Afan OromoNewsNews AnalysisOpinion

OMN: Irreechii milkiif nageenya lallabee, Lolaa fi hammeenya lagata

Oromoon jaalala biifee jibbaa maganfata. Cunqursaa didee walqixxummaa simata. Waraanaa maganfatee nageenya aanfata.

Ayyaanni Irreechaa bara 2026 sanbataa boruu fi dilbata Onkoloolessa 3 fi 4 hora Finfinnee fi Harsadetti kabajama.

Ummanni Oromoo gaanfa Afrikaatti saba guddaa, seenaa, duudhaa fi safuun bulu ta’uu cinatti ummata falaasama gabbataa fi qaroomina gurguddaa addunyaaf gumaachedha. 

Sirni Gadaa jiruu fi jireenya ummata Oromoo karaa hundaan kan hoogganuu fi dhimmoota bulchiinsaa, hawaasummaa, dinagdee fi hariiroo isaa hunda kan qajeelchudha. Beekaan wallaalaa gorsuun, xiqqaan guddaa kabajuun, goota faarsee beekamtii kennuun, haadha siiqqee, Qaalluu fi Abbaa Gadaa kabajuun, foolleef abboomamuun duudhaa sirna Gadaati. 

Oromoon bara Sirna Gadaan buluu eegale irraa kaasee duudhaa bulchiinsa sirna Gadaa kanaan nageenya, obbolummaa, birmadummaa, walqixxummaa fi kabaja ilma namaa mirkaneessee jiraachisaa waliinis jiraachaa ture. 

Irreechi ammoo Jarmiyaalee sirna Gadaa jalatti daandii ittiin Oromoon bakka tokkotti ba’ee duudhaa, safuu fi aadaa isaa calaqqisiisudha. 

Oromtichi jiruufi jireenya isaa keessatti waan dalagu mara sirna ittiin geggeessu, kan safuufi safeeffannaa of keessaa qabu Waaqa uumaa Ardii kanaa ta’eef yeroo mara iddoo guddaa kan kennuudha.

Haa ta’u malee ummanni guddaan Gaanfa Afrikaa qubatee jiru kun aadaa fi eenyummaa isaa akka barbaadetti kunuunsuu fi dagaagsuuf rakkataa ture.

Qabsoon ummata Oromoo Jaarraa lakkoofsise ammallee galma isaa gahuu baatus, wal’aansoon aadaa Oromoo guddisuu kun itti fufee jira. 

Aadaan guddaachuun ammoo sabboonummaa sabichaa dagaagsaa jira. Calaqqisiistuu Oromummaa Aadaa ta’e keessaa tokko Irreechaa; sirna Galateeffannaa fi Waaqeffannaa Oromoo ti.

Uummanni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. 

Uummanni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta’e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.

Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa  irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa  keessatti iddoo guddaa fi ol’aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafoonni Oromoo.

Uummanni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta’ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon  araara kadhataaf. 

Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeen gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta’e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuu fi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun “Waaqa tokkicha sana galateeffachuudha” jechudha.

Galateeffannaafi Waaqeffannaa kan ta’e Irreechi Sirna Gadaa Oromoo keessatti ibsamee iddoo guddaa kan qabuudha. Sirni Gadaa Oromoo waan  Oromoon dalagu hunda, Aadaa, jireenya hawaasummaa, diinagdee hawaasichaa, Sirna Bulchiinsaa ykn  Siyaasaa akkasumas, amantaafi wantoota kanaan walitti hidhata qaban  sirritti ijaaramanii kan keessatti mul’ataniidha. 

Haala  kanaan Jaarmiyaalee sirna Gadaan ijaaraman keessaa  Kan Aadaan Uummatichaa keessaan mul’atu, beekamu, daddarbu Irreechi isa tokko.

Ayyaanni galateeffannaa fi waaqeffannaa Irreechi Oromoo kun, falaasamnii fi ilaalchi Oromoon Addunyaa kana keessatti ittiin humna waaqaa ibsu, jireenya lafa kana raajuu, iccitii jiruufi jireenya ibsu ta’ee fudhatama. 

Iccitiin kun  diinagdee isaa keessattillee ga’ee ol’aanaa qaba. Kanumaf jecha ”Yaa Waaqa, Baala Midhaan gootu, dhiiga Mucaa gootu, hooquba!” jedhee ganama  barraaqaan ka’ee galateeffata. Wayita irreeffannaa keessattis sagaleen  galateeffannaa kun irra deddeebi’amee waaqeffattootaan dubbatama.

Jireenya Qonnaa keessatti abdii waaqaatiin Qonnaan bulaan sanyii midhaan isaa qooxii irraa fuudhee  dacheetti facaasa. Waaqni roobaan lafa jiisee sanyiin biqilee  baala ta’a. Baala kanatu yeroo  waaqni kaa’e keessatti firii baasee soorata namaafi horiif ta’a.   

Kun ammoo waqtii gannaa, dhoqqeen lafa kutee, lagni guutee, Cooreen wal cortee malkaa ce’umsaa cuftee, huuriin lafa uwwisee, lafti dukkanaa’eetti dha.  Waqtii isaa eeggatee wayta dukkanni ifa aduutiin bakka bu’aa deemu, daandiin dhoqqaa’ee deemsa dhorkate xuuxxatee deemsaaf wayta mijatu, wayta sanyiin faca’ee biqilee baala  ture hudhee, daraaree, dachee bareechee firiitti deebi’u, yeroo asheenni itti nyaatamu birraan yeroo irreechaati. Kanaaf Oromoon “Baga bacaqii gannaa baatee booqa birraa geessan” jedhe wal eebbisaa.

Waqtiin gannaa kan beekamu, rooba cimaa, daandiin irra deemanii gabaa dhaqan dhoqqaa’ee, malkaan guutee, yeroo itti qonnaan bulaan maatii isaa waliin qonnaafi aramaadhaan itti qabamee boqonnaa malee dhama’udha. 

Waaqtiin birraa, Baatii Fulbaanaatii kaasee, dacheen daraaraa Keelloo, tuufoo, hadaafi kanneen biroon asiifi achiin bareedee ija nama hawwata. 

Gama biroon ammoo, Oyiruun Qonnaan bulaa baala irraa gara firiitti jijjiiramee asheetiin midhaanii alaafi mana guutee, mana nama hundaa biratti mullata. Ijoolleen asheeta quuftee bajjii ykn hurufa keessa burraaqxi. Jiboonnii fi gorommiin hoo’a birraa ganamaa gammadanii dirree keessa burraaqu, kormi loonii ni barooda.

Qotiyyoon hurufa keessatti wal aa’a, saawwan dorrobee dhalee jabbiin asii fi achii mar’atti. Oromoon haallan kana hunda keessatti iccitii humna waaqaa qalbeeffataa deema. 

Oromoon Malkaa fi dirree irra guutee” Midhaan namaaf geessitee,  marga horiif geessitee, baala midhaan gootee gombisaafi togoogoo koo guutee,…..” jedhee waaqa kan itti galateeffatu birraadha. 

Birraan yeroo firrii fira isaa ganna haala hojii, jiruufi jireenya akkasumas haala qilleensaaf jecha wal irraa citee taa’aa ture, kan nyaataa fi dhugaatii qopheeffatee, itti wal dubbisu, walgaafatu fi qe’ee walii daawwatu. 

Fulbaanni ji’a “Hiyyoo koo daree, ya habaaboo daree….” Mallattoon Booqaa Birraa, ibsaan Masqalaa ba’ee ayyaanni Masqalaa itti kabajamudha. 

Dargaggeessi xomboora guuree Daamaraa Masqalaa gubee, Kormoomsaa daaraa masqalaa addatti dibatee, sirba masqalaa wal jalaa qabee sirbaa yiikkisee dhiichisu, shamarran dibbeen lafa goosan jaarsi biyyaa ija irraa hafaa, horaa bulaa jedhee naannoo ibsaa masqalaa dhaabbatee yeroo itti eebbisu dha. 

Kanaaf hawaasni Oromoo  Waaqa waa hunda keessa isa dabarsee birraa hawwataa kanaan isa ga’e irreeffatee  galateeffata.

Irreechi utubaa sabboonummaan Oromoo itti calaqisuu fi tokkummaan Oromoo irratti mal’atu erga ta’aa dhufee bubbulee jira.

Afaan, aadaa fi seenaan utubaalee Oromummaa jedhamuun ibsamu. Afaan Aadaa fi Seenaan yoo walitti hidhaman ammoo “Eenyummaa ” ibsu.

Sabboonummaan utubaalee sadeen kana beekuu, jaalachuu, kabajuu fi isaaniif dursa kennuu dha. Sabboonummaan guddina sadarkaa ol’aanaa Oromummaa ti.

Irreechi ammoo irree fi mallattoo sabboounummaa Oromoo yoo ta’u, sonaawwan Sirna Gadaa Keessaa Mallattoo Nageenyaa fi Tokkummaati.

Irreechi ayyaana guddaa galateeffannaa, jaalala, qulqullummaa, nageenya, dhiifama, araaraa fi aantummaa namoomaa itti laallabamu fi itti dhugoomudha.

Irreechi mallattoo tokkummaa fi calaqqee eenyummaa Oromooti. Irreechi guyyaa waadaa/irbuuti. Tumaan Irreechaa jajjabaa, sirni isaas cimaa dha.

Irreechi mallattoo dhufaa-darbaa dhalootaati.

Irreechi calaqqee Oromummaa keessaa miidhagaa fi hirmaachisaa dha.

Irreechi nageenya, Irreechi falaasmaa Gadaa, duudhaalee fi safuu isaa araaraa fi galateefannaaf kan oolchuudha. Irreechi ayyaana abdii fi ce’umsaati.

Irreechi calaqqistuu eenyummaa Oromooti. Uffanni aadaa Oromoo calaqqee aadaa, duudhaa fi naamusa sabichaati.

Irreechi waltajjii guddaa gaanfa Afrikaa bira darbee guutuu Afrikaa fi addunyaa irratti sagantaa miliyoonota hirmachisuu fi hawwatamuu dha.

Uffanni aadaa babbareedoon, faayni garagaraa, faaruun Irreechaa fi dhichisni foollee  ayyonata addunyaa irratti kabajaman keessa simboo ayyaana Irreechaa ol fuudhe jira. 

Keessummattu warraaqsi faayaa fi uffata aadaa Oromoo ayyaanoota Addunyaa irratti kabajaman keessaa miidhaginnaa fi bareedina ayyaana irreechaa olkaasuu isaa namota baay’een irratti walii galama.

“Uffanni aadaa Oromoo calaqqee aadaa, duudhaa fi naamusa sabichaa ta’uun sabboonummaa Oromoo dagaagsaa jira.

Irreechi dadammaqiinsa Oromummaa, miira Tokkummaa fi  jaalalaa dabalate miira biyyaalessummaa Oromoo, ummata bal’aa gaanfa Afrikaa Oromoo jiddutti uumee jira.

Horri Finfinnee, horri irree Irreechaa. Horri galata uumaa, ardaan quufaa gabbinna, qe’een milkii  ulfinnaa, qa’een Tufaa Munaa, da’oon Qajeelaa Dooyyoo, araddaan Guutoo Wasarbii kan ganna hedduuf Irreecha lagattee turte dagaaguu sabbonummaa Oromoo fi qabsoo sabichaati baga bacaqii gannaa baatani booqa birraa geessan jechuu eegaltee jirti.

Ayyaanni Irreechaa nama 6 hammaa addunyaa raajeessuuti ayyaana gaheedha. Ayyaana eenyummaa fi tokkummaan Oromoo itti mul’atu. Ayyaana Oromummaan itti leellifamu, ayyaanaa jaalatamaa Gaanfa Afrikaa jedhamee faarfama.

Irreechi Oromoof waa hunda jedhamee amanama. Irreechi mallattoo Nagaa, ka’umsa qaroominnaa, kuusaa aadaa fi falaasama Oromooti. Irreechi duudhaa dhugeeffannaa Oromoo kan sirna gadaa waliin walqabatee waggoota 3000 oliif ummanni Oromoo ayyaaneffachaa tureedha. 

Feestivaala miidhagaa fi sabbonummaa Oromoo kana irratti ummanni Oromoon faaya aadaatiin faayamee irratti argama. Simboon sabboonummaa Oromoo ammo guyyaa itti olka’ee mul’atuudha.

Jiruu fi jireenyi, falaasamni, duudhaa fi safuun, qaroominnii fi guddinni Oromoo hundi maddi isaa Sirna Gadaati jedhamee amanama. 

Sirni Gadaa sirna bulchiinsa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi sirna Oromoon madaallii uumaa fi uumamaa tikfatee itti jiraatu wayta ta’u, wabi nageenyaa, bu’uura dimookraasii fi tokkummaa sabichaati.

Hayyoonni seenaa waa’ee Oromoo yoo ibsan “Oromoon Gadaan bula. Gadaan waqaan qajeela. Waaqni uumama maraaf heera fi seera qaba. Oromonis heeraa fi seeraa uumaa uumamaa eege wal bulcha jechuun ibsu.

Irreechi ammoo sirna galateefannaa Oromoon waaqa isaa araaraamaa fi dhiifamaa itti gaafatuu fi waaqaaf galata ittiin galchuudha. Qaroominnaa fi beekumsa Oromoon addunyaaf gumaache keessa irreechi isa tokko.

Falaasama Oromoon uumamaan uumaatti dhiyaatu keessaa inni guddaa fi hangafni ammoo ayyaana Irreechaa ykn sirna galateeffannaati. 

Irreechi sirna galateeffannaa Waaqaati. Sirna Waaqa tokkicha uumaa waan hundaa ta’e ittiin galateeffatanidha. Oromoon Waaqa jechuun uumaadha. uumaa hundaa olii. Uumaa waa hunda uume kan yoomiyyuu jiraatuu jechuun dhugeefata. Oromoon waaqni ulfoodha jedha.

Oromoon irreechaaf wayta bahu marga jiidhaa, bokkuu, siinqee harkatti qabate bahee; dubartoota of dura buusuun 

“Mareehoo                 mareehoo              

Mareehoo                 mareehoo”

jedhaa uumamma isaa kadhata deema. Foolleen nagenya ummataa tiksaa, namusaa irreecha kabaja.

Irreechii milkiif nageenya lallabee, Lolaa fi hammeenya lagata. Oromoon jaalala biifee jibbaa maganfata. Cunqursaa didee walqixxummaa simata. Waraanaa maganfatee nageenya aanfata. 

Baga bacaqii gannaa baatanii booqa birraa geessan!

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

3 + two =

Back to top button
Copy link