Afan OromoNews

Haleellaa aanaa hidhattoonni aanaa Noonnootti geessisaniin lubbuun namoota 14 darbe.

Maatii tokko qofarraa namoota 6tu lubbuun darbe

 

Haleellaa humnootni finxaaleyyiin hidhatan kaleessa godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnoo ganda Qondaalaa iddoo addaa Guddinaa jedhamutti raawwataniin lubbuun namoota 14 darbe. 

Maatii tokko keessaa qofa namoonni jaha (6)lubbuun darbe.

Maatiin nama Obbo Birhaanuu Shamsaddii jedhamanii haadha warraa isaanii fi ijoollee shantu haleellaa humnoota finxaaleyyii kanneeniin lubbuun darbe. Ofii isaanii lubbuun hafanii jiru jedhan jiraattonni.

Daa’ima kichuu waggaa lamaa (2) kaasee hanga maanguddoo ganna 80 humnoota finxaaleyyii kanaan ajjeefamuu himu maddeen keenya.  

Haleellaa kaleessa galgala naannoo sa’aatii  02:00 fi 03:00 gidduutti raawwatame kanaan kanneen madaawan shan (5) yoo ta’an isaanis hospitaala Walisootti waldhaanamaa jiru. 

Haleellaan kun hidhattoota finxaaleyyii Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa jedhamu maandheffatanii fi  daangaa Oromiyaa cehaniin akka raawwatame jiraattonni OMN’tti himan.  

Kanneen haleellaa kana raawwatan maatii ajjeefamaniitti seenuun kan fixan yoo ta’u, kaan immoo birmannaaf deemanii finxaaleyyii kanneeniin haleelaman.

Naannawa kanatti  haleellaan akkanaa irra deddeebiin humnoota finxaaleyyiitiin raawwatamu baramaa dhufeera.  Kan ammaa dabalatee  hanga ammaa walitti aansee haleellaawwan marsaa Afur ta’u  naannoo kanatti raawwatameera.  Gandoonni Mattuu Sillaasee, Qondaalaa, Alii Aboosaree jedhaman iddoowwan haleellaan kun irratti raawwatame yoo ta’an, haleellaan ganda Qondaalaa  irratti raawwatame kun lammaffaa dha.   Humni nageenyaa gahaan naannicha akka hin  jirre kan himan jiraattonni ammallee yaaddoo nageenyaa jabaa qabaachuu himu.

Bara darbe Waxabajjii 14, 2024 ganda Qondaalaa jedhamutti humnoonni kunneen namoota gaa’elarra turan  dabalatee kanneen misirroo cidhasheerra turte, firaa fi aantee namoota mana cidhaa keessa turan 20 ol “bifa reeffa dhala namaa fi gubataa mukaallee adda baasuuf rakkisaa taheen” mana isaanii keessatti boombiin gubamanii fixuun ni yaadatama. 

Sadaasa bara 2021 keessa haleellaa walfakkaataa humnoota finxaaleyyii kanaan raawwatameen namoonni 30 ta’an dhumanii kanneen  26 ta’an boolla tokkotti awwaalamuu yaadachiisu jiraattonni.

Gareen hidhattoota kun gammoojjii Gibee fi naannoo Giddu-galeessa Itoophiyaa jedhamu kana maandheffatee ajjeechaa,  saamichaa fi yakkoota garaagaraa akka raawwatu OMN gabaasaa ture.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

four × 5 =

Back to top button
Copy link