Afan OromoNewsNews Analysis
Trending

Itoophiyaa biyyoota Afrikaa liqaa guddaa fudhatan keessa tokko

Itoophiyaan Fandii Maallaqa idil-addunyaa irraa maallaqa gudda liqeefatte

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa 10n sadarkaa olaanaa dhaabbata maallaqaa idil-addunyaa (International Monetary Fund) irraa liqii fudhatan keessaa tokko taa’uu African Business Insider gabaase.

Akka gabaasa ‘African Business Insider’ jedhutti Itoophiyaan waliigala liqiin hanga har’aatti Fandii Maallaqa Addunyaa (IMF) irraa argatte Doolaara biiliyoona 1.6tti kan dhiyaatu yoo ta’u, kanaanis Afrikaa keessaa sadarkaa 7ffaa irra jirti.

Itoophiyaa dabalatee biyyoonni Afrikaa hedduun diinagdee isaanii hanqina sharafa alaatiin rakkachaa jiru gargaaruuf Fandii Maallaqa Idil-addunyaa irraa liqii argachaa akka jiran kan gabaase African Business Insider, haa ta’u malee ba’aan liqaa IMF ol’aanaa ta’e rakkoo yeroo dheeraa fiduun ardii kanaaf balaa ta’uu hubachiisee jira.

Itoophiyaan ji’a Adooleessa 2025 keessa IMF irraa liqii dabalataa akka argattus ibsamee jira.

Haalli maallaqa ishee laafaa ta’us, Itoophiyaan gamaaggama sadaffaa sagantaa dhaabbatichaa milkaa’aa ta’e hordofuun dhiheenya kana dhaabbaticharraa doolaara miiliyoona 262 argatteetti jechuun gabaasichi addeessee jira.

Mootummaan Itoophiyaa bu’uura waloo gurmaa’insa liqaa G20 jalatti Doolaara biiliyoona 8.4 irra deebiin gurmeessuuf liqeessitoota ofiisaanii Itoophiyaa waliin mari’achaa jiraachuu kan ibse gabaasni kun, dabalataanis Itoophiyaan maallaqa Doolaara biiliyoona 1 Yuurooboondiin liqeefatte deebisuufis qophaa’aa jirti jedheera.

Ba’aan liqaa Itoophiyaan IMF fi waliigalteewwan daldalaa irraa qabdu baajata biyyaalessaa dhiphisaa akka jiru kan agarsiisu gabaasni kun Pirojektoota misoomaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu gufachiisaa jiraachuu ibseera.

Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF)Itoophiyaaf liqii  doolaara biiliyoona 3.4 dheereffame waggaa afuriif akka kennuuf jalqaba baatii Fulbaana bara 2025tti aanga’oota mootummaa waliin waliigaltee irra ga’uun isaa ni yaadatama.

Dhaabbanni Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) gabaasa Adooleessa 15, 2025 baaseen sagantaa haaromsa diinagdee Itoophiyaan hojjiirra oolchaa jirtu gufuun isa mudachuu akka danda’u akeekkachiisuun isaa ni yaadatama.

Gabaasni kun akka agarsiisutti biyyattin gargaarsi alaa biyyootaa fi dhaabbilee adda addaa irraa dhufu haalaan gadi bu’uu, akkasumas haalli nageenyaa biyyattii laafaa ta’uu isaaf sababoota ijoo haaromsa kan gufachiisuu danda’an jechuun eereera. 

Dabalataaniis Gabaasni kun gabaan sharafa alaa (black market)  haalaan dabaluun  haaromsa dinagdeetti gufuu ta’uu danda’a jechuun kaasuun isaa ni yaadatama.

Itoophiyaan waggoota kurnan dura gargaarsi biyya alaa irra  dhibbeentaa 12 GDP ishee kan argattu ta’u kan ibse gabaasni kun, amma garuu gargaarsi biyya alaa biyyattii gara dhibbeentaa 4tti gadi bu’uu isaa, akkasumas gadi bu’uu itti fufa jedhamee eegama jedheera.

Daarektarri Olaanaa Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa (IMF) Kiriistaaliinaa Joorjiivaan bara kana Jalqaba ji’a Guraandhala 2025 yeroo daawwannaa Itoophiyaatti taasisanitti haaromsi dinagdee maakroo Itoophiyaan adeemsifamaa jiru qormaataan kan guutame ta’uu hubachiisuun, haaromsi dinagdee “qormaata” jechuun ibsuun, “yeroo akka fudhatu” akeekkachiisuun isaanii ni yaadatama.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

thirteen + 19 =

Back to top button
Copy link