Afan OromoNews
Trending

OMN: Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Amajjii 1 bara 2026 Kabajame.

Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Amajjii 1 bara 2026 fi barri haaraan hawaasa Oromoo biratti kabajamaa jira.

Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Amajjii 1 bara 2026 fi barri haaraan hawaasa Oromoo biratti kabajamaa jira.

Warraaqsa bara 1960moota booda qabsoo Oromoo bifa fafacaateen adeemsifamaa turte roga qabsiisuu fi mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo mirkaneessu, tiksuu fi eeguu, mirga waloo beekamtii addunyaa argate ummata isaatiif dhugoomsuuf Addi Bilisummaa Oromoo hundeeffame.

Ummanni Oromoo Mirgaa fi qabeenya, hawaasummaa fi aadaa, dinagdee fi siyaasaa, abbaa biyyummaa fi eenyummaa dhuma jaarraa 19ffaa mootummaa gabroomfataa Itoophiyaatiin saamame deebifachuuf qabsoo gitaa taasisuu jalqabe.

Qabsoon qindoomina qabu, kan Oromoo hunda hammatee, kan kaayyoon isaa Oromiyaa walaboomsuu ta’ee fi mul’anni isaa Oromiyaa birmadoomte arguu ta’e, bara 1973 hundeeffamuu Adda Bilisummaa Oromootiin eegale. 

ABOn bara 1973 hundeeffamee Sagantaan Siyaasaa isaa bara 1974 barraa’uun bara 1976 ragga’ee hojii irra ooluu eegale.

Dhaabichi kan qabsaa’uuf, bilisummaa fi dimookraasii ummanni Oromoo armaan dura sirna gita bittootaatiin sarbame deebisee argamsiisuu, birmadummaa fi gaaffii abbaa biyyummaa ummata Oromoo mirkaneessuufi.

Gootonni Oromoo kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo jala hiriiruun eenyummaa Oromoo deebisani jiraachisuu fi ijaaruuf sabboonummaa sabummaa irratti hojii bal’aa hojjatan.

Bara 1974 sochii barattootaa “lafti qotee bulaaf” jedhuun mootummaan fiwudaaliziimii kufus cunqursaan gita bittoota Itoophiyaa karaa biraatiin itti fufe.

Gootonni Oromoo haala kanaan qabsoo hidhannoo, Dippiloomaasii, Siyaasaa fi Uummata Oromoo dammaqsuu irratti jabinaan hojjetaa turan.

Caamsaa bara 1974 keessa, Carcar sagalee qabsoo biliisummaa Oromoo dhageessifte.

Bara dukkanaafi garbummaan gatiittii namaa gad harkisu sana keessatti, dhiirri qabsoo Oromootiif of kenne tokko Carcar Xirroo keessaa afaan qawweetiin faaruu biliisummaa faarfate. 

Afaan qawwee Elemoo Qilxuu, Ahimad Xaqiifi Hundeefaas bakka kanatti, biliisummaan wareega lubbuu gaafachuusheef ragaa ta’aniitu, ofii aarsaa lubbuu baasuun, dhaloota itti aanutti qawwee garboomfataatti dhukaatu dabarsan.

Dhukaasni jalqabaa maqaa biliisummaa Oromoofi Oromiyaatiin gurmuu tokkorraa dhukaates iddoo kanatti eegale.

Qaanqeen xiqqoon sunis guddattee, abidda gurmuu waraana Biliisummaa Oromoo ichimte.

Elemoo Qilxuutii hanga Guutuu Caaliitti, Laggasaa Wagiitii hanga Magarsaa Bariittis Nadhii Gammadaati Hanga Guutamaa Hawaasitti, Addeessaa Gadaa hanga Gishuu Jaarraatti, qawween Elemoo osoo lafa hin ka’amin, dhaloota har’aarra qaqqabde.

Gammoojjii gaara Xirroorraa sagaleen dhukaasa qawwee Elemoo Qilxuu kan jalqabaa sun ijaarama seenaa waraana Biliisummaa Oromoo keessatti faaruu biliisummaa taatee galmoofte.

Amajjii 1, bara 1978 walakkeessa irraa kaasee hanga dhuma 1979tti Addi Bilisummaa Oromoo haala akkaan rakkisaa keessa kan ture yoo ta’u, yeroon kun yeroo lolli Somaliyaa fi Itophiyaa dhumatee, waraanni Ziyaad Barree injifatamee, mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal irraa hin cinne itti bobbaase ture.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola ciccimaa taasisuutti seene.

Qunnamtiin Waraanichaa addaan citee faca’aa yaaddoon jedhu guddaa ture, haa  tahu malee gootonni Waraana Bilisummaa Oromoo duula Dargii of irraa qolatanii Amajjii 1 bara 1980 walitti dhufanii ayyaana guddaa ayyaaneffatan.

Amajjii 1 bara 1980 irraa jalqabee waggaa waggaan seensa bara haaraa irratti Guyyaan Waraana Bilisummaa Oromoo ummata Oromoo fi Waraana Bilisummaa Oromootin kabajamaa jira.

Guyyaa har’aas hawaasni Oromoo akkaataa garagaraatiin guyyicha kabajuu irratti argama.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

three × one =

Back to top button
Copy link