Afan OromoNewsOpinionPolitics
Trending

Eenyummaa Haaraa fi Hiree Sabootaa

Eenyummaa Haaraa fi Hiree Sabootaa

Eenyummaa Haaraa fi Hiree Sabootaa

Itoophiyaan sirna Biltsiginnaatin bulaa jirtu golga ijaarsa biyyaa jalatti fakkoomii eenyummaa sabootaa, duudhaa, aadaa, Afaanii fi eenyummaa ummattootaa dhiqaa, eenyummaa qeenxee Itoophiyaawinnati jedhu Ummattoota Itoophiyaa uwwisaa jirti jedhu hayyoonni.

Duulli fakkoomii eenyummaa sabootaa qulqulleessuu bal’aan ummata Oromoo fi saboota biyyattii irratti waggoota 7n darbaniif adeemsifamaa kan ture yoo ta’u, tibbana xalaayaan barnoonni afaan Oromoo torbaanitti sagantaa 1 qofa akka barsiifamuu fi qorumsa biyyaaleessaa keessa Afaan Oromoo akka hin jirre mul’isu godinaalee fi magaalotaaaf barreefamee jira.

Ministirri barnoota Piroofeesar Birhaanuu Naggaatiin durfamu dhaabbilee barnootaa bocaa fi mallattoo eenyummaa sabootaa calaqqisiisan qabu haquun kan eenyummaa mootummaan Biltsiginnaa ijaaraa jiruun bakka buuse jedhamuun qeeqama.

Mootummaan Biltsiginnaa fakkoomiwwan saboota ibsan dhaabbilee sabootaa irraa haquun fakkoomiiwwan eenyummaa Itoophiyaa haaraa calanqisiisaniin bakka buusee jira.

Haaluma kanaan ministeerri barnootaas waggaa lama dura Biiroo Barnoota Oromiyaa irraa Asxaa fakkoomii Oromiyaa fi Oromummaa calaqisiisu loogoo mallattoo Odaa fi qubee ofirraa qabu haquun asxaa biraatiin akka bakka buusuu taasiauun isaa ni yaadatama. 

Biiroon Barnoota Oromiyaa erga caaseffamee as, itti waamama Caffee Oromiyaatiin waggoota 30 oliif, dhimma kenniinsaafi qulqullina Barnootaatiin Naannoo Oromiyaa keessatti tajaajila kennuun beekama. 

Biiroon kun bu’ura Heera Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin, barnoota sadarkaa jalqabaa irratti angoo murteessuufi kitaaba qopheessuutiin waggoota hedduuf, ministeera Barnootaa biyyaattii jalatti tajaajilee jira.

Hundeeffama isaa irraa eegalee Loogoo (Asxaa) waajjiricha ibsu kan qabu yoo ta’u, Loogoon kunis fakkoommiiwwan Oromoofi Oromiyaa kan ofirraa qabuudha.

Mallattoo gucaa kan Halluu Alaabaa Oromiyaatiin dibame ofirraa kan qabu yoo ta’u, fiixee loogoo irratti Faajjii mootummaa naannoo Oromiyaatiin faayamee jira. Jala isaatiin qubee afaan Oromoo A,B,C,D jedhu kan ofirraa qabufi gaaddisa Odaa gaaddiddaa’etu duuba loogoo (Asxaa) duraanii irraa mul’achuun, akka Oromoo fi Oromiyaa ibsutti bocame.

Gabaasota walqabatan;

Dubbii Afaan Oromoo Afaan Hojii Federaalaa Gochuu Waadaatti Hafe.

Haa ta’u malee ministirri barnootaa dhaabbileen barnootaa loogoo walfakkaatu qabaachu qabu  jechuun Biiroon Barnoota Oromiyaa mallattoolee duraan turan haquun, kitaabaafi maqaa waajjirichaa Afaan Oromoo fi Amaariffaan barreeffatee loogoo haaraa maxxanfate.

Ministirri barnootaa Itoophiyaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaa siyaasa faallaa sab-daneessummaa oofuun nama beekamu yemmuu ta’u, yeroo hoggansa barnootaatti muudamettis, Barnoonni namoota ilaalcha faallaa sirna federaalizimii heera biyyattiin tarkaanfachiisaniin hogganamuun rakkoo hordofsiisa jechuun, qaamoleen garagaraa mormaa turan.

Akkuma sodaatamaa ture Ministeerri barnootaa biyyattii fakkoomii sabummaa calanqiisiisaan guutuu biyyaattii erga haqee booda, imaammata barnootaa haaraa diriirsuun adeemsa sabboonummaa sabummaa sabboonummaa Itoophiyaatiin bakka buusuu jalqabe.

Imaammanni Barnootaa haaraan Ministeera Barnootaa Itoophiyaatiin diriirfame, manneen Barnootaa Oromiyaa keessa jiran Afaan Amaaraa akka afaan dhalootaatti akka baratamu godhe.

Imaammanni kun aadaa, afaanii fi naamusa heera biyyattii kan eeggate miti jedhu hayyoonni sirna barnootaa.

Imaammanni kun qoodama sadarkaa barnootaa jijjiiruu fi biiroowwan barnootaa naannolee irraa angoo kan hir’ise yoo ta’u, silibasii barnootaa qopheessuu irraa hanga kitaaba barnootaa dhiheessuutti hojjechuuf hayyamni kan Ministeera Barnoota Itooophiyaa ta’e.

Biiroon barnoota naannoolee waggoota 30mman darbaniif aangoo barnootaa naannoo isaanii irratti qabaachaa turan imaammata barnootaa haaraa kanaan dhabani jiru.

Barnoonni sadarkaa 1ffaa kana dura kutaa 1 hanga 8 ture, imaammata kana keessatti kutaa 1 hanga 6tti gad siqee jira.

Barnoonni sadarkaa giddu galeessaa ammoo kutaa 7 hanga 8tti kan dhufe yoo ta’u, sadarkaan 2ffaan ammoo kutaa 9 hanga 12tti ta’ee jira.

Qormaamni biyyaalessaa kutaa 12ffaatti akka kennamu kan labse imaammatichi, aangoon biiroo barnootaa naannoolee kutaa 1 hanga 6tti akka hir’atu taasisuun cinatti, angoo afaan barnootaa sadarkaa 1ffaa murteessuus kan qabaatu Ministeera barnootaa ta’ee labsame.

Imaammata barnootaa haaraa kana irraa sodaa qabaachuu kan himan ogeeyyiin saayinsii barnootaa, Imaammata kana keessatti Silibasiin kitaabilee, beekumsa saba tokkoo fi ilaalcha Itoophiyaa sab-qeenxeetiin kan guutame ta’usaati jedhu. 

Itti fufuun naannoo Oromiyaatti barattoonni barnoota Afaan Amaaraa kutaa 1ffaarraa eegaluun akka barataniif dirqama taasise.

Barattoota Afaan Oromoo akka afaan dhalootaatti baratan Afaan Amaaraa kutaa 1ffaa irraa eegalchiisuun olaantummaa Afaan Amaaraa eegsisuuf bocamuu imaammatichaa agarsiisa jedhu xinxaaltonni.

Mootummaan Afaan Oromoo afaan federaalaan godha jedhee dubbataa ture dhaloota Afaan Amaaraa barsiisuu, sanaan faallaa immoo Afaan Oromoo wantoota dadhabsiisan hojjachuun afaan hojii mootummaa federaalaa Afaan Amaaraa qofa ta’uu qaba ijjannoo jedhutti cichuu isaa agarsiisaa jedhu.

Naannolee biyyattii kan biroo keessatti, barattoota Afaan Oromoo barachuu barbaadaniif mirgi akka kanaa hin eegamne, akkasumas Afaan Oromoo akka gosa barnootaa tokkotti hin hayyamamne, Oromiyaa keessatti garuu filannoon gosa barnootaa hunda Afaan Amaaraan barachuufi dirqamni Afaan Amaaraa akka gosa barnootaa tokkootti barachuu kennamuun adeemsa eenyummaa haaraa Itoophiyaa bocamaa jiru sammuu daa’immaan Oromoo keessatti kalaquu akka ta’e ibsamee jira.

Daa’imni tokko afaan haadha isaatti afaan yoo hin hiikkatin, sabboonummaa saba isaa dhandhamuuf hiree dhaba. Ilaalcha sabummaa sabaa Itoophiyaa keessaa balleessuuf daa’imman irratti hojjachuun tooftaa bulchiinsa biltsiginnaati jedhu qeeqxonni. 

Dhuma bara 2018 ministeerri barnootaa imaammata barnootaa haaraa keniinsa barnoota kutaa tokko irraa jalqabee Afaan dhaloota, Afaan Amaaraa, Afaan Ingiliizii, fi afaan biraa tokkoon akka kennamu wixinee kan qopheesse.

Imaamanni barnoota haaraan qophaa’e kun ogeessota afaanii fi imaammataatiin baay’ee qeeqame. 

Itoophiyaan heera Afaanii malee Imaammata Afaani hin qabdu kan jedhan hayyoonni Afaanii, osoo imaammata afaanii lafa taa’e hin qabatin, imaammata Afaanii dhiyeessuu hin dandeessu jechuun imaammata san mormaa turan.

Afaan Amaaraa Afaan hojii federaalaa akka ta’eefi naannoolee hundatti afaan dhalootaa afaan hojii nannolee akka ta’u heerri biyyattii kan eeru ta’us, imaammatni Afaanii akka biyyatti waan heera biyyattiirra jiru qulqulleesse ibsu garuu jiraachuu qaba jedhu.

Imaammanni Afaanii Afaan hojiin baruuf barsiisuun itti ademsifamu qofa osoo hin taanee, afaan qunnamtii uummataa fi mootummaa akkasumaas dhaabbilen tajaajilaa kennan itti dhimma bahan waan murteessuuf isatu dursuu qabas jedhani jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

thirteen + 12 =

Back to top button
Copy link