Afan OromoNewsOpinion
Trending

Miidiyaan Hidhannoo Jabanaa Murteessaadha hayyoota

Miidiyaan dugugguruu fi dhuka qabsoo Oromooti jedhan hayyoonni

Miidiyaan dugugguruu fi dhuka qabsoo Oromooti jedhan hayyoonni OMN irratti marii taasisaan.

OMN qophii Dirree Waloo irratti marii kan taasisan Dr. Jamaal Heebanoo, Dr. Girmaa Shuumii, Dr. Sulxaan Abdaa fi ogeessi seeraa Ibsaa Gammadaa miidiyaan meeshaa jabanaa fi qabsoo Oromoo keessatti hidhaannoo murteessaa ta’eedha jedhan.

Qorannoon Boordiin Amaanaa OMN dhimma barbaachisummaa OMN irratti taasise, miidiyaan ummata Oromootiif barbaachisaa ta’uu isaa kan mul’iseedha kan jedhan hayyoonni kunniin, keessattuu humna oomishaa jedhamee kan beekkamu umrii 21 hanga 40 jidduu kanneen jiran dhibbeentaa 80 ol miidiyaan kun akka itti fufuu fi madda odeefannoo isaanii jalqabaa akka ta’e qorannoon kun ifoomsee jira jedhan.

Barbaachisummaan miidiyaa kanaa olaanaa ta’uu qorannoon kun akka mul’ise kan ibsan hayyoonni kun, sagalee ummata biyya keessa jiruu ta’uuf, hawaasni Oromoo diyaaspooraa tumsa diinagdee fi beekumsaa taasisuu qaba jedhan.

Gabaasota walqabatan;

Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa fi Biyyaa baafamuu OMN

Miidiyaan gaafii siyaasaa ummata tokko qofa tarkaanfachiisuuf osoo hin taanee guddinna diinagdee, hawaasummaa, aadaa, duudhaa, afaan, eenyummaa, teknoolojii fi qaroominna ummata tokkoo keessatti yeroo kamuu barbaachisaa ta’u hayyoonni kun ibsani jiru.

Dr. Jamaal Heebanoo OMN dugugguruu fi dhuka qabsoo Oromooti jechuun, OMN ummata Oromootiin hundaa’ee deeggarsa ummata Oromootiin har’a gahee jedhan. Gara fuulduraattis deeggarsa ummata Oromootiin jiraataa jechuun akeekanii jiru.

Miidiyaan Ummanni Oromoo akka sabaatti waloon qabu OMN kan jedhan Dr. Jamaal Heebanoo, “miidiyaan kun cufannaan imalli qabsoo Oromoo fi dhugaa Oromoos danqaa guddatuu muudata” jechuun akeekkachiisan.

Dr. Girmaa Shuumii “hawaasni Oromoo diyaaspooraa fedhii miidiyaa kanaaf ummanni biyya keessaa qabuu fi miidiyaa kana gargaaree akka isa tajaajilu taasisuuf humna dhabuu isaa ilaalcha keessa galchinee tumsa diinagdee miidiyaa kanaaf taasisuu qabna” jedhan.

Barbaachisummaa miidiyaa burjaajjii siyaasaa amma keessa jiruun wal bira qabanii deeggaruu irra duubatti jechuun hin barbaachisu jechuun kan hubachiisan Dr. Girmaa Shuumii, quuqama eenyummaa, sabummaa ummata keenyaaf jecha walgurmeessinee OMNf diinagdee gumaachuu qabna jedhan. 

Ogeessi seeraa obbo Ibsaa Gammadaa “ummata akka Oromoo kan cunqursaan siyaasaa, dinagdee hawaasummaa fi eenyummaa irratti adeemsifamtuuf miidiyaan hedduu barbaachisaadha” jedhan.

“Akka Ummata Oromootti miidiyaa yoo hin qabaanne, rakkoo keessa jirru arguu hin dandeenyu, addunyaanis rakkoo keenya arguu hin dandeessu” jedhan.

Ummanni guddaan akka Oromoo kan lafa badhaatuu fi ummata guddaa qabatee cunqursaa jala jiru kun gara bilisummaatti bahuu kan danda’u jaarmiyaa cimaa fi miidiyaa cimaa yoo qabaate qofa kan jedhan ogeessi seeraa obbo Ibsaa Gammadaa, miidiyaa jechuun mootummaa 4ffaa biyya takkaati akkuma jedhamu, “miidiyaan qaama 4ffaa qabsoo bilisummaa Oromooti” jedhan.

Miidiyaan akka OMN jaarmiyaa ummataa waan ta’eef gargaaruun ummataa fi gaafii ummataa gargaaruudha jechuun hawaasni diyaasporaa tumsa diinagdee dhaabbatichaaf akka taasisu waamicha taasisanii jiru.

Dr. Sulxaan Abdaa gama isaatiin “barbaachisummaa OMN qorannoon erga mirkaneessee ummanni tooftaalee deeggarsaa OMN kanneen akka CashApp, Zeel, Paypal akkasumas lakkoofsa herrega baankii OMN deeggaruu fi marsaalee hawaasummaa OMN kanneen akka Youtube, Feesbuukii, Telegram, Whatsapp, Tiktok fi Website sabiskiraayib, Laayik, Sheer fi Join gochuun deeggaruu barbaachisaa jedhan.

Miidiyaan tokko kan jiraatuun ummata isaatiin ta’uu ibsanii ummanni Oromoo miidiyaa isaa jiraachisuu qaba jedhani jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

fifteen + 19 =

Back to top button
Copy link