Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics

OMN: Finfinneen Naannoo’s, magaalaa ofiin of bulchitus ta’uu hin dandeessu

Finfinneen Naannoo’s, magaalaa ofiin of bulchitus ta’uu hin dandeessu

Ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii tiin

Ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii “Magaalaan Finfinnee naannoos ta’ee Magaalaa Ofiin of bulchitu (City-State) ta’uu hin dandeessuu jedhe. 

Ajjamaa Daadhii xiinxalla 2ffaa Hariiroon Magaala Finfinfinnee fi Naannoo Oromiyaa Gidduu Jiru Dantaa Addaamoo Dantaa Waloo mata duree jedhuun barreesseen “Magaalaan Finfinnee naannoos ta’ee Magaalaa Ofiin of bulchitu (City-State) ta’uu hin dandeessuu jedhe.

Adeemsi magaalaa Finfinnee naannoo taasisuuf deemamu kamiyyuu bu’uura heera mootummaa keewwata 49(5) fi 47(3(a)tiin gaaffiin naannoo ta’uu magaalichaa Caffee Oromiyaatiif dhiyaatee sagalee caalmaa Caffeetiin hanga hin deeggaramnetti, heera amma hojiirra jiruun magaalicha naannoo taasisuun akka hin danda’amne dhimma jala muramee hubatamuu qabu ta’uu beekamuu qaba jedhe. 

Bu’uura heeraatiin sadarkaan magaalli Finfinnee qabdu sadarkaa magaala guddoo biyyattiti, kan jedhu ogeessi seeraa kun, Magaala guddoo biyyaa jechuun teessoo mootummaa olaanaa biyya tokkoo ta’ee waajjiraaleen mootummaa, iddoo waltajjiileen mootummaa garagaraa keessatti gaggeeffamu, akkasumas teessoo giddu-gala hariiroo idil-addunyaa ta’uudhaan Imbaasonni biyyoota garagaraa fi dhaabbileen addunyaa gurguddoon waajjira muummee yookiin dameelee naannoo (regional offices) keessatti argamanidha jedhe.

Magaalli guddoon biyya tokkoo kan filatamu yeroo baay’ee heera mootummaani kan jedhu ogeessi seeraa kun, biyyi takka magaalaa gurguddoo tokko ol qabaachuu dandeessi jedhee jira.

Ajjamaa Daadhii itti fufuun Afrikaan Kibbaa magaalota sadi kanneen akka Johaanisbargi, Piriitoriyaa fi Keeppitaawan magaalota gurguddoo biyyattii gootee qabdi jedhe.

Heera mootummaa keewwata 49 jalatti sadarkaa magaala Finfinnee fi iddoo Finfinneen federaalizimii biyya keenyaa keessatti qabdu hin jiru jechuun, Finfinneen qaama federeeshinii biyya keenyaa akka hin taane hubachuun barbaachisaadha jedhe.

Gama Koomishiin Marii Biyyalessaatiin filannoo ta’ee kan dhiyaate Finfinnee magaalaa mootummaa (City-state) jedhamu kan jedhudha kan jedhu Ajjamaa Daadhii, City-state jechuun magaalaa of danda’ee mootummaa ofiin of bulchitu, daangaan mootummaa ishee guutummaatti magaalaa sana qofa of keessatti qabatee kan daangeffamudha jedhe.

Kana malees magaalaa ofiin of bulchitu taatee biyya xiqqoo fi walaba taate yoo taatu, magaalaa tokkoo fi naannoo ishii marsan of keessatti qabachuu ni dandeessi jechuun ibse.

Biyya idilee irraa adda taatee, magaalaan ofiin of bulchitu mootummaa ol’aanaa mataa ishee kan qabdudha jechuun, magaalaan sun ofii ishee biyya walaba taatee kan of bulchitu jechuudha. Fakkeenyaaf, Singaapoor, Moonaakoo, fi Vatikaan Siitii faati fakkeenya magaalota City-state jedhamaniiti jechuun Ajjamaa Daadhii ibsee jira.

Magaalaa Finfinnee akka City-State taasisuuf adeemsi deemuun dhimma filannoof dhiyaachuun qabu miti kan jedhu xiinxalli ogeesa seeraa kun, Kana jechuun jalqabumarraayyuu magaalittiin ulagaalee yookin amaloota sadarkaa City-State ishee taasisuuf ishee dandeessisu hin qabdu jedhe.

Bu’uura  heera mootummaa keewwata 49 (5)tiin Finfinneen lafa mataa ishee naannoo Oromiyaa irraa adda ba’ee dhuunfaatti qabdu waan hin jirreef City-State ta’uu hin dandeessu jedhe.

Gama biraatiin Finfinneedhaaf sadarkaa kana kennuu jechuun federaaliizimii sabaafi sablammoota irratti hundaa’e faalleessuu bira darbee biyyuma Itiyoophiyaatiifuu sodaa guddaadha jechuun yaaddoo qabu ibsa.

Kanaafuu City-State akka magaalaa guddoo biyya tokkoo taatee ofiin ofbulchitutti  ykn akka har’a Finfinneen ittiin bulaa jirtutti gadi buufamee kan hubatamu osoo hin taane akka Singaapoorii, Vaatikaani fi Moonaakoo fa’atti qajeeltoon hubachuun gaarummaa waan qabuuf dhimmi kun akka filannoo ta’ee Finfinneedhaaf hin dhiyaanne hubachuun barbaachisaadha jechuun akeekkachiise.

Kanaafuu murtoon Finfinnee ilaalchisee fudhatamuu qabu hiikkoo dhama-qabeessa bu’uura tumaalee Heera Mootummaa Dimokiraatawa Ripuubilika Federaalawa Itiyoophiyaatiin filannoowwan jiran keessaa caalmaatti bu’aa jiraattota magaalaa Finfinnee fi mirga Naannoo Oromiyaatiif heeraan eeggame bifa qixatti fayyaduu danda’uun ilaalamuu qaba jedha.

Kunis Naannoon Oromiyaa akkuma heeraan magaalaa Finfinnee ilaalchisee dantaa magaalicha irraa qabaachuun mirkanaa’eef, akkasumas jiraattonni magaalitti haga tokko mirgisaanii heeraan eeggameef bifa kabajuu (It should be viewed by striking a balance between the self-determination rights of the city’s residents and the ownership rights of Oromia) danda’uun ilaalamuun irra jiraata jechuun ibsee jira.

Filannoowwan ta’uu qaban keessaa jalqaba irratti magaalli Finfinnee Naannoo Oromiyaa jalatti akka haammatamtu gochuun dhimma kamirrayyuu  dhimma dursi kennamuufii qabanidha jechuun kunis guddinni magaalichaa gama hawaasummaan, dinagdeen, akkasumas siyaasaan ummata magaalichaatiifis ta’ee naannoo Oromiyaatiif faayidaa guddaa qaba jedha.

Filannoo kanarra kan darbamu yoo ta’e, filannoon kanattii aanee ilaalamuu  qabu, abbummaa waloo (joint ownership) ta’uu qaba kan jedhu ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii, filannoo lammaffaa kana ilaalchisee dhimmichi akkamitti hubatamuu qaba kan jedhu tumaalee heera mootummaa waliin walqabsiisee dhiyeesse jira.

Dantaa waliinii Magaala Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa ilalachisee Dhimmoota Gama Heera Mootummmaatiin Hubatamuu qaban: Fedhii Addaamoo Abbummaa Waloo (Special interest Vs Joint Ownership)

Tumaalee heera mootummaa keessaa hanga har’atti tumaan osoo hojiirra hin oolin waggoota kurnoo sadii ol lakkoofsise, tuma keewwata heera mootummaa 49(5) gubbaaatti tumamedha kan jedhu xiinxalli kun, Tumaan heeraa kun dhimmoota hariiroo magaala Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa gidduu jiraachuu qabu ilaalchisee yaadota gurguddaa lama kan haammatedha jedhe.

Kunneenis dhimma dantaa addaa Oromiyaan Finfinneerraa qabu (the special interest of the state of Oromia within Addis Ababa) kan jedhuu fi dhimmi inni lammaffaan immoo dhimma bulchiinsa waloo dhimmoota argama magaalli Finfinnee Naannoo Oromiyaa keessatti argamurraa maddu (…joint administrative matters arising from the location of Addis Ababa within the State of Oromia…) kan jedhudha. 

Dhimma lammaffaa kana ilaalchisee tumicharraa wanti hubatamuu qabu waa’ee abbummaa waloo (joint ownership) dhimma jedhu kan ibsu ta’uu isaa hubachuun ni danda’ama. Dhimmoota kana lamaan akka itti aanutti bal’inaan yoo ilaallu,

2.1.  Dhimma Dantaa Addaa (the Special Interest) Kan Ilaallatu

Keewwatni 49(5) Heerri mootummaa kan tumu, Naannoon Oromiyaa Finfinnee irratti dantaa addaa (special interest) akka qabu ifatti kaa’ee jira. Haa ta’u malee, tumichi “dantaa addaa” jechuun maal akka ta’e hiika bal’aa hin kennu; wantoota akka tajaajila hawaasummaa, fayyadama qabeenya uumamaa fi dhimmoota kana fakkaatan fakkeenyaaf ni eera. Eeraan kun garuu dantaa addaa Oromiyaa guutummaatti ibsa jedhamee fudhatamuu kan nama dandeessisu miti; jechuunis wantoonni kunneen mootummaa naannoo biraafis haala seeraan eeyyamameen argamuu waan danda’aniif, ofumaan amala addummaa (speciality) kan uuman miti jedha.

Kanaaf, hiikni dantaa addaa bu’uura kaayyoo heeraa, seenaa tumichaa fi haala Finfinneen lafa Naannoo Oromiyaa keessatti argamtu irratti hundaa’ee kennamuu qaba jedha.

Bu’uurri dantaa addaa kunis tajaajiloota qofa osoo hin taane, argamni magaalaa Finfinnee lafa Naannoo Oromiyaa keessa ta’uun Oromiyaaf mirgaafi faayidaa addaa uumuudha. Kana jechuun, dantaa addaa jechuun bu’aa qooddannaa qabeenyaa ykn tajaajila qofa osoo hin taane, walitti hidhamiinsa seenaa, lafa, hawaasummaa fi diinagdee irraa maddu kan mootummaa Naannoo Oromiyaaaf beekamtii heeraan kenname ta’ee fudhatamuu qabudha jedhe.

Kana malees, hiikni dantaa addaa tumoota heeraa biroo waliin wal simuu qaba. Yoo hiikni isaa tajaajila hawaasummaa fi fayyadama qabeenya uumamaa qofa irratti daangeffame, kaayyoon tumichaa inni guddaan jechuunis dhimmi faayidaan addaa Oromiyaan Finfinnee irraa qabdu beekamtii heeraa argachuun isaa hiika dhaba. Kanaafuu, wantoonni Keewwata 49(5) keessatti eeraman fakkeenya (illustrative) malee tarree guutuu (exhaustive list) akka hin taane gamanumaan hubachuun barbaachisaadha jechuun hubachiisee jira.

Hiikni qixa akkanaa yoo kenname qofa dantaa addaa Oromiyaa bu’uura heeraatiin sirnaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhee jira.

  1. Abbummaa Waloo Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Finfinnee (Joint Ownership)

Abbummaan waloo (Joint Ownership) jechuun mootummaa lama gidduutti mirga, aangoo fi dirqama waloo dhimmoota waliinii irratti waliin murteessuu fi raawwachuu jechuudha. Dhimma  Finfinnee ilaalchisee, mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee gidduutti dhimmoota sababa argamni lafa Finfinneen irra jirtu Oromiyaa keessa ta’een maddan irratti abbummaa seeraa fi aangoo waloo qabaachuu agarsiisa.

Hiikni kun bu’uura Heera Mootummaa Federaalaa Itoophiyaa, Keewwata 49(5)tiin kan deeggaramudha. Keewwatichi, Finfinneen akka magaalaa mootummaa Federaalaa taatee itti fuftuuf, sababa lafti ishee Oromiyaa keessatti argamuuf, Oromiyaan mirga addaa fi faayidaalee seeraan eegamoo akka qabaatutti tumee jira. Kanaaf, abbummaa waloo jechuun abbummaa lafaa qofa osoo hin taane, mootummaa lamaan gidduutti bulchiinsa waloo (shared governance), murtii waloo (joint decision-making) fi itti gaafatamummaa waloo kan hammatudha jechuun eeree jira.

Bu’uurri abbummaa waloo kanaas, Finfinneen lafa Oromiyaa irratti argamuu isheeti. Heerri mootummaa “dhimmoota waloo Finfinneen Naannoo Oromiyaa keessatti argamuun maddan” jedhee tumuun, walitti hidhamiinsi mootummaa lamaan gidduu jiru qubsuma lafaa irraa kan maddu ta’uu ifatti agarsiisa. Kanaaf, argamni lafaa kun mootummaa Naannoo Oromiyaaaf mirgaa fi aangoo seeraa kan mirkaneessedha jechuun ibsee jira.

Abbummaan waloo kun dhimma lafaa qofaan kan daangeffamu osoo hin taane mootummaa lamaan gidduutti dhimmoota waloo ta’an hunda of keessatti kan qabatudha. Isaan keessaa karoora babal’ina magaalaa, murtii daangaa, fayyadama lafaa, misooma naannoo daangaa, eegumsa qabeenya uumamaa, bishaan, lagaa fi bosona, ittisa faalama naannoo, bulchiinsa balfaa, geejjiba walitti hidhamiinsa magaalaa fi naannoo, misooma bu’uuraalee misoomaa, tajaajila bishaanii, ibsaa, ittisa balaa uumamaa fi namtolchee, nageenya waloo, akkasumas murtii fi hojii waloo ni dabalata jechuun xiinxalla isaa keessatti barreessee jira.

Kana malees, sababa Finfinneen Oromiyaa keessatti argamtuun, dhimmoota aadaa, afaanii fi seenaa Oromoo irratti qaamoleen lamaan gahee waloo qabaachuu qabu. Kunis eegumsa fi guddina aadaa Oromoo, Afaan Oromoo akka afaan hojii fi tajaajila magaalichaatti beekamtiin kennamuu fi kabajamuu, hambaa seenaa fi dhaala aadaa tikfachuu, maqaa bakkeewwan seenaa qaban garuu yeroo ammaa jijirraman qorannoo irratti hundaa’uun deebisanii moggaasuu fi eenyummaa uummata Oromoo magaalichi osoo hin hundaa’in ture deebisuun dhalootaaf dabarsuu of keessatti hammata jechuun ibsee jira.

Ajjamaa Daadhii itti fufuun adeemsa keessa Faayidaan Naannoon Oromiyaa magaalicha irra dhabde adda baasuun faayidicha naannichaaf mirkaneessuu kan haammatudha. Abbummaan waloo gama tokkoon dhimma Finfinneen Oromiyaarraa adda taatee akka hin ilaalamne kan deebisu ta’a jedhe.

Itti fufuun qooda Oromoonni hojii mootummaa fi mootummaa magaalattii keessatti argatan madaalawaa taasisuun, lammiileen Oromiyaa tajaajila mootummaa, fayyaa, barnootaa fi hojii irratti bifa madaalawaan (equitable treatment) akka fayyadaman mirkaneessuunis qaama abbummaa waloo ti jedhe. 

Gabaasota Walqabatan

Akkaataa heera mootummaa irratti tumameen Finfinneen qaama Oromiyaatii jedhe ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii.

Ethiopian Multinational Federalism, Territorial Sovereignty and Enclave Governance: Politico-Legal and Historical Analysis on Finfinnee and Dirre Dawaa

OMN: Hawaasa Federaalawaaf Mootummaa Federaalawaatu mala

Gama dinagdeetiin, mootummaa lamaan gidduutti qindoominni invastimantii, misooma industirii, bulchiinsa gabaa, geejjiba oomishaalee Oromiyaa gara Finfinneetti dhiyaatanii fi qoodinsa galii walitti hidhamiinsa dinagdee irraa maddan irratti waloon murteessuu fi fayyadamuullee kan dabalatudha. Kun guddina dinagdee naannichaa fi magaalattii wal cinaa guddisuuf bu’uura cimaa uuma jechuun Ajjamaa Daadhii ibsee jira.

Geejjiba irratti waloon hojjechuun geejjiba uummataa, daandiiwwan, geejjiba baadiyyaa fi magaalaa akkasumas geejjiba meeshaalee sirnaan walitti kan hidhudha. Kun sochii uummataa fi daldalaa saffisiisuu, yeroo fi baasii geejjibaa hir’isuu fi misooma dinagdee cimsuuf gumaacha guddaa qaba jedha.

Eegumsi naannoo fi babal’inni magaalaa karoora fi murtoo waloo irratti hundaa’uun geggeeffamuun irra jiraata, dabalataanis qabeenya uumamaa, madda bishaanii, bosona, lafa magariisaa fi qilleensa qulqulluu eegsisuun abbummaa waloo irraa kan argamu ta’uu isaa eeree jira.

Gama biraan fayyadama lafaa sirreessuun, walitti bu’iinsa lafaa hir’isuu fi bu’uuraalee misoomaa madaalawaan diriirsuuf abbummaan waloo ni  gargaara. Bulchiinsi balfaa, tajaajilli bishaanii fi misoomni bu’uuraalee misoomaa waloon karoorfamanii raawwatamuun kan irra jiraatu waan ta’eef, qulqullina naannoo eegsisuu; qabeenya mootummaa qusachuu; hojii walirra deddeebi’uu hambisuu; tajaajila uummataaf kennamus fooyyessuun bu’aawwan abbummaa waloo irra argamuu danda’anidha jechuun xiinxalla dheeraa dhimma hariiroo Magaalaa Finfinnee fi Oromiyaa irratti barreesseen ibsee jira.

Abbummaan waloo gama dhimma ittisa balaa irratti qindoominaan hojjechuun balaa uumamaa fi namtolchee akka lolaa fi ibidda irratti qophii gaarii uuma; yeroo balaa deebii ariifataa kennuu, lubbuu fi qabeenya uummataa baraaruuf kan gargaaru ta’a jechuun, abbummaan waloo tajaajila fayyaa ittisa dhibee, to’annoo weeraraa fi tajaajila yaalaa fooyyessuuf shoora ol’aanaa qaba jedhe.

Nageenya daangaa eeguun yakka ittisuu, ijaarsa seeraan alaa to’achuu, walitti bu’iinsa daangaa hir’isuu fi nageenya uummataa mirkaneessuuf barbaachisaa dha. Haaluma wal fakkaatuun, galii walitti hidhamiinsa dinagdee irraa maddus mootummaa lamaan gidduutti bifa haqa qabeessa ta’een bulchuun tajaajila uummataaf oolchuu fi walitti bu’iinsa bulchiinsaa kan hir’isudha. Gama qoodinsa aangootiinis hanga danda’ametti akkaataa abbummaa waloo mirkaneessuu danda’uun hojiirra oolchuun dirqama jedhe.

Walumaagalatti, abbummaan waloo Finfinnee irratti Naannoon Oromiyaa qabu bu’uura Heera mootummaa amma hojiirra jirun ifatti dhimma beekamtii argate ta’uun isaa dhimma murtaa’ee fi hubannoo waliigalaa barbaadu ta’uu hubachuun barbaachisaadha kan jedhe ogeessi seeraa Ajjamaa Daadhii, Kana jechuun, adeemsi gara fuulduraatti dhimma magaalaa Finfinnee irratti fudhatamu kamiyyuu mirga heeraan Oromiyaaf kenname kan laaffisuu yookaan hambisuu akka hin taane, hiikaa abbummaa naannoon Oromiyaa qabu bal’isuun hojiirra oolchuun gaaffilee yeroo dheeraaf ka’aa turan deebisuuf kan kaayyeffate ta’uu qaba jedhe.

Haaluma kanaan, Finfinneen akka magaalaa guddoo biyyaa taatee itti fufinsaan tajaajiluu dandeessu gochuun, argamni magaalitti lafa Oromiyaa irratti ta’uu ishee irraa kan ka’e, mirga addaa fi abbummaa heeraan Naannoo Oromiyaaf kenname kabajuu fi eeguun dirqama seeraa ta’ee itti fufuu qaba jedhe.

Kunis hariiroon seeraa, hawaasummaa, dinagdee, aadaa fi misoomaa Oromiyaa fi Finfinnee gidduu jiru akka cimu, akkasumas walitti hidhamiinsi isaanii akka daraan jabaatu gumaacha ol’aanaa qaba jedhe.

Kanaafuu, dhimmoonni waloo kunneen mootummaa tokko qofaan murtaa’anii bulfamuu osoo hin taane, hirmaannaa fi aangoo waloo mootummaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti hundaa’uun waloon hoogganamuu qabu. 

Kunis bu’uura heeraa qofa osoo hin taane, bulchiinsa gaarii cimsuuf, misooma walqixa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf, nageenya fi tasgabbii waaraa eeguuf, akkasumas mirgoota fi fedhii uummattoota hundaa kabachiisuuf bu’uura murteessaa ta’a jedhee jira.

Kana malees, hiikni fi raawwiin abbummaa waloo bu’uura marii waliigalaa, waliigaltee mootummaa lameenii fi kabaja heeraa irratti hundaa’uun iftoomina, itti gaafatamummaa fi walqixxummaa cimsuu qaba jedhee jira. 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

12 − nine =

Back to top button
Copy link