Afan OromoNews Analysis
Trending

OMN: Biltsiginnaa: Ganamuu Sirna Federaalziimii fi Kaayyoo Oromoo

Mootummaan Abiy Ahmad sirna federaalizimii fi kaayyoo Oromoo irratti lola bane

Siyaasaa Itoophiyaa itti dhiyeenyaan kan hordofan Dr. Sulxaan Abdaa Mootummaan Abiy Ahmad sirna federaalizimii fi kaayyoo Oromoo irratti lola banuu himan.

Xiinxalli waraana mootummaan Abiy Ahmad sirna federaalizimii fi kaayyoo Oromoo irratti bane jechuun Dr. Sulxaan Abdaatiin barraa’e kun, bara 2018 qabsoo ummata Oromoo hoogganummaa Qeerrootiin adeemsifamaa ture hordofee Abiy Ahmad ministira mummee fi akka hooggansa fiixee diddaa Oromoo barootaaf tureetti ba’anii jedhe.

Oromoo ta’uu isaaniitii fi haasaan jijjiiramaa isaan yeroo san dubbataa turan, abdii jijjiiramaa ta’ee mul’atus, waggootaan booda Abiy Ahmad hooggansa Farra Warraaqsaa ta’uu isaa mirkaneessan jedha xiinxalli kun.

Bulchiinsi isaanii sirna daneessummaa gadi qabuun, sagalee qabsoo Oromoo ukkaamsee, humnoota heera mootummaa kana balleessuu barbaadan faana hiriire jechuun addeessa.

Heerri mootummaa Federaalawa Dimookraatawa Rippaablika Itoophiyaa bara 1995 bahe mirga saboota, Sablammootaa fi ummattootaaf beekkamtii kenne jechuun keeyyata 39 fi 47 kan eere xiinxalli Dr. Sulxaan Abdaa, keeyyanni 39 /1 mirga hiree murteefannaa hanga Fottoquutti yoo hayyamu, keeyyanni 39/2 mirga Afaan, Aadaa fi Eenyummaa kunuunsuu hayyamaa jedha.

Keeyyanni 47 ammoo Quubsuma, Afaani fi Eenyummaa irratti hundaa’uun mootummaa naannoo hundeessuu labsaa jechuun eera xiinxalli kuni.

Tumaaleen heeraa kunniin dhiibbaa seenaa, aadaa, Afaan fi eenyummaa sirnoota akka Minilik, Haylasillaasee fi Dargiitiin Oromoo dabalatee saboota, sablammootaa fi ummattoota biyyatti irratti raawwatameef deebidha jedha.

Gabaasota biroo;

OMN: Federeeshiinii Diiguu fi Itoophiyaa Lummuxeessu

Burjajjii Mooraa qabsoo Oromoo fi gaafii ummataa

Mooraan Siyaasaa Oromoo Burjaajjii keessaa bahu qaba.

Hayyoonni akka Asaffaa Jaallataa fi Kjetil Tiroonvool ijaarsi mootummaa ammayyaa Itoophiyaa ukkaamsaa sabootaa fi waraana koloneefannaa irratti hundaa’e jechuun falmaa turuu isaanii ibse.

Hojiin jalqabaa guddaan ministirti muummee Abiy Ahimad raawwatan, Dhaabbata Paartilee Sabaa irratti hundaa’e, Adda Dimookraatawa Warraaqsa Ummattota Itoophiyaa (Ethiopian People’s Revolutionary Democratic Front (EPRDF)) jedhamu diiguun, bakka isaa ammoo Paartii Qeenxee (Unitary) Biltsiginnaa hundeessuun bakka buusan jedha xiinxalli kun.

Addi Dimookraatawa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa dogongoroota hedduu qabaatus, sirna Federaaliziimii ni kabajaa kan jedhu xiinxallii Dr. Sulxaan Abdaa barreessan kun, Biltsiginnaan garuu aangoo giddugaleessaa too’achuun eenyummaa sabaa fi sablammootaa walitti makee eenyummaa Itoophiyaa qeenxee ijaaruuf hojjataa jira jedha.

Hundeeffamni Paartii Biltsiginnaa aangoo mootummaa giddugaleessatti kuusuuf maqaa tokkummaa biyyaa jedhuun tarsiimoo diriirfame ta’u kan eeru xiinxalli kun, kun ammoo gaafii ofiin of bulchuu ummata Oromoo cabsuu jalqabee jedha.

Fincilli Oromoo bara 2014-2018 adeemsifame sababa Oromoon lafa isaa irraa buqqa’uu fi lafa saamamuu, Aadaa fi Afaan isaa tuffatamuu, Aangoo Mootummaa Giddugaleessaa irraa dhiibamuu, magaalaan Finfinnee seeraan ala babal’achuu mormuun, mirga ofiin of bulchuu, abbaa biyyummaa, mirga Afaanii fi eegumsa federaalaa gaafate jedha.

Gaafiiwwan ummanni Oromoo yeroo Fincilaa gaafataa ture mootummaa Abiy Ahmad ganamuu kan kaasuu xiinxalli Dr. Sulxaan Abdaatiin barraa’e kun, hooggantoota siyaasaa Oromoo hidhuu fi Waraana Oromiyaa irratti banuu tooftaa qabsoo fi gaafii Oromoo ittiin ganameedha jechuun addeessa.

Waliigalteen humnoota Amaaraa fi Abiy Ahmad tooftaa aangoo giddugaleessaa ittiin jabeessanidha jedha xiinxalichi.

Mootummaan Abiy Ahmad haleellaa humni Faannoo Horroo Guduruu Wallaggaa fi Shawaa kabaa keessatti namoota nagaa irratti raawwatu calleensaan ilaalaa jira, humni Faannoo kun daangaa Oromiyaa cee’uun ajjeechaa fi buqqatiin ummata nagayaa irratti raawwataa jira, mootummaan federaalaa giddulixiinsa hin raawwanne jedhe.

Gantummaan mootummaan Abiy Ahmad sirna Federaaliziimii irratti raawwate, diddaa, kufaatii diimookarsii, diddaa hidhannoo, walitti bu’iinsa sabootaa, seer-dhabdummaa fi rakkoon namoomaa akka hammatu taasisuu addeessee jira.

Tooftaan Abiy Ahmad siyaasa qoqqoodanii bulchuuti, saboota gurguddoo biyyattii jidduutti walshakkii uumuu fi tooftaawwan walitti bu’iinsa hammeessan fayyadamuu akka ta’e barruun eeree jira.

Egeree biyyatti baraaruuf marii biyyaaleessaa qaamota hunda hammate adeemsisu, Federaalizimii diimookraateessuu, Itti Gaafatamummaa fi Haqa ceehumsaa mirkaneessu fi Hirmaannaa Idil-addunyaa uumuun murteessaa akka ta’e himaniiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

1 × one =

Back to top button
Copy link