Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics

OMN: Siyaasaa Faannoo Ajjeechaa Namoota Nagaa Irratti Xiyyeefate

Weerara Faannoon Ummata Nagayaa irratti raawwatu

Gartuun Humna Finxaaleessa Faannoo ajjeechaa jumlaa fi yakka waraanaa ummataa nagayaa irratti raawwatu, dhaabbachuun yakkaa raawwateef gaafatamummaan jiraachuu akka qabu ibsame.

Gareen mootummaa Itoophiyaatiin jajamaa ture, kan Itti aanaa Ministira mummee fi ministira dhimma Alaa duraanii Itoophiyaa Dammaqaa Mokkonnaniin hidhachiifame, Gareen Atsaaminoo Tisggeetiin leenjifame, Gareen Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa cinaa hiriiruun Humna Ittisa Tigraay waraane, Gareen Itoophiyaa gudditti eenyummaa Amaaraatiin ijaaruuf Oromiyaa, Beenishaangul Gumuuzii fi Tigraayitti duule, Gareen Itoophiyaa jechuun Amaara jedhee amanu biyya guddoo Gaanfa Afrikaa Itoophiyatti, saba guddaa naannichaa Oromoo irratti ajjeechaa jumlaa yakka waraanaa raawwataa jira.

Hammeenya Faannoon Oromoo irratti raawwattee dachiin baachuu dadhabdee, samiin ilaaluu hifatte. Reeffatu dirree guutee, ilma haatii ji’a sagal garatti, waggaa 1 dugdatti baatte guddistetu ija ishee duratti qalame.

Gareen Faannoo jedhamu garee Sabboonummaa Amaaraa Itoophiyaa keessatti tarkaanfachiisuu fi ilaalcha weerara lafaa tarkaanfachiisuudha.

Humni Finxaaleessi kun biyya badhaafamaan Noobeelii nagaa bara 2019 bulchuu Itoophiyaa keessatti yakka namoomaa gurguddaa nama akka hoolaatti ciibsee gorra’uu, osoo lubbuun jiru qaama isaa irraa gogaa kaasuu, jiraa ibiddatti darbuun gubuu, daa’imman qaluu, dhiira irraa qaama saalaa muruu, dubartii irraa harma muruu, ibiddaan ganda guutuu barbadeessuu, horii rasaasaan fixuu, dubartii gudeeduu, dhiira ukkaamsee mallaqa gaafachuun beekkama.

Biyyi Yakki kun itti raawwatamu Itoophiyaadha, bulchaan isii badhaafamaa noobeelii nageenyaati. Kan yakki irratti raawwatamu Oromo, Kan raawwatu ammoo Faannoo Amaaraati.

Gabaasota walqabatan

OMN: Weerara Daangaa Oromiyaatiin diimoograafiin ummataa jijjiiramaa jira.

OMN: Hawwii Oromiyaa Diiguu fi Weerara Daangaa

OMN: Xiinxalla Mootummaan Faannoo Maalif Wallaggatti Hidhachiise?

Hooggantoonni  Faannoo Iskiindar Naggaa hammaa Mirree Wadaajoo, Zammanee Kaasee hamma Hambte Walde, Makataw Maammoo hamma Bayyee Qannaaw falaasama siyaasaa lafa weeraruun Amaaraa gudditti ijaaruu jedhuun dhiiga qulqulloota dhangalaasaa jiru.

Faannoo keessan kan mul’atu ilaalcha Federaaliiziimii sab-daneeessa, osoo hin taanee eenyummaa sab-qeenxee, Nageenya osoo hin taane jeequmsa, daangaa murtaa’aa osoo hin taane weerara lafaattu mul’ata. 

Kanaaf humni olaantummaa Amaaraa karaa babal’inna lafaatiin, karaa diinagdee fi siyaasaa akkasuma karaa eenyummaa fi aadaatiin deebisuu barbaadu duula babal’ifannaa lafaa Oromiyaa irratti banee waggoota 6n darban lolaa jira.

Lafti  naannoo Amaaraan ala jiru hedduus qabiyyee Amaaraa kan durii ti, Amaarri lolee deebifachuu qaba jechuun, “Lafti Walqaayit kan Tigraay lixaa jiru, lafti Raayyaa kan kibba Tigraay, qabiyyeen Matakkal kan naannoo Beenishaangulgumuz jiru, Kutaalee Oromiyaa Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa fi lafti godinaalee  Wallaggaa Laga Angarii ol jiru qabiyyee Amaaraati;  kana qawween lollee deebifanna” jechuun qabsoo hidhannoo adeemsisaa jiru.

Gareen kun dhorkaa malee hidhattoota leenjisee bobbaasuun, saboota eenyummaa biraa qaban irratti dhaadachuun, haasawa jibbiinsaa tamsaasuu, duguuggaa sanyii lallabuun, mootummaa tuffachuun, seenessi Itoophiyaa bara moototaas,  qawweedhaan walumaa cinaa hidhannoo ta’ee biyyatti boqonnaa dhoowwaa jira.

Gareen kun hidhattoota Faannoo Naannoo Amaaraa keessa socha’an malee qubattoota Amaaraa sababoota garagaraatiin Mootummaan Oromiyaa keessa qubsiise wajjiin qindoomuun ummata fixu.

Mootummaan Federaalaa bara 2020 maqaa nageenya ummata Amaaraa eeguu jedhuun ummanni Amaaraa Oromiyaa keessa jiru akka hidhachiifamu taasise.

Hidhannoo qofa osoo hin taane leenjii waraanaa gahaa kennuun akka of ittisu taasise. Faallaa kanaan ammoo ummata Oromoo irraa hidhannoo qofa osoo hin taanee meeshaa qara qabu hunda irraa hiikuun harka qullatti hambise.

Humni Finxaaleessi Faannoo waraanni Kaabaa Itoophiyaa waliigaltee Piriitooriyaatiin goolabamuu hordofee mootummaa federaalaatti mufachuun qabsoo hidhannoo jalqabe. 

Haleellaa gurguddaa ajjeechaa jumlaa, Saamicha, buqqa’insa of keessaa qabu Godinaalee Oromiyaa naannoo Amaaraatiin waldaangessaan kanneen akka Godina Horroo Guduruu Wallaggaa, Wallagga Bahaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa keessatti raawwatuu itti fufe.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo keessattis haleellaa ulfaataa raawwatuun miidhaa jabaa dhaqqabsiise. Noonnoo qofa keessatti ajjeechaan jumlaa yakka waraanaatiin himatamu raawwatee jira.

Humni kun Godina Wallagga bahaa irraa Aanaaleen akka Giddaa Ayyaanaa,  Kiiraamuu,  Limmuu, Guutoo Giddaa,  Angar Guutee fi Galiilaa weeraree namoota hedduu ajjeessuun kuma kurnootaan buqqisee jira.

Aanaa Kiraamuu keessaa gandoonni akka Lalistuu Somboo, Wattii, Margaa jireenyaa, Caffee Soorumaa fi Caffee aananii dabalatee Gandoonni hedduun humna finxaaleessa kanaan qabamani jiru.

Horroo Guduruu Wallaggaatti ammoo Jaartee Jaardagaa, Amuuruu, fi Abee Dangoorroo aanota weeraramanidha.

Aanaa Amuuruu keessaa gandoota akka Migir joojoo, Lummaa, Shonkoor, Cidhatti, Saammoo Ilaamoo, Harar Jaarsoo, Harar Saammoo, Gabaa Amusii fi magaalaa Haroo dabalatee gandoonni 16 ol humna kanaan weeraramani jiru.

Godina Shawaa Bahaatti Aanaan Fantaallee fi Boosat Aanota Gartuu ajjeechaa kanaan weeraramaniidha.

Fantaalle irraa Arroollee araddaalee akka Eddoo Guddoo, Eddoo Qal’oo, Irraan buutee, Borbor, Malkaa Jiloo, Haroo Arbaa, Ulaagaa, Xininjii, Qonyee, Micci, Wanjii, Doddotii Guddoo, Harooreessa bal’aa, Harooreessa Qal’aa, Funyaan booraa, Funyaan waangayyoo, fi Qorkeedha.

Aanaa Boosat ganda Borcataa keessaa araddaawwan akka Siiquu, Koysoo, Mindaa, Gaardaa Qal’aa, Handoodee, Garba Adii, Seera’ee, Boorticha, Maqidallaa fi Qaawwa Bubbisaa ykn Qarsaa Abbaa Bunee akkasuma lafoonni akka Dudga Daalacha, Fossoo, Gabaa Raadaa, Calalaqaa fi Qilee Arbaa weerara Faannoo jala jiru.

Shawaa Kaabaa irraa Aanonni akka Qimbibiit fi Dharraa Aanota humnota kanaan weeraramaniidha.

Aanaa Dharraa irraa gandoonni akka Deenyuu Wabeensoo, Jirruu Daadaa, Tuutii, Iluu Goodaa Caffee, Baabbuu Dirree, Sarar-qullaa, Saalaash, Maakaftaa Mannayyoo, Warree Mannayyoo, Baayitii, Mana Lagoo, Gabroo, Barreessaa, Hoomaa Bonnayyaa fa’a weeraramani jiru.

Godina Shawaa Lixaa Aanaa Noonnoo keessattis ammoo irraa deddeebiin haleellaan raawwataa turee jira.

Haleellaan Onk. 19 bara 2025 raawwate haleellaa suukaneessaa namoota nagaa irratti raawwatameedha.

Humni kun haleellaa kana halkan bakka ummanni rafutti kan raawwate yoo ta’u namoota 22 oltu dhume. 

Mootummaan nageenya lammiilee tiksuu irratti itti gaafatamummaa qabu ajjeechaa kana irratti hanga ammaa homaa hin dubbanne.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

1 × five =

Back to top button
Copy link