Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Xiinxalla; Muddama Itoophiyaa fi Ertiraa

Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa jidduu hammaatuun humni waraana biyyoota lamaani gara daangaa sochaafamaa jiraachuu gabaasaaleen mul'isan.

Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa jidduu hammaatuun humni waraana biyyoota lamaani gara daangaa sochaafamaa jiraachuu gabaasaaleen mul’isan.

Eritiraan bara 1961 hanga 1991 Walabummaa Isheetiif qabsoo taasisaa kan turte yoo ta’u, bara 1993 walabummaa ishee goonfachuun Itoophiyaatti karra galaanaa cufte.

Ertiriyaan walabummaa ishee goonfachuu isheetiin biyyi ummata Miliyoona 120 qabdu Itoophiyaa karra galaanaa 2, Asabii fi Matsawwaa dhabdee jirti.

Caamsaa 6 bara 1998 hanga Waxabajjii 18 bara 2000 waraanni Itoophiyaa fi Ertiraa jiddutti daangaa biyyota lamaanii Baadimmee irratti adeemsifame.

Waraanni kun waggaa 2 fi ji’a tokkoo fi guyyoota 13f kan adaamsifame yoo ta’u, gama Ertiriyaatiin Isaayyas Afawarqii, Sabhaat Efreem, Filipoos Walda Yohaannis waraanicha yoo ajajan, gama Itoophiyaatiin ministira muummee Itoophiyaa duraani Mallas Zeenaawi, Jeneraal Tsaadqaan Gabratinsaa’ee fi Saamoraa Yuunis waraanicha dursuun dhiiga dhangalaasani jiru.

Waraana kanaaf Itoophiyaa loltoota kuma 300 hanga kuma 350 yoo hiriirsitu, Ertiraan loltoota kuma 200 hanga kuma 300 hiriirsitee Jirti.

Waraanicha irratti Itoophiyaan loltoota kuma 34 hanga 60 wayta dhabde Ertiraan loltoota 19 hanga 67 dhabdee jirti.

Loltoonni Itoophiyaa 1100 yoo booji’aman, loltoonni, Loltoonni Ertiraa 2600 booji’amani jiru.

Waraanni Baadimmee irratti Itoophiyaa fi Ertiraa jiddutti adeemsifamaa ture bara 2000 waliigaltee Aljeersi kan dhaabbate yoo ta’u, waliigaltichi hojitti hiikkachuu dhabuun biyyoonni lamaan waggoota 20 oliif wal dhabdeen dabarsani jiru.

Waliigalteen Aljeeris muddee 12 bara 2000 keessaa Aljeeriyaa magaalaa Aljeersitti Mootummaa Itoophiyaa fi Ertiraa Jaarsummaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomani, Dhaabbata Tokkummaa Afrikaa, Gamtaa Awurooppaa fi Aljeeriyaan mallattaa’e. 

Waliigalteen Aljeeris Komishiinoota 3 hundeesse. Komishiiniin jalqabaa Komishiinii daangaa sararu Ertrea- Ethiopia Boandery Commission, Komishiiniin Itti aanu komishiini miidhaa waraanni dhaqqabsiise qoratu Eritrea- Ethiopia Claims Commission fi inni 3ffaan Komishiini dhimma ka’umsa Waraanaa qoratu kan An Independent and Impartial jedhamu fi barreessaa dhaabbata mootummoota gamtoomanitiin kan muudamuudha.

Mootummaan Adda Demokiraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa imaammata “No Peace No War” jedhu qabachuun waggoota 20 oliif nagaanis osoo hin bu’in, walwaraannis osoo hin jiraatin  Eritiriyaa wajjiin dabarse.

Riifoormii siyaas-diinagdee Itoophiyatti bara 2018 dhufe hordofee hariiroon Itoophiyaa fi Ertiraa waggoota kurna lamaa oliif addaan citee ture deebi’e uumamuu hordofee gaanfa Afrikaa keessatti tasgabbii fida jedhamuun abdatamee ture.

Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad bara 2018 yeroo aangoo qabatan, imaammata waraanaa Addi Demookraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa Ertiraa irratti qabatee ture kan “No Peace No War” jedhu jijjiiruun ummanni Ertiraa obbolaa keenyaa, waliigaltee Aljeersi ni kabajna jechuun mootummaa Ertiraatiif waamicha nageenyaa taasise.

Ministirri muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad Adoolessa bara 2018 gara Asmaraatti imaluun Pirezidaantii Eritiriyaa Isaayyaas Afawarqii wajjiin waliigaltee nagaa yoo taasisan, “Pirezidant Isaayyaas haala adda ta’een ummata Itoophiyaatiif kabajaafi jaalala guddaa qaba” jechuun misoomaa, nageenyaa fi hariiroo biyyoota lamaaniif qofa osoo hin taane biyyoota gaanfa Afrikaatiif akka yaadan dubbatanii turan.

Pirezidaantiin Eritiriyaa Isaayyaas Afawarqii waggoota 20 booda Adoolessa 15 bara 2018 gara Finfinnee imaluun haasaa taasisaniin, “Keessa koo, miira onnee koo keessa jiru ibsuudhaaf natti ulfaate, seenaan hojjetamaa jira. Shira jibbinsaa fi haaloo, diigumsa babal’isuuf xaxamu fashaleessuun kallattii hundaan misomaaf, badhaadhinaaf, akkasumas tasgabbiif waliin gara fuula duraatti deemuudhaaf muranneerra,” jechuun hariiroon biyyoota lamaani cimaa ta’uu ibsan.

Hooggantoonni biyyoota lamaani qubeellaa walitti godhuun hariiroon isaanii hariiroo cimaa ta’uu kan mul’isan yoo ta’u, waggoota lamaan jalqabaa si’a 14 Finfinnee irra gara Asmaraa, Asmaraa irraa ammoo gara Finfinnee deemuun michummaa gaarii dabarsani jiru.

Waliigalteen biyyoota lamaan jiddutti taasifame Ministira Muummee Itoophiyaa Abiy Ahmad badhaafamaa noobeelii nagaa bara 2019 taasisu keessatti gahe mataa isaa qaba jedhamuun himama.

Abiy Ahmad waltajjii badhaasa Noobeelii irratti “Badhaasa kana kanan fudhadhe maqaa waahela koofi michuu nageenyaa koo kan ta’e Pirezidant Isaayyaas dabalateeti. Waraanni ture mallattoo kufaatii hirmaattota hundaati, waraanni namoota araara hin beekne, gara jabeeyyiifi warra dheekkaman taasisa,” jechuun Kitaaba Qulqulluu keessaa luqqaasii eeruudhaan billaa isaanii gara maarashaatti, eeboo isaanii ammoo gara haamtuutti akka jijjiiran dubbatanii ture.

Waraana sadaasa 4 bara 2020 irraa jalqabee Mootummaa Federaalaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay jiddutti adeemsifameen mootummaa Ertiraa fi Faannoon mootummaa Federaalaa cinaa hiriiruun ABUT waraanaa turan.

Haa ta’u malee waraanni kaabaa Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaatiin sadaasa 2022 goolabamuu hordofee mootummaa Ertiraa fi Faannoon mufachuun mootummaa Itoophiyaatti duulaa turan.

Waliigaltee nagaa Piritooriyaa hordofee jilli itti-gaafatamaa tika biyyaalessaa Ertiraa Birgaadar Janaraal Abrahaa Kaasaan durfame Ebla 2023 gara jalqabaa Itoophiyaa daawwatee jira.

Ministirri Muummee Abiy fi Pirezidant Isaayyaas yeroo dhumaatiif qaamaan kan wal argan Adoolessa 12 bara 2023 gaggeessitoonni Sudaan Masiritti walitti qabamanii waraana Kaartumitti deemaa jiru irratti wayita mari’atan ture.

Hariiroon biyyoota lamaanii bara 2022 as laaffataa dhufuun balaaliin Xayyaaraa Finfinnee irraa gara Asmaraa taasifamuu fi Asmaraa irraa gara Finfinnee addaan citee jira.

Hariiroon Finfinnee fi Asmaraa, Abiy fi Isaayyaas jidduu jiru laafuu fi Itoophiyaa karra galaanaa barbaaduu jalqabuun raafama siyaasaa gaanfa Afrikaa boqonnaa haaraa qabsiise.

Mootummaan Itoophiyaa biyya ummata miliyoona 100 fi miiliyoona 20 ol qabduuf karri galaanaa barbaachisaadha imaammata jedhu qabachuun sochii jalqabuu isaa hordofee muddumni fi raafamni siyaasaa Gaanfa Afrikaatti hammaatee jira.

Naannoo qaxxaamura daldala addunyaa kan ta’e gaanfi Afrikaa raafamaa siyaasaa keessaa seenaa jiraachuu isaa himu xiinxaltoonni.

Gama kanaaniin walii galtee Piritooriyaa booda Faannoon naannoo Amaaraa keessatti hidhannoo yeroo waraanaa kaabaa argatetti fayyadamuun mootummaa federaalaa waliin wal waraanaa jira.

Ertiraan TPLF fi Faannoo wajjiin tumsa Tsimdoo jedhamu tolfachuun mootummaa Itooophiyaa irratti duulaa jiru.

Qondaalonni waraanaa Tigraay dhoksaan gara Ertiraa imalaa turuu isaanii OMN maddeen Intelejansii wabeefachuun gabaasaa turee jira.

Dhimma Gamtaa Tsimdoo kan mootummaan Federaalaa Itoophiyaa irra deddeebiin himatus mootummaan Ertiraa haalee jira.

Akkasumas mootummaan Itoophiyaa Ertiraa hidhattoota Itoophiyaa keessatti mootummaa waraanaa jiran deeggaraa jira jechuun himatus mootummaan Ertiraa himata kana fudhatama dhabsiisee jira.

Gaafii hulaa Galaanaa Itoophiyaa muddama biyyoota lamaan jidduu ture hammeessuun wal himannaa irraa gara waraanaa cee’aa jiraachuu xiinxaltoota ibsaa jiru.

Itoophiyaa fi Ertiraan, Finfinnee fi Asmaraan Abiy Ahmad fi Isaayyaas Afawarqii, Biltiginnaa fi paartiin Adda Ummataa diimookraasii fi Haqaa (People’s Front for Democracy and Justice party) Itaamaajor Shuumii Raayyaa Ittisa Itoophiyaa Fild Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Jeneraal Abrahaa Kaasaa, ministira Ittisa Itoophiyaa Aa’ishaa Mohaammad fi Ministira Ittisaa Ertiraa Jeneral Filipoos Walda Yohaannis michummaa isaanii suuta suutaan geeddaruun wal gaarreefataa jiru.

Muddamni siyaasaa gaanfa Afrikaa yoo gara waraanatti cee’e biyyoonni dantaa Gaanfa Afrikaa irraa qaban kanneen akka Turkiyyee, Gamtaa Emireetota Araabaa, Iraan, Sa’ud Arabiyaa fi Kaatar gamaa gamana dhaabbatanii waraana bakka bu’iinsaatti hirmaachuu danda’u jedhamuun himamaa jira.

Torbee darbe keessa erga ministirri dhimma alaa Itoophiyaa gita isaa Ertiraaf xalayaa loltoonni Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessaa akka bahan gaafatee booda muddamni jiru hammaatee jira.

Biyyoonni lachuu loltoota isaanii gara daangaa sochaasaa jiraachuun gabaafamaa jira.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

three − one =

Back to top button
Copy link