Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics

OMN: Hawaasa Federaalawaaf Mootummaa Federaalawaatu mala

Sanada KG paartii Biltsiginnaa fi Aggaammii Federaaliziimii

Koreen Jiddu Galeessaa Paartii Bilstiginnaa Kiibxata irraa kaasee walgahii magaalaa Adaamaatti taa’een Sirni Federaalizimii akka diiggamu ejjannoo qabatee Marii Biyyaalessaa irratti dhiyaachuuf murteessuu maddeen keessoo ibsani jiru.

Dhimmoota Koreen Giddugaleessaa Paartii Biltsiginnaa akka jijjiramu qabatee itti deemaa jiru keessaa keeyyata 39 jijjiiruun Sirni Federaalizimii ammaa diigamee  naannoleen akkaataa teessuma lafaafi hidhata dinagdeen akka caasseefaman taasisu kan jedhu ni argama.

Keeyyata 49 jijjiiruun Dirre Dhawaafi Finfinneen naannoo mataa isaanii akka ta’an, akkasumas, Lafti “kan ummataafi mootummaati” kan jedhu hafee kan dhuunfaa akka ta’u koreen Giddugaleessaa Paartii Biltsiginnaa ejjannoo qabachuu maddeen ibsani jiru.

Gama biraatiin Sirni bulchiinsa mootummaa paarlaamantarii hafe Sirni Pirizideenshaalii akka hoji irraa olu taasifamuuf akka jiru maddeen keessoo ibsani jiru.

Akkasumas naannoleen kan uumaman akka duraa karaa murtii ummataa (referendum) osoo hin taane, gaaffiin paarlaamaaf dhiyaatee Pireezidaantiin mallattaa’ee akka uumaman yaanni dhiyaatee jira.

Kana jechuun godina Oromiyaa tokko muranii naannoo of danda’e taasisuuf ykn naannoo biraatti dabaluuf yoo fedhan, mariifi murtii ummataa osoo hin barbaachifne, sagalee paarlaamaafi mallattoo Pireezidaantii biyyaatiin ta’a. 

Oromiyaas Gola Jahatti qooduuf akka jiran kan ibsan maddeen kun taarkaanfii mootummaan sirna federaalizimii diiguuf fudhataa jiruudha, eenyummaa Oromummaan dhawataan haqaa deemuuti jedhan.

Itoophiyaan biyya aadaa, duudhaa, seenaa, eenyummaa, alaabaa, asxaa, Siidaa, afaan fi mallattolee biyyaaleessaa irratti walii hin galleedha. 

Gareen aadaa, seenaa, eenyummaa, alaabaa, amantii, afaan, fi siidaa tokko barbaadu garee Itoophiyaa malee saboonni hin jiran. Rakkoon Itoophiyaa sabootaa fi federaaliziimii jedhani yaadanidha.

Gareen Itoophiyaan hunda keenyaaf taatu “Itoophiyaa aadaa, duudhaa, seenaa, afaan, amantii, alaabaa, eenyummaa saboota hammatteedha. Eenyummaan qeenxee eenyummaa saboota liqimsa. Rakkoon Itoophiyaa eenyummaa qeenxee ijaaruu fi eenyummaa sabootaa balfuudha” jedhani yaadu.

Itoophiyaan bara 1991 hanga bara 2018tti olaantummaan sirna Wayyaanee danqaa ta’us Federaalizimii Sabdaneessaa shaakalaa turtus, bara 2018 as federalizimiin sabdaneessi uummanni fedhu Wayyaaneen hojii irra oolchuu hanqatte guutuutti hojii irra oola jedhamee eegamus faallaa kanaa qabata tokkummaa biyyaalessaa jedhamuun Federaalizimiin sabdaneessaa balaa irra bu’aa jira.

Hayyoonni seenaa fi siyaasaa “Itoophiyaawwinnatiin meeshaa sirna qeenxee ummata Oromoo irratti ittiin deebisanii fi Oromummaa ittiin balleessanidha” jedhu.

Qondaaloonni naannoo Oromiyaa bulchan golga mootummaan kun mootummaa Oromooti jedhu jalatti dhokachuun fakkoomii, ibsituu fi calaqqee eenyummaa Oromoo ummata Oromoo jalaa balleessaa turani jiru.

Mummichi ministiraa Itoophiyaa Abiy Ahmad akkuma aangoo qabateen Sabboonummaa Oromootti yoo bu’u, Ilaalchi Ida’amu dhalootaa isaa irraa jalqabe Oromummaa Cunqursuu irratti xiyyeeffate.

Bulchiinsi biltsiginnaa Oromummaa caalaa Itoophiyummaatu caala jechuun Oromoo Itoophiyaa keessatti cuuphuuf bulchiinsa kaayyeefatee hojjataa jiruudha.

Oromiyaan dirree siyaasaa ilaalchi Oromummaa fi Itoophiyaawinnatii irratti walmorkanidha. 

Oromummaa fi Itoophiyummaa, sabbonummaa Oromoo fi durtummaan Itoophiyummaa Oromiyaa irratti wal falmaa jiru.

Mootummaan federaalaa sabboontota Oromoo moggaatti baasuuf jecha garee durtummaa Itoophiyummaa sab-tokkee leellisan cina goreera. Kun immoo yaadota wal-faallaatiin wal qooduun daran babal’atee rakkoo Oromiyaa keessa jiru gara sadarkaa hammaataatti jijjiire. 

Itoophiyawiinatiin eenyummaa biyyaalessa Itoophiyaa sab-tokkee, akka yaada gamteessa biyyatti ilaala: Ummata daangaa biyyattii keessatti argaman hundaaf eenyummaa hunda galeessaa godhee fudhata. Deggertoonni isaa irra deddeebi’anii garaagarteen Itoophiyaa keessa jiru Itiyoophiyaawwiinnetiidhaan hammatama jechuun falmu. 

Babal’ifannaa mootiin Minilik godheef ni faccisu, kuni amaluma ijaarsa mootummaa fi biyyaalessummaati, darbeesi hoggantoonni Oromoo mataan isaanii bara injifannoo isaanii keessa saboota hedduu cunqursaniiru jechuun falmu. Ilaalchi bulchiinsi Biltsiginnaa amma Oromummaa ittiin dhiibaa jirus ilaalchuma tarkaanfachiiftonni Itoophiyaawwinnatii tarkaanfachiisan kana.

Ilaalchi Oromummaa ammoo eenyummaa Biyyaaleessaa Itoophiyaa sabdaneessummaa akk yaada gamteessaa biyyatti ilaala.  Ummata biyyattii, sabaa fi sablammoonni daangaa biyyatti keessatti argaman hundi eenyummaa isaaniitiin kabajamanii Itoophiyaa ilaalcha sab-daneessatiin diimookraatofte ykn saboota hiree isaanii murteefatanin akka jiraatu falma.

Sanyiin Kufaatii ceehumsa Itoophiyaa kan facaafameen warra Oromummaa fi ilaalcha Federalaaziimii sabdaneessaa lagatanii, Itoophiyaawinnatii sab-qeenxee faarfataniini jedhamun dubbatama.

Har’a, dhaadhessitoonni Itoophiyummaa sab-tokkee baay’een isaani qeeqa walitti sassaabuun, hiika Itoophiyawwiinnetiif yeroo kennan dhimmoota amantaa, aadaa, fi afaanii moggaatti dhiisuun, daangaa biyyaalessaa fi siyaasaa irrattii xiyyeeffachuu caalchifatu.

Haa ta’u malee gareen kuni warra mirga ofii ofiin murteeffachuu saba isaanii leellisan fudhatama dhabsiisa. Gareen leellistoota Itoophiyummaa sab-tokkee akka mootota Impaayiratti of lakkaa’u: kun immoo moggaatti dhiibamuuu fi aarii sabootaa fi sablamoota biroo irratti fee’umsa dabalataa ta’e. 

Kanaaf saboonni biyyatti san keessa jiran Itoophiyummaa irra Sabummaa akka yaada gamteessa biyyatti fudhatu. Itoophiyummaa caalaa sabummaa isaanii jabeessu. Ilaalcha Itoophiyummaa irraa ilaalcha sabummaattu nagaya Itoophiyaaf kenna jechuun falmu.

Warri Oromiyaan Itoophiyaa keessaa akka naannoo tokkootti Oromoo caalmaatti aangesuuf qabsaa’an, gama tokkoon, Oromummaa akka meeshaa humnoomsaa ummata Oromootti dhimma itti bahuu. Gama biroon immoo, Oromonni bilisummaa Oromoof qabsaa’an daangaa egeree Oromiyaa walaba taate ittiin sararuuf Oromummaatti fayyadamu. Hayyoonni saayinsii siyaasaa fi waa’ee eenyummaa saboota qo’atan Ummata Oromootiif Oromummaan filannoo miti. Oromummaan ummata Oromootiif eenyummadha” jechuun ibsu.

Itoophiyaawinnetiin Biltsiginnaa, wantoota gaggaarii jiran hambifachaa, gara fuula duraa ilaaluudha ofiin jedha. Seenessa walfamisiisaa seenaa cunqursaa fi loogummaa, jibbinsa gatuun, bakka isaa eenyumma waloo gaarii fi bu’a qabeessa ta’e kan bara kana gitu fiduudha jedha. 

Dhaadannoon isaa kan “Itoophiyaa gudditti deebisanii ijaaru” jedhu ilaalcha siyaasa mootota impaayara Itoophiyaa kan deebi’ee dhageeffatuudha. Abiyyi falasama isaa “maddamar/Ida’amuu/ jedhu keessatti walta’insa, walfaanaa ta’uu ykn tokkummaa jechuun kaa’ee jira. 

Kaayyoon ilaalcha kanaa Sabaa fi sablamoota Itoophiyaa keessa jiran cufa walitti fiduun, warra moggaatti dhiibamee fi warra carroome hundasaanii, amantaa, safuu, duudhaa fi aadaa isaanii hunda walitti baqsuun eenyumma tokko qabsiisanii eenyummaa Itoophiyummaa haarawaa qeenxee ta’e uumuun eenyumma biyyaalessa kalaquudha. 

Abiyyi yaada qabatamaa waa’ee barnoota afaanii ilaalchisee, fakkeenyaaf, akka itti afaan walitti baqsuun danda’amu irratti, dubbatee ture. Fakkeenyaaf Afaan Amaaraa duraan Oromiyaa keessatti kutaa 5 irraa jalqabee baratamu, amma kutaa tokko irraa jalqabuun akka baratamu murtaa’uun isaa qaama dhaloota lafaa dhufaa Itoophiyaa kalaqaa jiran fudhachiisuuti.

Waggoota 30 darbaniif dhaloonni qooqa haadhatiin afaan hiikkataa ture, Itoophiyaa Biltsiginnaa bultu jalatti ammoo afaan alagaatiin wal qixa akka afaan hiikkatu taasifamaa jira. Kun ammoo afaan dhaloota akka dadhabaa deemuu fi dhaloonni duudhaalee Oromummaatiin akka hin guddanne taasisa jechuun ogeessoonni yaada kana qeequ. 

Itoophiyaan Abiy Ahmadiin bulaa jirtu golga ijaarsa biyyaa jalatti fakkoomii eenyummaa sabootaa, duudhaa, aadaa, Afaanii fi eenyummaa ummatootaa dhiqaa, eenyummaa Qeenxee Itoophiyaawinnatii Ummattoota Itoophiyaa uwwisaa jirti.

Duulli fakkoomii eenyummaa sabootaa qulqulleessuu bal’aan ummata Oromoo fi saboota biyyatti irratti erga adeemsifamaa turee, maqaa Heera MFDRI fooyyeessuu fi marii biyyaalessaatiin waraanni federaaliziimii sabootaa irrattti banamee ture har’a Koree giddugaleessaa paartii Biltsiginnaatiin hojitti hiikkamufi.

Federaaliziimiin sabdaneessaa saboota biyyatti quubsuma mataa isaanii irra jiraatan irraa kan maddee ta’us qaamonni muraasni kana mormuun madda walitti bu’iinsaa ta’ee jira jedhu.

Bara jijjiiramaa Itoophiyaa jedhamee kan dubbatamu bara 2018 as Itoophiyaa keessatti walitti bu’iinsi fi waraanni waliinii naannolee akka Oromiyaa, Tigraay, Beenishaangul Gumuz, Gambeellaa, Amaaraa fi kanneen biroo keessatti adeemsifamaa jira.

Maddi walitti bu’iinsa kanaa ammoo gaafii sabummaa fi mirga ofiin of bulchuu sabootaa hacuucuu mootummaa Itoophiyaati jedhamuun xiinxaltootaa fi hayyoota dhimma walitti bu’iinsaa qorataniin himama.

“Maddi walitti bu’insa Itoophiyaa yaadrime siyaasaa sabummaa hacuucuu irraa kan madde” akka ta’e hayyoonni ni ibsu.

Biyya akka Itoophiyaa sabaa fi sablammoota hedduu qabduuf federaaliziimiin sabdaneessaa murteessaadha.

Saboonni biyyatti eenyummaa aadaa, afaan, safuu fi safeefannaa akkasuma teessuma naannoo isaanii qabatani federeeshiinii diimookraata’e jalatti walqixxummaa fi bilisummaan buluun nagaa fi tasgabbii waaraa Itoophiyaaf kennu akka danda’utu dubbatama.

Ejjannoon Koreen Giddugaleessaa Paartii Biltsiginnaa Federaalizimii diiguuf qabatee deemaa jiru diigumsa biyya hordofsiisuu danda’a jedhamuun ibsamaa jira.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

13 − eleven =

Back to top button
Copy link