Afan OromoNewsNews Analysis
Trending

Mootummaan N/Somaalee Akkamitti Aanaa Gurradhaamolee irraa lafa 20km qabate?

Daangaan Oromiyaa fi Somaalee karaa Gurradhaamoleetiin eessa>

Godina Baalee Aanaa Gurradhaamoleetti Mootummaan naannoo Somaalee qubsuma seeraan alaatiin diimoograafii ummataa jijjiiruun lafa qabiyyee Oromiyaa kiiloomeetira 20 ol dhuunfachuun Godina Gurradhaamolee naannoo Somaalee hundeessee jedhan maanguddoonnii OMN dubbise.

Mootummaan naannoo Somaalee qabiyyee lafa Oromiyaa karaa rifireendamiin dhabe qubsuma seeraan alaa fi weeraraan waggoota 21 darban qabataa ture irratti tibbana caasseefama bulchiinsa haaraa diriirsuun labsee jira.

Haaluma kanaan saamicha lafaa bal’aa gara Godina Baalee Aanaa Gurradhaamoleetiin taasisaa ture irratti Godina haaraa Gurradhaamolee jechuun hundeessuu hordofee, diyaaspooraan Somaalee Keeniyaa Naayroobii keessatti walitti dhufuun ayyaana caasseefama bulchiinsa haaraa kabajate.

Embasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru caasaa haaraa aanaalee fi godinaalee naannoon Somaalee lafa naannoo Oromiyaa irratti diriirfatee deeggaruun ibsa baase. Addatti ammooo hundeefamuu Godina Gurradhaamolee fi Aanaa Hagar Moqor gammachuun simachuu ibse.

Ibsi Embaasiin Itoophiyaa Keeniyaa jiru kun baasee, saamicha qabiyyee lafa Oromiyaa fi sarbama daangaa Oromiyaa mootummaa naannoo Somaaleetiin taasifamaa jiru mootummaan federaalaa harka keessa qabaachuu agarsiisa jechuun qaamonni garagaraa ibsaa jiru.

OMN: Xiinxalla; Daangaa Oromiyaa akkamiin cabaa jira?

OMN: Xiinxalla; Waranaa Siyaasaa babal’ifannaa Lafaa Somaalee fi Oromiyaa

OMN: Hiriirri Mormii Sarbama daangaa Oromiyaa waamamaa jira.

Dhimma kana ilaalchisuun qabsoo Oromoo ABO durfamaa ture keessatti sochii bal’aa taasisaa kan turani fi amma USA kan jiraatan obbo Dheeressaa Roobaa dubbifnee jira.

Obbo Dheeressaa Roobaa dhalataa aanaa Gurradhaamolee yoo ta’an qubsuma lafa naannichaa fi daangaa dhaabbata Oromiyaa fi naannoo Somaalee eessa akka ta’e sirritti beeku.

Obbo Dheeressaan ka’umsa weerara kana yoo ibsan, mootummaan naannoo Somaalee bara 2001 ALAtti hidhattoota bobbaasuun Kiiloomeetira 20 caalaa Oromiyaa keessa seenee jiddugaleessa Aanaa Gurradhaamoleetti magaalaa Haroo Dibbee jedhamtu irratti dhukaasa banuun bulchiinsa Magaalaa Haroo Dibbee yeroo sanii Abdullaahi Ismaa’eli nama jedhamu baasuun qabattee jedhan. 

Kaayyoon qabannaa kanaan gandoota hedduu fi lafa diriiraa Magaalaa Haroo Dibbee kana gadatti argaman qabachuun qabiyyee lafa mootummaa naannoo Somaalee taasisuudha kan jedhan namni OMN dhimma kana irratti dubbise Obbo Dheeressaa Roobaa, mootummaan naannoo Oromiyaas magaalaa Haroo Dibbee mootummaa naannoo Somaaleetiif mirkaneessee jedhan.

Haala kanaan magaalaan guddoon Aanaa Gurradhaamolee Haroon Dibbee Somaaleen fudhatamuun magaalaan Jibrii magaalaa guddoo Aanaa Gurradhaamolee taatee jedhan.

Magaalaan Haroo Dibbee Gaara Aannoo fi Gaara Habroonaa jidduu maxxana gaara Habroonaa jala jiraachuu kan himan obbo Dheeressaa Roobaa, Gaara Habroonaa duuba gara naannoo Somaaleetti lafa bal’aa qabiyyee lafa Oromiyaa ta’e kanneen akka Turjii, Alaakaa, Hara-kutaa, Hokkoltuu, Teessoo Roobaa, Addeellee Sooydaa, Ardaa jajjabaa, Roqaa Caffaa, Ardaa Urgoo, Caaraa, Qarsaa Waabaraa, Quni’ii fi Eela Tuuttoo lafoonni jedhaman hundi qabiyyee lafa Oromiyaa kiiloomeetira 20 ol hanga daangaa naannoo Somaaleetti bal’atuudha jedhan.

Akka obbo Dheeressaan jedhanitti, erga magaalaan Haroo Dibbee mootummaa naannoo Somaaleetiin fudhatamtee booda, Jijjigaa, Godee, Dhaga buur fi Qabri daar irraa ummata fiduun lafoota diriiraa Haroo Dibbee gaditti argamu kana irra qubsiisuun gandoota seeraan alaa Oromiyaa keessatti hundeessa turan.

Eela Tuuttoo, Qarsaa Waabaraa, Ardaa Urgoo, Addeellee Sooydaa fi kenneen biroo irrattii gandoonni seeraan alaa yoo hundeeffaman, Lafti qonnaa bal’aan Teessoo Roobaa isaaniin qabamee jiraachuu himan. 

Mootummaan naannoo Somaalee kun Haroo Dibbee bira darbuun ganda Yadii jedhamu biras darbee magaalaa guddoo Aanaa Gurradhaamolee Jibrii irraa fageenyaa muraasatti bakka Hireerri dhawaa jedhamutti ganda hundeessuu himu.

Ganda kana ummanni gara bahee galuun dhabee yeroo jijjiiramaa san of irraa buqqisan jechuun kan yaadachiisan obbo Dheeressaa Roobaa, erga Haroon Dibbee Somaaleen qabamtee humni addaa fi poolosiin naanno Somaalee achi irra qubatee booda ummanni Oromoo gandoota akka Habroonaa, Hokkoltuu fi gandoota biroo hedduun magaalaa dhaqachuu hanqatee dararaa guddaa keessa jira jedhan.

Humnoonni Naannoo Somaalee hidhannoo gurguddaan deeggaramuun bakkoota garitti ganda ummata irraa buqqisuun, ummata isaanii qubsiisu, bakkeewwan garitti ammoo lafa diriiraa irratti bu’uraalee hawaasummaa kanneen akka manneen barnoota, buufata fayyaa fi daandii itti ijaaruun ummata booda fidanii qubsiisuu jedhan.

Haala kanaan lafa diriiraa kiiloomeetira 20 olitti lakkaa’amu irra ummata isaanii qubsiisuun diimoograafii naannichaa jijjiiranii yeroo ammaa lafa qabatan kana irratti godina Gurradhaamolee hundeessan jechuun ibsan.

Adeemsa kana keessatti mootummaa federaalaa fi Oromiyaas harka keessaa qabaachuu kan eeran yoo ta’u, kaayyoon mootummaa naannoo Somaalee Aanaa Gurradhaamolee guutuu dhuunfachuun gara aanaa Barbareetti darbuudha jedhan jiru.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

11 − four =

Back to top button
Copy link