Afan OromoNews
Trending

OMN: PROF. Hamdeessaa Tusoo Hayyuu Jabaa Oromooti

Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo hayyuu jabaa qabsoo uummata Oromoo keessatti gumaacha olaanaa gumaachan ta'uun ibsame.

Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo hayyuu jabaa qabsoo uummata Oromoo keessatti gumaacha olaanaa gumaachan ta’uun ibsame.

Hayyuun gameessi kun hanga gumaacha isaanii inumaa hin dubbatamneef jedhu warri itti dhiheenyaan beekan.

Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo guyyoota muraasa dura du’aan addunyaa kana irraa boqotan.

Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo BA biyya Awustiraaliyaa Kolleejjii Avondale, NSW wayita argatan, MA isaanii biyya Ameerikaa Yuunivarsiitii Andireewsitti baratan. PhD isaanii Michigaan Isteet Yunivarsitiidhaa argatan.

Piroofeesar Hamdeessaan kan mirga dhala namaa fi haqaaf falmuun beekkaman bara 1982 hanga bara 1990tti Yunivarsitii Joorj Maason kan Ameerikaa Virjiniyaa Feyirfaksitti argamutti waggoota 5f hoogganaa Gorsa Barattoota Idil Addunyaa, waggoota 3f immoo Daayireektara Waajjira Tajaajila Barattoota Idil Addunyaa ta’uun tajaajilan.

Waggoota 20 itti aanan immoo dhimmoota barnootaa, haqaa fi mirga dhala namaaf falmuu dabalatee dhimmoota garaagaraa keessatti bal’inaan akka hirmaatan seenaan isaanii dubbata.

Adeemsa kana keessa hundeeffama dhaabbilee gurguddoo 5 keessatti maqaan isaanii warra adda dureen ka’u keessaa Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo isaan tokko.

Hayyoota Waldaa Qorannoo Oromoo OSA hundeessan keessaa tokko akka ta’anis galmeen seenaa isaanii dubbata.

Boordii daayireektarootaa Dhaabbata Fooramii Biyyaalessaa Godaansa, Kooluugaltummaa fi Lammummaa ta’aniis tajaajilanii jiru Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo.

Bara 2002 hanga bara 2003tti piroofeesar Hamdeessaa Tusoo biyya Ameerikaa Inistiitiyutii Walitti Bu’iinsa Furuu Baartositti miseensa buleessa ta’uun tajaajilaniiru.

Bara 2005 Kolleejjiin Meenoos Simansi kan Yunivarsiitii Winipeeg waliin hidhata qabu biyya Kanaadaa jiru piroofeesar taasifachuun filate.

Ergasii booddee piroofeesara Yuunivarsiitii Manitoobaa ta’anii hayyummaan tajaajilaa turan.

Piroofeesar Handeessaa Tusoo dirree barnootaan alattis qabsoo saba Oromoo keessatti gumaacha bakka hin bu’amne taasisaa akka turan hayyoonni Oromoo turtii OMN waliin taasisaniin  dubbatan.

Qabsaa’ota ganamaa keessaa tokko akka ta’an kan eeran hayyoonni kunneen, ijoollummaa isaanii irraa jalqabee mirga uummata Oromoof qabsaa’aa akka guddatan himan.

Erga biyya alaa deemaniiyyis hawaasa Oromoo kutaalee addunyaa garaagaraa keessatti ijaaruu fi gurmeessuu irratti hirmaannaa cimaa akka qaban hayyoonni kunneen dubbatan.

Piroofeesar Hamdeessaa Tusoo uummata Oromoo cunqursaa jalaa baasuuf qabsoo baroota dheeraaf godhamaa ture keessattis biyyoota alaatti abukaatoo uummata Oromoo ta’anii waltajjiiwwan gurguddoo hedduu irratti hayyuu fi qabsaa’aa mirga uummata Oromootiif falman akka turanis hayyoonni dubbatanii jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

2 × 1 =

Back to top button
Copy link