Afan OromoNews
Trending

Waxabajjii 29 Guyyaa Haacaaluu

Waxabajjiin 29 Guyyaan Haacaaluu Hundeessaa waggaa 5ffaan sirnoota garagaraatiin yaadatamaa jira.

OMN Waxabajjii 29 Guyyaa Haacaaluu jechuun moggaasuu hordofee bara kana yeroo 5ffaaf guyyicha yaadachuuf sagantaawwan Artist Haacaaluu Hundeessaa irratti xiiyyeeffatan qindeeffatee jira.

Goonni geerraree hin quufne, mallattoon warraaqsaa fi gootummaa Oromoo Haacaaluu Hundeessaa erga ajjeefamee haqni isaas dhokatee waggaa 5n gahee jira.

Haacaaluu Hundeessaa kan ALA bara 1995 Karchallee Amboo Seene bara 2000 bahe. Nama bara 2001 Albama “Sanyii Mootii” jedhuun Ummata Oromootiin wal bare, bara 2013 Albama “Waa’ee Keenyaan” bara 2015 sirba qeenxee gurra jabaa ittin horate “Maalan Jiraa?” bara 2017 “Jirraa” dhuma 2017 Geerraarsa Saam’aloo, bara 2019 Geerrarsaa Adwaa, bara 2020 kan ajjeefame Haacaaluu Hundeessaa waggaa 5ffaa  ajjeefamuu isaa yaadatamaa jira.

Guyyaan gaddaa, guyyaan Haacaaluu Hundeessaa nyaatee Oromoo boochise, aduun gaafa san lubbuu Haacaaluu Hundeessaatiin galte… halkan dukkana gaddaa uffatee Oromiyaatti bu’e, galgalli waamicha du’a Haacaaluu Hundeessaa lallabe erga darbee waggaan 5 naannna’ee dhufe.

Art. Haacaaluu Ija Weellistootaatiin

Art. Haacaaluu Hundeessaa Mallattoo Gootummaati

Ajjeefamuu Haacaaluu Hundeessaa fi Biyyaa baafamuu OMN

Galgalli Haacaaluu Hundeessaa du’aan ummata Oromoo irraa fooye, dukkanni du’aa lubbuu Haacaaluu Hundeessaa nyaate, Halkan hadhaa du’aa Haacaaluu dhandhamsiisee ummata Oromoo fi Oromiyaa dhangaa gaddaa obaase darbus madaa fi madaamaan, gaddaa fi godaannisni inni dhiisee darbe har’as kunoo hin fayyine.

Guyyaan artist Haacaaluu Hundeessaa itti ajjeefamee guyyaan lubbuu Qeerroo Oromoo hedduu nyaate, guyyaan baaburrii ceehumsa Itoophiyaa daandii ceehumsaa irraa maqe, guyyaan Ibiddi raafama siyaasaa fi waraanaa Itoophiyatti qabate Waxabajjiin 29 waggaa 5ffaan isaa naanna’ee dhufee jira.

Dacheen Itoophiyaa Artistoota Oromoo Musxafaa Harawwee hamma Jireenyaa, Yoseef Gammachuu hamma Maaramee Harqaa, Ebbisaa Addunyaa hammaa Usmaayyoo Muussaa, Daadhii Galaanii hamma Haacaaluu Hundeessaa nyaachuun dhiiga isaanii irraa dhaabbate.

Wareegamni Haacaaluu dukkana roobaa, naasuu hamaa saba bal’aa Oromootti buuse. Oromiyatu gaddan liqinfame, gadda isaattu godaannisa seenaa ta’e.

Dachii Oromiyaa kan Haacaaluu biqilchetu gadda uffate. Samii Oromtichaatu fuula guure. Gaafa Haacaaluun wareegame, gaafa guyyaa galtee, gaafa dhiiga isaa  dhangalaasan, gaafa dhiigni qeerroo Oromoo danuun dhangala’ee, Gaafa aduu galgalatiin dukkantii du’aa Finfinnee weerarte… dukkana siyaasaa bariin isaa dheerattetu ummata Oromootti bu’e.

Itoophiyaa keessatti diinni ummata Oromoo naafxanyaa ta’u kan dubbate Haacaaluu Hundeessaa mooraa ilaalcha naafxanyummaa dheengi’amte ibidda siyaasaa itti qabe.

Sirni afaan qawweetiin biyya bitu ummata Oromootiif diina. Itoophiyaan afaan qawweetiin saboota Itoophiyaa cunqursitu ummata Oromootiif fira taatee hin beektu. 

Itoophiyaan qawween ijaaramte Oromoof diina. Oromoon gadaan qajeela, gadaan duulee, gadaan bulee bulchaa. Kanaafi fakkaata Ilmi Hundeessaa Boonsaa sirni naafxanyaa Oromoof kaleessas diina, har’as diina, gara fuulduraas diina kan jedheef.

Haacaaluu Hundeessaa waltajjii irratti geerraree dhaadaatuun abbaa gaachanaa kan jedhame, sirbaan lolee lolchiisee, gootummaa saba dhaalchiisuun kan booqa seenaa walleen nama habbuuqachiisee goota waltajjiin irraa bareedu ture. Galma Barkumeeti hamma Addabaabaa’i warraaqsaatti, Amboo hamma Washingitan DCtti geerraree dhaloota jaalalaan booji’e. 

Waa’ee Obsa Oromoo yoo geerrarru. “Yaalle hamma dandeenyu kana caalaa maal haa goonu, Xinnaas gabbarre guddaa akka wajjiin bubbulluuf” jedha.

Gaafa gabrummaan sabatti jabaattee ammoo “Haraargeen Mancaa qarraan, Tuulamni farda leenjisee, Roorroon daangaa dabarraan Qeerroon falma murteessee” jechuun Itoophiyaa Oromoo ajjeeftu raase sirna Oromoo hin taane kaase.

“Riqichan ragaa waamaa Riqicha Adwa guddaa isa Finfinnee jiru… Namni seenaa yoo dabsees lafti seenaa hin jijjiiruu…. Ennuu akka isa irra cee’ee Xaaliyaanii Unkuree…. Eenyu akka Paastaan gowwomee biyya gurguree… Eenyu akka baandaa ta’ee dhiiga dhiiraa gad naqee… Har’a Falmee sirreessa seenaa karaa irraa maqee… “jechuun seenaa Oromoo kan lallabee Haacaaluun sirni alagaa seenaa namaa jijjiruus lafti Oromoon itti dhiigee seenaa akka hin jijjirre handhuura Oromiyaa Finfinnee irraa dhaabbate geerrare.

Walleen Haacaaluu ulfaataadha, diina lafee cabsee roorroo rigee baasa. Sirboonni Haacaaluu aayyaantummaa raagduun eebbifame. Seenaa kaleessaa dhaloota barsiisa. Har’a hubachiisee, bor raagee agarsiisaa. Jechoota Wallee isaatiin daggala gabrummaa gubee, Yedelloo isaatin, daadhii bilisummaa saba unachiise.

Artist Haacaaluun Finfiinnee gubbaa dhaabatee, “Oromoo yaa abbaa shaanqoo, yaa abbaa daamaa, abbaa daalee, Farda kee kaafadhuu loli arat kiloof situ aanee” jedhee Finfinneef osoo sirbuu Finfinnee keessatti ajjeefame. Albama Sanyii mootii hamma, Waa’ee keenyaa, Sirboota qeenxee Maalan jiraa Hamma jirraa tti gad dhiisuun gadoodaa fi cunqursaa ummata Oromoo irratti raawwatamu dhaloota barsiise.

Haacaaluun Mallaattoodha. Mallaattoo diddaa gabrummaa, Mallattoo Bilisummaa fi Walabummaati. Cunqursaa Itoophiyaa keessatti ummata Oromoo irraa gahee Afaan artiitiin ibse saba booqa yoo unachiisu, diinaaf yaaddoo ta’e.

Haacaaluu Hundeessaa goota rakkoo saba isaatiif hadoodu, qaroo gamnummaa fi gootummaan isaa diinaaf yaaddoo ta’edha. Inni goota qaarriffaa diinaa jidduu taa’ee gabrummaa sabni isaa keessaa jiru nama walleen sagalee olfuudhe lallabeedha.

Artist Haacaaluu Hundeessaa yeroo ajjeefamu kan bira jirtu Laamroot Kamaal bilisaan gad dhiifamte. Maatii fi Uammanni Oromoo ajjeechaa isaatiif Laamroot Kamaal komata.

Mootummaan Itoophiyaa garuu Laamroot Kamaal bilisa baasuun Xilahuun Waamii fi Kabbadda Gammachuu namoota jedhaman hidhaa itti murteesse. Abdii Alamayyoo hidhaa ji’a jahaa, Laamroot Kamaal ammoo bilisa jedhe.

Kanaaf Maatii Haacaaluu Hundeessaa dabalatee ummanni Oromoo haqa isa gaafataa jira. 

OMN Waxabajjii 29 Guyyaa Haacaaluu jechuun moggaasee jira. Dilbata boruu qophiileen OMN hundi dhimmoota Haacaaluu Hundeessaa irratti xiyyeefatu.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

twelve − six =

Back to top button
Copy link