Afan OromoCultureNews
Trending

OMN: Ayyaanota barii birraa dura kabajaman!

Goobee fi Shinooyyee

Ayyaanota Oromoon barii birraa kabajatu keessa Goobee, Shinooyyee, Qunnii buqqifannaa, Gubaa, Daamaraa, Masqalaa fi ayyaanni ijoollee hedduun Oromiyaa keessatti kabajamaa jiru.

Oromoon Masqala, Irreecha, Daamaraa, Ifanoo, Goobee, Shinooyyee, Qunni buqqifannaan, ayyaana ijoollee dabalatee ayyaanota hunda bakkalcha, addeessaa fi aduu ilaaluun dhahata. 

Ummattoota addunyaa keessaa Chaayinaa, Hindii fi Maayaanillee lakkoofsa uumama kunneen irratti hundaa’uun ibsatu.

Oromoon waqtii isa jedhamu kana “Ali” jedhee waama. Ali’n kunis; Arfaasaa, Ganna, Birraa fi Bona jedhan Qorataa fi barreessaan Seenaa fi aadaa obbo Dirribii Damusee Bokkuu.

“Oromoon waqtii gannaan “Ali-Waato” jedha. Ali’n Waatoo kun Adoolessa irraa eegala. Adoolessa jalqaba irraa kaasee roobni ni dabala, malkaan ni mirgisa, ni gobba achumaan guuta, deebi’ee ammoo hir’ate taliila ta’a. Lafti dhoqqee ta’a, ni marga, kan faca’e guddatee lalisa.

Ali waato torban kudhaniif tura. kurnee irraa jalqaba gaafa Masqalaaf torban kudhan hafu seena. Kurnii, salgii, saddeeta, torbii, ja’ii, shanii, arfii, sadii, lamii, takkee jedhamun, wayita akkanaan lakkaa’amee takkee irra ga’u masqalli kabajama, gaafa sana bara haaraadha’’ jedhu buleeyyiin Oromo.

Ali-Waato kana keessa waan hedduutu jijjiirama, kan jijjiiru nama osoo hin taane uumaadha. Bofa ijatu jaama, cululleen holqatti galti, gugeen hin gungumtu, simbirroon illee gaafa Ali-waato darbu bifa jijjiirrattee dhufti (simbirroo maaramii, simbirroo masqalaa) kan jedhamu san jechuudha.

Ali-Waato seenee hanga kurniin (torbanoonni kudhan) dhumee masqalli kabajamutti malkaatti hin irreeffatamu, mana qaalluutti hin sirbamu, tulluutti hin irreeffatamu. 

Ayyaanni Shamarranii kan Qaammee (Qunnii buqqifannaa) jedhamus Ayyaanota Irreecha dura kabajaman keessaa tokko.

Ayyaanni Qunni buqqifannaa kun godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti akkaataa adda addaatiin kabajamus giddugaleessaa Oromiyaa bal’innaan kabajama.

Addatti sadan Tuulamaa keessatti Qunnii buqqisaafi daddarbannaan kun duudhaa isaa eeggatee shamarran hin heerumiinii fi warra baranoo ta’an jechuun heerumannii waggaa hin guutiiniin  kabajama jedhu hayyoonni seenaa.

Ayyaanni Qunni Buqqifannaa kun ayyaana Bilisummaa Shamarranii jedhamee beekkama.

Ayyaanni kun Qaammee, Ingiccaa, Qunnii daddarbaa jedhamuun Oromiyaa  bakkoota addaa addaatti beekama. 

Ayyaana kana irratti Qeerroo fi Qarreen sirbaan wal arrabsaa dhiichisu. Dargaggeessii Shamara jaalate adamsee kan ofii taasifata. Akkasiin baatii Hagayyaa keessa kabajama.

Gaafa dukkanni saaqqataa deemu ayyaanonni akka Mucucoo, Colooloo ykn garanfasa kabajamuu jalqabu.

Ayyaanonni kunniin Masqalaaf baatiin tokko wayta hafu, walakkaa ji’a hagayyaa keessa raawwatama.

Dubartiin okolee qabattee malkaa buutee, achitti dhiqxi. Achii bishaan calale budduqfattee galtee ittiin marqaa marqiti. Kana dura kan eegalu ayyaanni Taaborees jira.

Kun ta’ee torban lama booda ammoo ijoolleen durbaa shinooyyee jechaa sirbiti, dhirri ammoo goobee sirba. 

Goobeen akkuma Ayyaanota biroo ayyaana irreecha dura kabajamuudha. 

Dargaggeessi walgahee dhiichisaa sirba. Ergaa kabajaa, qeeqaa, mararoo, laafinaafi jabinaa faaruufi dhiichisaan dhaammatu.

“Goobeen dhuftee yaa duuressakoo, 

jabbileen galtee karra naaf bani; 

siin eebbisaa siin abaaru; 

gooftaa saddeetaa gannaalu…” jechuun kabajaa warra sanaaf qabu, itti dhufuufi ayyaana diriirfachuu isaanii ibsu. 

Shinooyyeen ammoo Ayyaana Shamarran sirbaa fi dhiichisaan dabarsaniidha.

Yeroo ammaa kutaalee Oromiyaa garagaraa keessatti shamarran Shinooyyee, dhiirti ammoo Goobee taphachuun kabajaa jiru.

Ayyaanonni kuniin baroota dheeraaf dhiibbaa sirnootaatiin baduuf qarqara irra gahanis amma deebi’ani lalisaa jiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

two × one =

Back to top button
Copy link