akkasuma.

Dubbii pirezidaantichaa Oromoo biraa mormii jabaatu mudate.

 Kun otoo kanaan jiruu hoogganaan garee ABUT kan boordiin filannoo beekkamtii irraa mulqee Dabratsiyoon Gabramikaa’eel hariiroo uummata Tigraay fi uummata Eertiraa cimsuuf hojiin jalqabame jabaatee itti fufa jedhan.

Isaan kana jedhanii guyyoota muraasa booda daangaan Eertiraa fi naannoo Tigraay gidduu jiru uummataaf banamuu miidiyaaleen gabaasan.

Gabaasota walqabatan;

Itoophiyaa fi Ertiraan wal himatan

Hayyoonni Itoophiyaa burjaajjii keessa jiru jedha xiinxalli Oromia Today

Afyaa’iin mana marii federeeshinii duraanii fi qondaalli olaantuun ABUT duraanii aaddee Keeriyaa Ibraahim daangaa Eertiraa fi Itoophiyaan karaa Tigraayin waldaangessan irra loltoonni Itoophiyaa akka hin jirre dubbatan.

Haalli kun birmadummaan Itoophiyaa akka sarbamu taasisuu fi humnoonni Eertiraa akka fedhanitti Tigraay dhufanii akka deebi’an karaa banuufii himan.

Gareen ABUT Dabratsiyoonfaatiin durfamu lafti Tigraay humnoota Amaaraan qabame saffisaan nuuf deebi’uu qaba, Dhalattoonni Tigraay achii buqqa’an deebi’uu qabu jedhe.

Qondaalli ABUT olaanaa fi itti aanaan pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraay obbo Amaanu’eel Asaffaa tibbana haasaa yaadannoo wareegamtootaa irratti taasisaniin rakkoon kun karaa nagaan furamuu qaba, ta’uu baannaan harka marannee hin teenyu jedhan.

Kana jechuun isaanii humnaan qabachuuf karoorfamuu akeekaa jedhu xinxaaltonni

Tibbana yaadannoo wareegamtootaa naannoo Tigraay bakkeewwan garaagaraatti taasifaman irratti dubbiiwwan dubbataman dubbiin jajjabaataa dhufuu aagarsiisaas jedhu.

Kana gidduutti mootummoonni Itoophiyaa fi Eertiraa walii isaanii himataa jiru.

Mootummaan Itoophiyaa mootummaan Eertiraa waan birmadummaa Itoophiyaa tuqu raawwataa jira, gara waraanaatti dubbii dhiibaa jira jechuun xalayaa biyyootaaf barreesse.

Humnoota Itoophiyaa komii mootummaa irraa qaban deeggaraa jira jechuunis himate.

Eertiraan immoo lakki Itoophiyaadhumatu na waraanuuf qophaa’aa jiraa jettee deebii kennite.

Asaba fudhanna jedhee mootummaan Itoophiyaa natti dhaadata jetti Eertiraan.

Mootummaan Itoophiyaa immoo humnaan ulaa galaanaa fudhachuuf akeeka akka hin qabne ministirri muummee Abiy kana dura dubbatanii turan.

Kun otoo kanaan jiruu humnoonni naannoo Amaaraa eenyu cinaa hiriirraa irratti waldiddaa keessa jiru jedhan. 

Gariin humnoonni Tigraay lafoota waldhabdeen irra jiru humnaan qabachuuf socho’aa jiru akkamiin jara kana waliin hiriirra wayita jedhan, gariin immoo ABUT garee Dabratsiyoonii fi Eertiraa waliin taanee bulchiinsa Abiy aangoo irraa fonqolchinee aangoo qooddanna ijjannoo jedhu qabuu jedhu xinxaaltonni.

ABUT lafa naannoo Amaaraa waliin irratti waldhabaa jiran ilaalchisee gama tokkoon lafti sun amma nuuf deebi’uu qaba jedha, gama biraatiin immoo humnoota naannoo Amaaraa ofcinaa hiriirsuu fedhaa jedhan.

Fedhiin waldhiitu kun adeemsa garichaa hudhuus xinxaltonni himu.

Garee ABUT kana keessaa gariin dursa lafoota Tigraay jedhaman waraana kaaba Itoophiyaa booda humnoota naannoo Amaaraan qabaman deebisiisuu qabna wayita jedhan, gariin immoo ammatti waa’ee kanaa dubbachuu dhiifnee humnoota Amaaraa ofcinaa hiriirsinee booda irra laficha deebifanna ijjannoo jedhu qabuu jedhan.

Tibba darbe duula ዘመቻ መቶ ተራራ jechuun humnoonni finxaaleyyii naannoo Amaaraa bananii turan duukaa ajajoota olaanoo humnoota waraanaa Tigraay keessaa tokko kan ta’an jeneraal Migbeey Hayileetu qindeessee jechuun mootummaan federaalaa himachuunis waan yaadatamu.

Pirezidaantiin bulchiinsa yeroo Tigraay duraanii obbo Getaachaw Raddaa gareen ABUT Dabratsiyooniin durfamu ajandaan isaa buqqaatota deebisuu miti jechuun irra deddeebiin dubbachuunis hin dagatamu.

Garichi buqqaatota galtee siyaasaaf fayyadama sana duuba kaayyoo siyaasaa biraa qabatee socho’a jechuunis dubbatanii turan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

seven − 7 =

Back to top button
Copy link