NewsAfan Oromo

OMN: Haleellaa hidhattoota Somaaleetiin Booranatti namni 3 ajjeefaman.

Weerara hidhattoota Somaalee

Hidhattoonni naannoo Somaalee haleellaa tibbana akka haaraatti daangaa Oromiyaa seenanii raawwachuu jalqaban itti fufuun dhagahame.

Haaluma kanaan godina Boorana Bahaa aanaa Dhaasitti haleellaa raawwataniin lubbuun namoota nagaa darbuu jiraattonni OMNtti himaniiru.

Jiraattota loon tiksan irratti hidhattoonni naannoo Somaalee daangaa cehanii dhufanii haleellaa raawwatan jedhan.

Haleellaa hidhattoota kanneeniitiin kan lubbuun darbe dubartoota dabalata.

Ganda horsiisaan bultootaa Raaroo Ardaa Dhaddacha Baballaa jedhamutti hidhatoonni naannoo Somaalee haleellaa raawwataniin lubbuu namoota 3tu darbuu himan.

Kanneen keessaa 2 dubartoota ta’uu jiraattonni OMNtti himan.

Hidhattoonni kun garmalee kan hidhatan ta’uu jiraattonni eeranii, mootummaan naannoo Somaaleetu duuba taa’ee nutti bobbaasa jedhu.

Hidhattoonni naannoo Somaalee tibbana bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa, godinaalee Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Baale fi Booranaa seenuun haleellaa raawwataa jiraniin lubbuun namoota nagaa darbaa jiraachuu dhageenye.

Kaayyoon humnoota kanaa lafa Oromoo weeraruu akka ta’e jiraattonni himatu.

Hidhattoonni kun  yeroowwan garaagaraatti haleellaa raawwataniin Cinaaqsanii hanga Mooyaaleetti lafa Oromoo bal’aa weeraraan qabachuu ragaaleen mul’isu.

Mootummaan naannoo Somaalee weerara lafaa kana duuka jira kan jedhan jiraattonni naannawaa daangaa, kana wantoonni agarsiisan hedduutu jiru jedhu.

Mootummaan Oromiyaa daangaa Oromiyaa hin tiksine jedhanii jiraattonni cimsanii komatu.

Walitti bu’iinsaa fi gaafii abbummaa gandoota 463 kan daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee irratti argaman irratti bara 1993 as ka’aa ture deebisuuf Manni Maree Federeeshiinii komishiinii dangaa garasitti bobbaasuun qorannaa erga taasisee booda Onkolooleessa 24 bara 2004 ALAtti waggaa 21 dura riifireendamiin adeemsifame.

Gandoota gaaffiin Abbummaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi mootummaa naannoo Somaaleetiin irratti ka’e keessaa buufanni Filannoo Aanaalee Erar, Gooroo Guutuu, Gursum, Liiban, Gola Odaa, Mayyuu Mulluqqee, Gurradhaamolee fi Barbaree keessatti hundaa’uun riifireendamiin gandoota 463 keessaa gandoota 422 keessatti adeemsifame.

Gandoota 39 keessatti sababoota adda addaatiin osoo hin adeemsifamin hafuu ragaan boordii filannoo irraa argannee ni mul’isa.

Reefireendamii mootummaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee jidduutti Onkolooleessa bara 2004 gandoota 422 keessatti adeemsifameen dhibbeentaan 80 ol naannoo Oromiyaa filatan. 

Haa ta’u malee naannoon Somaalee lafa Oromoo karaa reefirendamiitiin dhabe humna qawweetiin fudhachuuf hidhattoota garaagaraa hidhachiisuun, humnoota mootummaas keessa makee ummata Oromoo godinaalee Baale, Booranaa fi Harargee keessatti daangaa irraa buqqisuun lafa Oromoo qabataa ture.

Reefireendamii Onkolooleessa 24 bara 2004 ALAtti adeemsifame booda gandoota Oromiyaa jalatti akka bulan filatamanillee humnaan qabachuu humnoota kanaa ragaaleen mul’isanii jiru. Sana bira darbee gandoota heddu Moyaalee hanga Cinaaqsan, Dirree Dhawaa hanga Mi’eessoo qabatan jedhu jiraattonni.

Mootummaan naannoo Somaalee bifa weeraraa fi walitti bu’iinsa daangaatiin aanoota naannoo Somaalee daangeessaan kanneen akka Gooroo Guutuu, Mi’eessoo, Maayyuu Mulluqqee, Gursum, Baabbilee, Miidhagaa Tolaa, Cinaaksan, Jaarsoo, Mooyyaalee, Liiban, Gurradhaamolee, Sawweenaa, Barbaree, Gola Odaa,  Areeroo, Madda Walaabuu, Daawwee Qaachan, Raayituu fi Laga Hidhaa dabalatee aanota biroo irraa lafoota hedduu qabachuun ummata isaa irra qubsiisee jira.

Akka hawaasni aanota kanneenii OMNtti himanitti, hidhattoonni mootummaa naannoo Somaalee waan karaa seeraatiin dhaban weeraran argachuuf waggoottan 21 darban hojjataa turan. Har’as sanumatti jiru. Mootummaan Oromiyaa immoo lafti Oromoo gaafa saamamu akka mootummaa Oromiyaatti weerara lafaa humnoota kanaa ittisuuf gahee isaa hin bahanne jedhamee cimsee qeeqama.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

9 + eighteen =

Back to top button
Copy link