UncategorizedAfan OromoNewsNews Analysis
Trending

Oromiyatti Godinni Gurradhaamolee Somaalee hundeeffame

Oromiyaa keessatti godinni naannoo somaaleetiin bulu hundeeffame

Mootummaan naannoo Somaalee lafa Oromiyaa humnaan qabate irratti godina haaraa Gurradhaamolee naannoo Somaalee hundeessee har’a Onkoloolessa 11 bara 2025 magaalaa Haroo Dibbee irratti kabajataa jiraachuu jiraattoonni himan. 

Mootummaan Naannoo Somaalee daangaa Oromiyaa fi naannichaa cabsuun kiloomeetira 150 ol Oromiyaa keessa seenuun magaalaa Haroo Dibbee dabalatee lafootaa fi magaalota hedduu erga qabatee godina Gurradhaamolee naannoo Somaalee hundeessee jedhan.

Mootummaan Naannoo Somaalee humnaan weerara raawwachuun lafa bal’inni isaa kiilomeetira 150 ol ta’u Aanaa Gurraadhaamolee irraa fudhatee.

Daangaan dhaabbataan naannoo Somaalee fi Oromiyaa gara Aanaa Gurraa Dhaamoleetiin Hagarsuu Hoglaa bakka jedhamu yoo ta’u, waggoota 30n darban keessatti mootummaan naannoo Somaalee lafa bal’aa nuti gaala itti bobbaafannuu qubbannaa fi babal’ifannaa seeraan alaatiin qabatee bu’uraalee misoomaa itti ijaarataa ture jedhan jiraattonni.

Gabaasota walqabatan;

Mootummaan N/Somaalee Akkamitti Aanaa Gurradhaamolee irraa lafa 20km qabate?

OMN: Weerara Daangaa Oromiyaatiin diimoograafiin ummataa jijjiiramaa jira.

OMN: Mootummaan N/Somaalee Hamma Dhagaa Baabbiilee qabate.

Erga lafti bal’aan qabamee ammoo gandoota ummanni keessa jiraatu humna waraanaatiin ummata buqqisuun qabate kan ofii taasifataa ture. 

Adeemsa keessa bara 2001-hanga 2003 ALAtti magaalaa Guddoo Aanaa Gurradhaamolee Haroo Dibbee irratti waraana banuun qaama bulchiinsa magaalatti buqqisee qabatee jedhan.

Bulchiinsi yeroo sanii Magaalaa Haroo Dibbee mootummaa naannoo Somaaleetiif kennuun magaalaan guddoon Aanaa Gurradhaamolee Jibrii akka taatu murteesse.

Magaalaan Haroo Dibbee daangaa Naannoo lamaanii irraa 150km fagaatti. Mootummaan naannoo Somaalee gandoota hedduu gara naannoo Somaaleetti gatuun Haroo Dibbee kan handhuura Aanichaa keessatti argamtu fudhate. Kaayyoon kanaatiis gandoota magaalatti gadi jiran adeemsaan gara naannoo Somaaleetti deebisuudha jechuun himan.

Magaalaan Haroo-Dibbee magaalaa Umrii dheeraa qabduu fi bara mootii Hayila-Sillaasee daandiin konkolaataa itti bahee fi Oromiyaa keessa jirtuudha kan jedhan jiraattoonni dhallattoota Somaalee muraasa ummata Oromoo wajjiin magaalatti keessa jiraatanitti dhimma bahuun magaalaa tana akka naannoo Somaalee jalatti bultuu taasisan jechuun dubbatu.

Oromiyaa keessatti magaalaa naannoo Somaaleetiin bultu taatee waggootaaf erga turtee mootummaan naannoo Somaalee gandoota baadiyaa magaalaa kana irraa gara Somaaleetti jiran adeemsa adeemsaan weerara qubsuma seeraan alaa babal’isaa lafoota diriiraa Oromoon gaala itti bobbaafatu qabataa turuu himu.

Lafti Gurradhaamolee gaaraan  kan wal qabatu hanga bakka Waata-Weebitti fi Maannatti walitti fufee deemaa. 

Magaalaan Haroo-Dibbee gaara Aannotii fi gaara Habroonaa jidduu jirti; maxxana gaara Habroonatti argamti. 

Gaara Habroona duubaan lafa gandoonni lama gubbaa jirutu jira. Gaarri kun ammoo gaara guddaa, hindheessaafi birbirsi irra jirudha.

Gara harka mirgaatiin gara Dumaalitti aanun, lafoota akka Turjii, Alaaka, Hara-Kutaa, Hokkoltu, Teessoo-Roobaa fa’atu jira. Gandoonni gara kanaan argaman immoo Addeelle-Sooydaa fi Ardaa-Jajjabaa fa’a. 

Gandoonni achi gadi jiran, kanneen akka Roqaa-Caffaa, Ardaa Urgoo, Caaraa, Qarsaa-Waabaraa, Eela-Tuuttoo fa’a.  Kun gara harka bitaatiin jiru. Lafoonni kunnin magaalaa Haroo-Dibbee tan Somaaleen fudhatteen gara dugda duubatti argamti. Kana jechuun, Haroo-Dibbee marfama gandoota Oromiyaa keessatti argamti jechuudha.

Qarsaan-Waabaraa daangaa Dalloo, Qaachan fi Gurraa-Dhaamolee ittiin wal-daangessaniidha. Gaafa dur man-bultii Odaa Roobaatti seera kaayan, Bokkuu Qaachanii fi Bokkuu Dalloo addaan baasanii, “Qarsaa-Waabaraa irraa Dalloon mirgaa gara bitaatti haa qaratu, Qaachanni immoo bitaa gara mirgaatti haa qaratu” jedhame murteeffame.

Achirraa gara kibbaatti, bakka Qundhii jedhamtutu jira; lafa Oromiyaa Soomaleen magaala irratti hundeessiteedha. Kanaaf mootummaan naannoo Somaalee tikfattoota fakkeessuun hidhattoota bobbaasee lafa Oromiyaa qabataa ture. 

Mootummaan naannoo Somaalee Lafa Oromiyaa haala kanaan qabataa ture irratti caasaa bulchiinsaa mataa isaa diriirsuun  godina haaraa Gurradhaamolee naannoo Somaalee hundeesse.

Sirni hundeeffama kanaa har’a Onkoloolessa 11 bara 2025 Aanaa Gurradhaamoleetti kabajamaa jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

three × 4 =

Back to top button
Copy link