Afan OromoNewsNews Analysis
Trending

OMN: Yaadannoo waggaa 5ffaa Ajajni Kaabaa itti rukutame

Haleellaan ajaja kaabaa irratti waggaa shan har’aa raawwatame godaannisa hamaa biyya keenyaati jedhan

“Haleellaan ajaja kaabaa irratti waggaa shan har’aa raawwatame godaannisa hamaa biyya keenyaati jedhan” Ajajaa Olaanaan Humnoota Waraanaa Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaa. 

Fiild Maarshaal Birhaanuun “yaadannoo waggaa 5ffaa Ajajni Kaabaa itti rukutame” jedhamuun qophaa’e irratti kana jedhan. 

Onkololeessi 24, guyyaa waraanni kaabaa itti dhohe ture. Barana waggaa 5ffaa isaati. Rukutamuun Ajaja Kaabaa akka ka’umsa battalaa waraana sanaatti ibsama. 

Wareegamni waraana keenyaaf haleelamuu Ajaja Kaabaatiin  hin eegalamne kan jedhan qondaalli waraanaa kun, Kan kaabaa kan adda godhu seenaa Itoophiyaa keessatti,  tarii kan addunyaarratti,  kan jalqabaa ta’uusaati jedhan.

“Waraana biyya ofi adamsanii, marsanii, tumanii, qullaa oofanii, makiinaa irra oofanii, kan rasaasarraa hafe dararaatii hiriirsanii boojine jechuun karaarra oofaa miidiyaan waraabaa kan nutti agarsiisan waan ta’eef adda godha. Yoomillee hin irraaffannu!” jedhan. 

Kan yaadannoo goonuf  akka irra hin deebi’amneefi jechuun qondaalota raayyaa ittisa biyyaa duratti dubbatan.

Ani umrii koo keessatti guyyaan rifatte,  gaddite kami yoo naan jedhan Onkololeessa 24  jedhan Fiild Maarshaal Birhaanuun. 

Alagaan si ganuun ni mudata. Gitni kee yoo  si ganu, garaa sitti jabaate qalbii nama cabsa jedhan.

“Ajajni kaabaa Tigraay kan qubate  Baadimmee, Zaalaanbassaa,  Tsoronaa taa’ee uummata Tigraay Shaabiyaarraa tiksuufi. Tigraay eegufi. Hojii biraa takka hin qabu. Uummata Tigraayif, “anatu  dallaa fi dahannoo keeti” jedheeti kan achi gale. Kana qofa miti. Tigraayi misoomsun yeroo isaa dabarse”  jedhan. 

“Raayyaan ittisa biyyaa naannoon Tigraay caalaa mana barnootaa keessatti ijaare, buufata fayyaa keessatti hojjete hin jiru.

Qonnaan bulaa tumsee qonnarratti bakki itti hojjete Tigraayii ol hin jiru.  Ijoollee Harka qalleeyyii walitti qabee kan itti barsiise iddoon biraa hin jiru. 

Kanarra darbee Ajajni kaabaa  siidaa gootota Tigraay kan ijaare ture.  Siidaa Hayyaloom Ar’ayaa Shiree keessatti kan dhaabe Raayyaa ittisa biyyaati.  Uummata Tigraay gargaaraa turre. Maallaqa baafnee ijaarre”  jedhan qondaalli olaanaan Raayyaa Ittisaa kun. 

Uummata eegaa turre, kana keessaa  murni baay’ee xiqqoo taate raayyaa aantummaa qabu kana gane jechuun dubbatan.

Weerara Ziyaad barree kan itti injifannee guyyaa injifannooti kan kabajne.  Adwaas akkkasuma. Garuu guyyaa gantummaa kabajnee hin beeknu.  Gitni kee yoo si ganu garuu yaadatamuu qaba. Kanaaf yaadanna jedhan.

Akka seenaa xuraawaan kun, seenaa gurraachi kun akka hin dabalamneefi. Kun seenaa qaanessaa Itoophiyaati jedhan.

Waraanicha eenyutu eegale kan jedhuuf immoo, mootummaan yeroo san ture haaraa ture. Mootummaa tasgabbii hin qabne ture. Jeequmsa, walitti bu’iinsi yeroo ture. Mootummaa san tuffachuun, mootummaa dadhabaa dha. Waraana nuti hogganaa turre jedhaniiti lola banan. Nuti boodarra dirqamaan lolatti  seenne jedhan. 

Gareeen gantummaa kana raaawwate  waraana 250,000 akka qopheessan faranjootati himee ture jedhan Fiild Maarshaal. 

Humni gantuun kun buqqa’u malee Itoophiyaan nagaa hin argattus jedhan.

Qondaala Tigraay Migbey Haylee jedhamus, lola hin mo’anneef dhaadachaa jira jechuun irra deddeebiin maqaa dhayan. 

Qaama duguuggaa sanyii narratti raawwate jettu faana gamtoomuun gantummaa kan biraati jechuunis hiriira siyaasaa haaraa balaaleffatan.

“Shaabiyaa waliin gamtaa uumuun daangaa cehuun farra heeraati. Uummanni buqqa’e qe’eetti akka hin deebine jechuu faallaa heeraa ti. Faallaa waliigaltee Priitooriyaati. Humna leenjisuun, loltuu DDR bahe deebisuun farra Priitoriyaa ti. Faannoof karoora fi rasaasa hidhachiisuun jeequmsaaf bobbaasun farra Priitooriyaati. 

Nuti kana  hunda osoo laalluu waraanatti seenuu hin feene. Wanti amma dalagaa jiran miidhaa qaqqabsiisaa jira. Waraanni yoo dhalatemmoo kana darani. Yeroo keessa kan qalbii bitu qalbii haa bituuf itti callifne. Haa calaluufi..

Irra deebiin akka Ajaja  Kaaba kan haleelamnu yoo ta’e of ittisuun keenya hin hafu. Waraana nuti qofti hambisuu hin dandeenyu jedhan. 

“Dhiyoo tana gama adda kaaba wallootiin Faannoo faana qindooftanii karoorsitanii hoggantanii loltanii jirtu. Nuti callifneerra. Gaafatama qabna. Nuti mootummaa dha. Qoccolloo hundaaf deebii hin kenninu. Guutee irra gannaan garuu deebii kennuu hin dhiifnu. 

Nuti Waraana hin kaafnu.  Waraana hin feenu. Nagaa, misoomaa  fi faayidaa biyyaalessaa keenyarratti kan dhufutti garuu hin callifnu jedhanii jiran haasawa isaanii yoo goolaban Fiildmaarshaal Birhaanuu Juulaa haasawa Yaadannoo Waggaa Shanaffaa rukutamuu Ajaja Kaabaa jedhamerratti dubbataniin. 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

4 × one =

Back to top button
Copy link