Editorial
Trending

OMN: Imaammata Gulaallii Torbanii OMN

Aantummaan Keenya Qofagaleessi Uummataa fi Ogummaa Gaazexeessummaatiifi!

Imaammata Gulaallii Torbanii OMN

Aantummaan Keenya Qofagaleessi Uummataa fi Ogummaa Gaazexeessummaatiifi!

Yeroo ammaa kanatti, yeroo gaazexeessummaa fi siyaasni walitti makamee burjaajii uumu, odeeffannoo dhugaa fi walaba ta’e argachuun rakkisaa ta’aa jiru kana keessatti, Oromiyaa Miidiyaa Neetwoork OMN miidiyaa walabaa gartuu kamiifuu hin loogne, aantummaan isaa uummata isaa fi ogummaa gaazexeessummaaf ta’uu irra deebiin cimsinee waadaa keenya mirkaneessina. OMN dhaaba siyaasaa, garee dantaa, ilaalcha dhuunfaa kamiyyuu waliin hidhata hin qabu.

Aantummaan keenya qofagaleessi har’a itti jirru, borus utti fufu, yeroo mara jiraatu dhugaa, itti gaafatamummaa fi fayidaa uummata Oromoo mirkaneessuu waliin dhaabbachuu qofa. Kaayyoon keenya garee siyaasaa tokkoof dhaabbachuu osoo hin taane, sagalee uummata bal’aaf ta’uu fi haqa sabaa barbaaduudha.

Fayidaa sabaaf cichoominaan hanga dhumaa dhaabbachuun bifa ogummaa gaazexeessummaatiin dabaalameen falmuufii dha. Kana kan goonu odeeffannoo qabatamaa fi sirrii dhiheessuuni.

Yaada gama maraa loogii malee fudhachuun dhageessisuuni. Murtii isaa uummataaf dhiifna. Dhaadannoo OMN’s “Dhugaa Uummataa Karaa Dhugaatiin” kan jenneefis kanumaafi.

Gaheen keenya qabxiilee haasawa garee kamiituu guddisuu osoo hin taane gaaffii keessa galchuudha.

Yaada ummataa gara gama kamiinuu sochoosuuf osoo hin taane, lammiileen odeeffannoo bilchinaan akka yaadan, karaa hiika qabuun akka bobba’anii fi bilisaan akka murteessan isaan hidhachiisuuf.

Gabaasa hunda keessatti, tamsaasa hunda keessatti, fi qorannoo hunda keessatti galmi keenya tokko: bakka gaaddidduun jirutti ifa ibsuu, tilmaama irra dhugaa barbaaduu, fi waan hunda caalaa dantaa ummataa tiksuu dha. Miidiyaan walabaa dhimma qananii miti.

Hawaasa tokkoof dhimma bu’uuraati. Karaa uummanni sagalee dhabe sagalee itti argatu. Hawaasa odeeffannoo gahaa qabu horachuufis gahee olaanaa qaba. OMN gahee kana gahumsaan bahataa jira.

Hordoftootaa fi jaalattoota OMN yeroo rakkisaa keessatti dandamataa akka itti fufnee har’a geenyu nu taasisanii fi ergama keenya tumsan cimsinee galateeffanna.

Amaanaa isin nurra keeyyattan akka salphaatti hin ilaallu. Tokkoon tokkoon sagalee uummataaf taanu keessatti isin yaadanna.

Dhugaa Uummataa Karaa Dhugaatiin!

Boordii Editioriyaalii OMN

Show More

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

fourteen − 8 =

Back to top button
Copy link