Afan OromoNewsPoliticsWorld
Trending

Ertiraan Itoophiyaa Tasgabbii dhoowwaa jirti. Gabaasa

Gabaasa dhaabbata The Sentary

Dhaabbanni mit-mootummaa Ameerikaa dhimma mirga namoomaa hordoofuu The Sentry jedhamu “Mootummaan Ertiraa Waraana isaa cimsaa Itoophiyaan akka hin tasgabooyne taasisaa jira” jedhe.

The Sentry gabaasa tibbana baaseen, “Ertiraan uggurri meeshaa waraanaa irra kaa’amee ture waggaa torbaan dura irraa kaafamuu hordofee, waraana ishee deebiiftee ijaaruu fi cimsuun olloota ishee keessattuu Itoophiyaa keessatti tasgabbiin akka hin uumamne taasisaa jirti” jedhe.

Waraanni Itiyoo-Ertiraa dhiiga namoota hedduu dhangalaasee fi waliigalteen Aljeersi hojitti hiikkaamuu dhabuu hordofee waggoota 20f wal gaarreeffannaan ture bara 2018 xumuramuu hordofee Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii uggura meeshaa waraanaa Ertiraa irra kaa’e kaasuun isaa ni yaadatama.

Gabaasota walqabatan;

Muddamni Itoophiyaa fi Ertiraa Eenyu fa'a hirmaachise?

Itoophiyaa fi Ertiraan wal himatan

Advertise with us

Uggurri kun ka’uu hordofee mootummaan Ertiraa humna waraana isaa ijaaruun cimsee biyyoota gaanfa Afrikaa addatti Itoophiyaa keessatti tasgabbiin akka hin buune taasisaa jira jechuun dhaabbanni The Sentry gabaase.

Dhimma kana ilaalchisuun Ministirri Beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabramasqal yaada AFP kenneen “ kun waan uumamee seeneffameedha, gabaasicha warra kaanii Ertiratti maxxansanii” jedhe.

Ministirrichi itti fufuun, ”muddama naannichatti uumameef sababiin Itoophiyaan seeraan ala ulaa galaanaa fi qarqara galaanaa argachuuf fedhii qabaachuu beeksiisuu isheeti” jechuun  Itoophiyaa itti gaafatamtuu taasise.

Mootummaan Itoophiyaa fi mootummaan Ertiraa waraana Tigraay irratti wal tumsuun humnoota Tigraay waraanaa kan turan yoo ta’u, waliigaltee Piriitooriyaa booda walta’insi isaanii laafaa dhufe.

Ministirri mummee Itoophiyaa Abiy Ahmad dhimmi Hulaa Galaanaa Itoophiyaaf dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti jechuu isaanii hordofee hariiroon biyyoota lamaanii ifatti wal himannaa fi wal qeequtti cee’e.

Ertiraan qophii waraanaa taasisaa jiraachuu kan ibse gabaasin dhaabbataThe Sentry baasee kun, xiyyeeffannoon dhaabbatichaa ijoo dadabarsa maallaqaa waraana deeggaruuf godhamu hordofuu irrattidha.

Bara 2009tti Eritraa irratti uggurri meeshaa waraanaa kan kaa’ame himannaa garee Jihaadistoota Somaaliyaatiif deeggarsa taasifteetti jedhuun akka ta’e kaaseera.

Gabaasota haaraa:

Itoophiyaan Taanzaaniyaaf Tajaajila Elektirikii dhiyeessite.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

eighteen + 6 =

Back to top button
Copy link