Afan OromoCultureNews
Trending

Baga Bacaqii Gannaa Baatani Booqa Birraa Geessan

Irreechi Mallattoo guddummaa Oromooti

Ergaa Irreechaa Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad

Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad Ayyaana Irreecha Malkaa Bara 2018 ilaalchisuun ergaa baga geessanii dabarsan. 

Ministirri muummee ergaa isaanii kanaan, ‎Irreechi sirna galateeffannaa Oromooti. Oromoon ‘Sanyiin namaa horee kan baay’atu, kan faca’e du’aa ka’ee ija kan godhatu, atoomsaafi gargaarsa humna waaqaatiini’ jedhee dhugeeffata.  Irreechi yoo gahu Waaqa Leemmoo garaa Taliilaa waan isaa godheef galateeffatee; kan dhufuuf araaraafi wagii gaafachuuf ‘hoo quba’ kan jedhuuf kanaafi jedhan.

‎Akka falaasama Oromduriitti, Oromoon bishaaniif iddoo guddaa qaba.Bishaan madda qulqullinaa, bu’uura uumamaafi jireenyaa godhee dhugeeffata. Yoo kadhatus ‘Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa, Waaqa Burqaa Walaabuu’ jedha. ‎Irreechi bara kanaa wayita Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa fedhii Anniisaa  lammiilee ishee guutuuf ,Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa eebbifattetti, kabajamuun isaa gammachuu keenya dachaa taasisa. Baga gammaddan! Baga gammanne ! jedhan.

’Sabni malkaa hin qabne, Saba mataa hin qabne’! akkuma Oromoon jedhu, biyyi ulaa galaanaa hin qabne, biyya jiruu hin qabne jennee, uummata keenyaaf badhaadhina fiduuf; Hulaa Galaanaa karaa seeraafi nagaa bu’uureffateen qabaachuuf hojjachaa jirra. Tattaaffiin roga Kanaan gochaa jirrus addunyaa biratti fudhatama argachaa jiraachuu eeran..

Waggoottan darban keessatti; ilaalama haaraa, falaasama ida’amuutiin masakamnee; qabeenya, muuxannoofi beekumsa biyyi qabdu,uummata keenya waliin hooggansa bilchaataafi kutannoon guutame kenninee, Waaqnis nu gargaaree rakkoowwan heddu keessatti  jijjiiramoota raajii ta’an galmeessinee jirra.

‎Bara 2018ttis, duudhaalee Irreechaa; nagaa, araaraafi tokkummaa kudhaammannee, olka’iinsa biyya keenyaa mirkaneessuuf, qormaataaf osoo hin jilbiiffatin cichinee akka hojjannu  jechuun dhaaman. 

Miss-Turiizimii Oromiyaa Bara 2018

Shamarran babbareedduu 15 dorgommii Miis Turizimii Oromiyaa bara 2018 dhiyaatan keessaa sirna dorgommii cufiinsa Torbee Tuurizimii Oromiyaa  kaleessa galgala raawwatamerratti Shamarree Siinboonee Mokonnin Miis Turizimii Oromiyaa bara 2018 ta’uun filatamte.

Miis Tutizimii Oromiyaa bara 2018 ta’uun kan filatamte Shamarree Siinboonee Mokonnin waggaa tokkoof iddoowwan hawwata turizimii Oromiyaafi aadaa Oromiyaa sadarkaa biyyaa, ardiifi addunyaatti kan beeksiftu ta’a.

Torbeen Turizimii Oromiyaa marsaa 5ffaan qopheessummaa Komiishinii Turizimii Oromiyaatiin Fulbaana 20-22 bara 2018tti Finfinnee, Hoteela Iskaaylaayititti adeemsifamaa ture Miis Turizimii Oromiyaa bara 2018 filachuun xumurame.

Torbeen Turizimii Oromiyaa kun waggaa waggaan jala bultii Ayyaana Irreechaatti kan adeemsifamu yoo ta’u, sagantichi Miis Turizimii Oromiyaa filachuudhaan kan xumuramu ta’a.

Irreechi Guddinna Eenyummaa Oromooti

Wareegama qaaliin duudhaa ganamaa bakkatti deebifanne, kunuunfannee caalatti dagaagfannaa jedhan warreen kutaalee Oromiyaa garaagaraatii Irreecha Hora Finfinnee fi Hora Harsadee irratti hirmaachuuf qophiitti jiran.

Kutaaleen hawaasaa garaagaraa OMN’f yaada kennan, Irreecha Hora Finfinnee waggoota 150 dura sirna gita bittaan irraa dhiibamne qabsoo hadhaawaa fi hedduun lubbuu isaanii itti wareeganiin deebifannee jedhan.

Waggaa 7 dura Irreecha Hora Finfinnee irreeffachuu mitii dubbachuunuu hin danda’amu ture jedhan.

Har’a bakki isaa mijatee miiliyoonotaan itti baanee kabajna, warra guyyaa kana akka arginu lubbuu isaanii aarsaa kafalanii nu taasisan yoomuu hin dagannu kan jedhan warri yaada kennan, har’as warri aadaa fi duudhaa uummata Oromoo ukkaamsaa turee fi uummanni Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti baay’atee akka hin mul’anne fedhu akkuma kaleessaa duulatti jiraachuu dubbatu.

Har’i kaleessa miti amma booda Oromoo bakka amma gahe irraa fuulduratti deemuu malee humni ofduuba deebisu hin jiruu jedhan.

Oromoon akkuma kaleessaa tokkummaa isaa dirree Irreechaa irratti akka mul’isus dhaamanii jiru.

Miiliyoonotaan baanee ayyaana Irreechaa kabajna jedhan kanneen yaada isaanii OMN’f kennan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

fourteen − 10 =

Back to top button
Copy link