Afan OromoNewsPolitics
Trending

Itoophiyaan Ertiraa, ABUT fi Hidhattoota kaan himatte

Itoophiyaa fi Ertiraa

Mootummaan Itoophiyaa Ertiraa, Adda Bilisummaa Uummataa Tigraay fi gareewwan hidhatan biroo haleellaa raawwachuuf karoorfachuu himate.

Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Geediyoon Ximotewoos xalayaa dippilomaasii cimaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyootti erganiin, Eertiraan “murna ABUT akkasumas gareewwan hidhatan biroo waliin walta’iinsa fi qindoominaan ganna dhufutti haleellaa gurguddaa raawwachuuf yaadan” jechuun himate.

Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon xalayaan barreessan mootummaan Eertiraa “irra deddeebi’ee dubbii barbaachuu”, “lafa kan isaa hin taane to’achuu” fi gareewwan hidhatee deeggaruun Itoophiyaa tasgabbii dhabsiisuuf hojjecha jira” jechuun himatee jira.

Geediyoon xalayaa Waxabajjii 20  bara 2025 barreessaniin, gochoonni kun “seera idil-addunyaa ifatti kan cabsuu” akka ta’anii fi nagaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaa keessa jiru diiguun balaa hamaa kan uuman ta’uu akka danda’an akeekkachiisuu isaanii Addis Standard gabaasee jira.

Xalayaa kanaan Geediyoon Ximootiwoos Itoophiyaan waliigaltee bara 2018 booda walitti dhufeenya biyyoota lamaanii gama balallii, daldalaa, fi telekoomii idileessuuf tattaaffii godhaa turte yaadachiisaniiru. 

“Itoophiyaan kaka’umsa fudhattee walitti dhufeenya obbolummaa fi badhaadhina walootiif hojjechaa turte. Ammallee muddamni dabalaa dhufuus kutannoo isheen itti fufteetti” jedhan.

Gabaasota walqabata;

Ertiraan Itoophiyaa Tasgabbii dhoowwaa jirti. Gabaasa

Itoophiyaa fi Ertiraan wal himatan

Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa Eenyu fa'a hirmaachise?

Haa ta’u malee, Eertiraan waliigaltee nagaa Piritooriyaa bara 2022 kan lola cimaa waggoota lamaaf naannoo Tigraay keessatti geggeeffamaa ture xumure erga mallatteessitee booda kallattii jijjiratteetti jechuun himatan.

Waraana Tigraay keessatti humnoonni Eertiraa humnoota Itoophiyaa waliin ta’anii loluun yakka waraanaa fi dhala namaa irratti yakka raawwachuun himatamanii turan. Gabaasa haaraan ba’een hoggantoonni Eertiraa osoo waraanni hin ka’iin dura yeroo dheeraa dura waraana kanaaf dammaqinaan karoorfachuu fi qophaa’uu isaanii ragaa bal’aa agarsiisu dhiheessee jira.

Waliigaltee Piritooriyaa booda hariiroon dippilomaasii jiru qabbanaa’aa waan jiruuf, Itoophiyaan amma kallattiin Eertiraan waraana kana akka “carraa Itoophiyaa laaffisuuf” itti fayyadamte, akkasumas waliigaltee Piritooriyaa mallatteessuu hordofuun “karaa waldhabdee dabalaa dhufe qabachuu eegalte,” jechuun himachaa jirti.

Xalayaan ministirichaa murtee mootummaan Eertiraa walitti dhufeenya kallattiin aviyeeshinii biyyoota lamaan gidduu jiru dhaabuu, qabeenya Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ugguruu, walitti hidhamiinsa telekoomii ugguruu, akkasumas “gareewwan hidhattoota adda addaa Itoophiyaa keessatti isaan tajaajilan” deeggaruu dabalatee murtee wal-duraa duubaan Eeritraan fudhatte eereera.

“Garuu mootummaan Itoophiyaa yeroo sarbamiinsi kun mudatuutti of-eeggannoo ol’aanaa godheera,” jechuun kan barreessan Geediyoon, hawaasni addunyaa “mootummaan Eertiraa birmadummaa Itoophiyaa akka kabajuu fi deeggarsa seeraan alaa diigumsaa Itoophiyaaf godhu akka dhaabu” dhiibbaa akka godhu gaafataniiru.

Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa ibsa Waxabajjii 26 baaseen, qabiyyee xalayaa kanaa “ajandaa waraanaa yeroo dheeraaf ture” sababeeffachuudhaaf “toftaa ifa ta’e” jechuun kuffiseera.

Eertiraan Paartiin Badhaadhinaa biyya bulchu waggoota lamaan darbaniif “ibsawwan hin barbaachifne baasaa” fi “doorsisa waraanaa raawwachaa” jira jechuun ibse. Kunis qaama tattaaffii tarsiimowaa buufata doonii Eertiraa “yoo danda’ame seeraan, yoo ta’uu baate waraanaan” argachuuf taasifamaa jiruudha jechuun himatte.

Akka mootummaan Eertiraa jedhutti, gochoonni kun “bittaa meeshaalee waraanaa baay’ee” fi “yaalii mootummaa dadhabsiisuu” kan dabalatudha. Gochoonni “dubbii barbaacha” kunniin birmadummaa fi tokkummaa daangaa Eertiraa, akkasumas tasgabbii naannawichaa irratti “balaa hamaa” kan fidan ta’us, Eertiraan “of to’annaa sadarkaa olaanaa” agarsiisuu filatteetti” jedheera.Ministirri Muummee Abiy Ahimad haasaa paarlaamaatti Kamisa darbe taasisaniin, Itoophiyaan “karaa nagaan” ulaa galaana argachuuf hordofaa akka jirtu irra deebi’anii ibsuun, garuu hulaa galaanaa argachuuf dirqisiisuu caalaa faayidaa waloo irratti ta’u cimsanii dubbataniiru. Itti dabaluudhaanis “humnaan osoo hin taane wal hubannoodhaan hulaa galaana argachuu barbaanna,” jedhan.

Ministirri muummee Abiy yaaddoo waraanaa Eertiraa waliin ka’a jedhu kuffisaniiru. Itoophiyaan “waldhabdee kamiyyuu hin feetu, isaanis akkasuma gochuu qabu” jechuun miseensota mana mareetti himaniiru. Ta’us garuu Itoophiyaan “biyya dinagdee guddaa qabdu, baay’ina ummataa guddaa qabduu fi waraana ammayyaa qabdu” kanaaf “dandeettii of ittisuu gahaa” akka qabdu ta’uu irra deebi’anii dubbataniiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

4 × 2 =

Back to top button
Copy link