Afan OromoCultureNewsNews Analysis
Trending

OMN: Xiinxalla Irreechaa fi Sabboonummaa Oromoo

Irreechi calaqqee Oromummaa keessaa miidhagaa fi hirmaachisaa dha.

 

Irreechi Jarmiyaalee sirna Gadaa jalatti daandii Oromoon bakka tokkotti ba’ee duudhaa, safuu fi aadaa isaa ittiin calaqqisiisudha. 

Ummanni Oromoo gaanfa Afrikaatti saba guddaa, seenaa, duudhaa fi safuun bulu ta’uu cinatti ummata falaasama gabbataa fi qaroomina gurguddaa addunyaaf gumaachedha. 

Sirni Gadaa jiruu fi jireenya ummata Oromoo karaa hundaan kan hoogganuu fi dhimmoota bulchiinsaa, hawaasummaa, dinagdee fi hariiroo isaa hunda kan qajeelchudha. 

Oromoon bara Sirna Gadaan buluu eegale irraa kaasee duudhaa bulchiinsa sirna Gadaa kanaan nageenya, obbolummaa, birmadummaa, walqixxummaa fi kabaja ilma namaa mirkaneessee jiraataa ture. 

Irreechi ammoo Jarmiyaalee sirna Gadaa jalatti daandii Oromoon bakka tokkotti ba’ee duudhaa, safuu fi aadaa isaa ittiin calaqqisiisudha. 

Aadaan calaqqisiistuu maalummaa Uummata tokkooti. Uummanni tokko  aadaa isaa keessaan addunyatti mul’ata.

Gabaasota Walqabatan

OMN: Ayyaanota barii birraa dura kabajaman!

Uummanni Oromoo ammoo aadaa baay’ee maalummaa isaa  bal’naan beeksisuu danda’an qaba. Aadaan Uummata Oromoo hamilee hawaasichaa waliin kan wal qabateedha. Dinagdee fi amantaan ummatichaallee aadaa isaa keessaan calaqqisu. 

Aadaawwan Uummatichaa keessaa, Aadaa fuudhaafi heerumaa, Aadaa nyaataa, Aadaa uffannaa, aadaa waaqeffannaafi galateffanna, Aadaa ittiin aangoo walitti kennaniifi dabarsan aadaa ummtichaati. 

Oromtichi jiruu fi jireenya isaa keessatti waan dalagu mara sirna ittiin geggeessu, kan safuu fi safeeffannaa of keessaa qabu Waaqa uumaa Ardii kanaa ta’eef yeroo mara iddoo guddaa kan kennuudha.

Irreechi calaqqisiistuu Oromummaa, sirna Galateeffannaa fi Waaqeffannaa Oromoo ti.Oromoon waaqa dachee fi waan dachee  irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruu fi jireenya isaa guyyaa guyyaa  keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafoonni Oromoo.

Uummanni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon  araara kadhataaf. 

Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaa fi adeemsi ittiin waaqeffatuu fi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jechudha.

Galateeffannaa fi Waaqeffannaa kan ta’e Irreechi Sirna Gadaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qaba. 

Ayyaanni galateeffannaa fi waaqeffannaa Irreechi Oromoo kun, falaasamnii fi ilaalchi Oromoon Addunyaa kana keessatti ittiin humna waaqaa ibsu, jireenya lafa kana raajuu, iccitii jiruufi jireenya ibsu ta’ee fudhatama. 

Iccitiin kun  diinagdee isaa keessattillee ga’ee ol’aanaa qaba. Kanumaf jecha ”Yaa Waaqa, Baala Midhaan gootu, dhiiga Mucaa gootu, hooquba!” jedhee ganama  barraaqaan ka’ee galateeffata. 

Jireenya Qonnaa keessatti abdii waaqaatiin Qonnaan bulaan sanyii midhaan isaa qooxii irraa fuudhee  dacheetti facaasa. Waaqni roobaan lafa jiisee sanyiin biqilee  baala ta’a. Baala kanatu yeroo  waaqni kaa’e keessatti firii baasee soorata namaafi horiif ta’a.   

Kun ammoo waqtii gannaa, dhoqqeen lafa kutee, lagni guutee, Cooreen wal cortee malkaa ce’umsaa cuftee, huuriin lafa uwwisee, lafti dukkanaa’eeti.  Waqtii isaa eeggatee wayta dukkanni ifa aduutiin bakka bu’aa deemu, daandiin dhoqqaa’ee deemsa dhorkate xuuxxatee deemsaaf wayta mijatu, wayta sanyiin faca’ee biqilee baala ture hudhee, daraaree, dachee bareechee firiitti deebi’u, yeroo asheenni itti nyaatamu birraan yeroo irreechaati. Kanaaf Oromoon “Baga bacaqii gannaa baatee booqa birraa geessan” jedhe wal eebbisaa.

Waaqtiin birraa, Baatii Fulbaanaatii kaasee, dacheen daraaraa Keelloo, tuufoo, hadaafi kanneen biroon asiifi achiin bareedee ija nama hawwata. 

Fulbaanni ji’a “Hiyyoo koo daree, yaa habaaboo daree….” Mallattoon Booqaa Birraa, ibsaan Masqalaa ba’ee ayyaanni Masqalaa itti kabajamudha. 

Dargaggeessi xomboora guuree Daamaraa Masqalaa gubee, Kormoomsaa daaraa masqalaa addatti dibatee, sirba masqalaa wal jalaa qabee sirbaa yiikkisee dhiichisu, shamarran dibbeen lafa goosan jaarsi biyyaa ija irraa hafaa, horaa bulaa jedhee naannoo ibsaa masqalaa dhaabbatee yeroo itti eebbisu dha. 

Oromoon Malkaa fi dirree irra guutee” Midhaan namaaf geessitee, marga horiif geessitee, baala midhaan gootee gombisaafi togoogoo koo guutee,…..” jedhee waaqa kan itti galateeffatu irreecha.

Kanaaf hawaasni Oromoo  Waaqa waa hunda keessa isa dabarsee birraa hawwataa kanaan isa ga’e irreeffatee  galateeffata.

Irreechi utubaa sabboonummaan Oromoo itti calaqisuu fi tokkummaan Oromoo irratti mul’atu erga ta’aa dhufee bubbulee jira.

Afaan, aadaa fi seenaan utubaalee Oromummaa jedhamuun ibsamu. Afaan Aadaa fi Seenaan yoo walitti hidhaman ammoo “Eenyummaa ” ibsu.

Sabboonummaan utubaalee sadeen kana beekuu, jaalachuu, kabajuu fi isaaniif dursa kennuu dha. Sabboonummaan guddina sadarkaa ol’aanaa Oromummaa ti.

Irreechi ammoo irree fi mallattoo sabboounummaa Oromoo yoo ta’u, sonaawwan Sirna Gadaa keessaa Mallattoo Nageenyaa fi Tokkummaati.

Irreechi ayyaana guddaa galateeffannaa, jaalala, qulqullummaa, nageenya, dhiifama, araaraa fi aantummaa namoomaa itti laallabamu fi itti dhugoomudha.

Irreechi mallattoo tokkummaa fi calaqqee eenyummaa Oromooti. Irreechi guyyaa waadaa/irbuuti. Tumaan Irreechaa jajjabaa, sirni isaas cimaa dha.

Irreechi mallattoo dhufaa-darbaa dhalootaati.

Irreechi calaqqee Oromummaa keessaa miidhagaa fi hirmaachisaa dha.

Irreechi nageenya, Irreechi falaasmaa Gadaa, duudhaalee fi safuu isaa araaraa fi galateefannaaf kan oolchuudha. Irreechi ayyaana abdii fi ce’umsaati.

Irreechi calaqqistuu eenyummaa Oromooti. Uffanni aadaa Oromoo calaqqee aadaa, duudhaa fi naamusa sabichaati.

Uffanni aadaa babbareedoon, faayni garagaraa, faaruun Irreechaa fi dhichisni foollee  ayyonata addunyaa irratti kabajaman keessa simboo ayyaana Irreechaa ol fuudhe jira. 

Keessummattu warraaqsi faayaa fi uffata aadaa Oromoo ayyaanoota Addunyaa irratti kabajaman keessaa miidhaginnaa fi bareedina ayyaana irreechaa olkaasuu isaa namota baay’een irratti walii galama.

“Uffanni aadaa Oromoo calaqqee aadaa, duudhaa fi naamusa sabichaa ta’uun sabboonummaa Oromoo dagaagsaa jira.

Irreechi dadammaqiinsa Oromummaa, miira Tokkummaa fi  jaalalaa dabalate miira biyyaalessummaa Oromoo, ummata bal’aa gaanfa Afrikaa Oromoo jiddutti uumee jira.

Dammaqiinsi siyaasaa fi eennyummaa Oromoo waltajjii guddaa kana irratti mul’ataa dhufe, sabbonummaa sabichaa akka ibiddaa saafaa belbelchee jira.

Horri Finfinnee, horri irree Irreechaa. Horri galata uumaa, ardaan quufaa gabbinna, qe’een milkii  ulfinnaa, qa’een Tufaa Munaa, da’oon Qajeelaa Dooyyoo, araddaan Guutoo Wasarbii kan ganna hedduuf Irreecha lagattee turte dagaaguu sabbonummaa Oromoo fi qabsoo sabichaati baga bacaqii gannaa baatani booqa birraa geessan jechuu erga eegaltee waggaa 6 geessee jirti.

Irreechi Oromoof waa hunda jedhamee amanama. Irreechi mallattoo Nagaa, ka’umsa qaroominnaa, kuusaa aadaa fi falaasama Oromooti. Irreechi duudhaa dhugeeffannaa Oromoo kan sirna gadaa waliin walqabatee waggoota 3000 oliif ummanni Oromoo ayyaaneffachaa tureedha. 

Oromoon irreechaaf wayta bahu marga jiidhaa, bokkuu, siinqee harkatti qabate bahee; dubartoota of dura buusuun 

“Mareehoo                 mareehoo              

Mareehoo                 mareehoo”

jedhaa uumamma isaa kadhata deema. Foolleen nagenya ummataa tiksaa, namusaa irreecha kabaja.

Irreechii milkiif nageenya lallabee, Lolaa fi hammeenya lagata. Oromoon jaalala biifee jibbaa maganfata. Cunqursaa didee walqixxummaa simata. Waraanaa maganfatee nageenya aanfata. 

Baga bacaqii gannaa baatanii booqa birraa geessan!

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

11 + thirteen =

Back to top button
Copy link