Afan OromoNews
Trending

OMN: Dhumaatii Jumlaa Faannoon Noonnootti raawwate

Dhumaatii jumlaa

Haleellaa hidhattoonni finxaaleyyii Faannoo godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnootti raawwataniin kanneen lubbuu dhaban keessa dubartiin guyyaa muraasa dura deesse akka jirtu jiraattonni himan.

Jiraattonni OMN’f yaada isaanii kennan yakka hamaatu qe’ee keenyatti nurratti raawwatame jedhan.

Hidhattoonni finxaaleyyiin kun gochaa gara jabeenyaa hamaa nurratti raawwatan kan jedhan jiraattonni, dubartiin guyyaa muraasa dura deessee ulmaa ciisaa turte siree irratti haleellichaan lubbuu ishee dhabuu himan.

Hidhattoonni finxaaleyyiin kunneen naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaa aanaa Noonnoo fi godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaa gandoota muraasa keessa akkasumas naannoo Giddugaleessa Itoophiyaa godina Guraagee aanaa Abashgee kan godinaalee kana daangessu gandoota muraasa keessa qubatanii jiru jedhan.

Warra kana mootummaan Oromiyaa WBO loltu jechuun, mootummaan naannoo Amaaraa qabata nageenya dhalattoota saba Amaaraa tiksuu jedhuun, humni finxaalessi Faannoo kan naannoo Amaaraa keessa socho’u immoo seelii Faannoo naannoo Oromiyaa keessatti ijaaruu qabata jedhuun hidhachiisanii, mana manaan namni marti meeshaa waraanaa qaba jedhan.

Dhalattoonni Oromoo naannawaa sana jiraatan immoo meeshaa wayiituu ofharkaa hin qaban kan jedhan jiraattonni, haleellaa irra deddeebiin hidhattoota finxaaleyyii kanaan raawwatamu qolachuuf namoota dhuunfaa meeshaa waraanaa bitatan irraayyuu mootummaan WBO deeggartu jedhee meeshaa isaanii irraa fudhachuu himaniiru.

Kan deessuu keenya qe’eetti ajjeesaa jiru humna finxaalessa Faannooti, kan nu ajjeechisu immoo mootummaadhuma keenya gibira kaffalluufi jechuun jiraattonni himatan.

Haleellaan kaleessaa raawwatamuun dura qophii jarri taasisan dhageenyee torbanootaan dura mootummaatti iyyanne qaamni nu dhagahe hin jiru jechuun komatan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

17 − 11 =

Back to top button
Copy link