Afan OromoNews
Trending

Seenaa jireenyaa fi Qabsoo Dr Moggaa Firrisaa

Dr. Moggaa Firrisaa

Seenaa Gabaabaa Dr Moggaa Firrisaa

Hundeessitootaa fi hooggantoota Waldaa Maccaa fi Tuulamaa keessaa tokko kan ta’an Dr. Moggaa Firrisaa du’aan addunyaa kana irra boqatan.

Dr. Moggaan qabsaa’ota mirga saba Oromoof shoora olaanaa gumaachan keessaa ta’uu seenaan isaa dubbata.

Dr. Moggaa Firrisaa abbaa isaanii Fitawuraarii Firrisaa Abbaa-Sambii fi haadha isaanii Mariyaamaa Abbaa-Duulaa irraa Waxabajjii 20 bara 1928 ALItti Godina Jimmaa anaa Guumaa ganda Badalachoo jedhamutti dhalatan.

Bara Weerara Xaaliyaanii abbaan isaanii Fitawuraari Firrisaa Abbaa-Sambii waraana Fashiistii Xaaliyaanii waliin godhame irratti waan wareegamaniif ilmi isaanii Moggaa Firrisaa gara magaalaa Finfinnee fudhatamanii barnoota isaanii kutaa tokkoo hanga kudhanii Mana Barnoota Madhanilayalemitti hordofuu seenaan isaanii hima. Barnoota isaanii itti fufuun, kutaa kudha tokkoofi kudha lama Finfinnee Mana Barnoota Tafari Moakonnin jedhamee beekamutti baratan.

Erga barnoota sadarkaa lammaffaa isaanii xumuranii booda Kolleejjii Fayyaa Gondar seenuun barnoota waggaa afurii booda Qondaala Fayyaa ta’anii dippilomaan eebbifaman. 

Kana booda woggoota muraasaaf Hospitaala Jimmaatti erga tajaajilanii booda gara Finfinnetti deebi’uun digrii isaanii Yunivarsiitii Finfinnee irraa Qondaala Fayyaatiin fudhatanii jiru. 

Sana boodas gara godina Jimmaatti deebi’uun Buufata Fayyaa Aggaaroo fi Hospitaala Jimmaatti sadarkaa hooggansaa garaagaraatti woggoota torbaaf tajaajiluutu himame.

Tajaajila kana booda gara Yunvarsiitii Finfinneetti deebi’uun barnoota dooktareetii fayyaa erga barachaa turanii booda bara 1963 ALI-itti Haakima Waliigalaa ta’anii eebbifamuun gara Hospitaala Jimmatti deebi’uun waggoota afuriif ummata isaanii tajaajilaniiru jedha seenaan jireenya isaanii.

Bara 1968 ALItti gara Finfinnetti deebi’uun Hospitaalota akka Xiqqur Ambassaa, Zawdituu fi Phawuloositti Haakima Waliigalaa ta’uun tajaajila ogummaa isaanii kennaa turan.

Bara 1976tti yuunivarsiitii Finfinnetti deebi’uun barnoota Ispeeshalistummaa baqaqsanii yaaluutiin erga baratanii xumaranii booda Hospitaala Phawulosii fi Hospitaala Poolisiitti yaala baqaqsanii yaaluutiin ummata tajaajilaa turaniiru.

Akkasumas, ogummaafi muxannoo ol aanaa argataniin Jijjigaa, Harar, Saatit Humaraa, Gondar, Adawaa, Aksum, Asmaraa fi hospitaalota biroo biyyattii keessatti  argaman irras naannawuun ogummaa isaaniitiin ummataaf waldhaansa fayyaa barbaachisu kennaafii turaniiru jedha seenaan jireenya isaanii. 

Dr. Moggaa Firrisaa nama ogummaa fayyaa qofaan biyyaa fi uummata isaanii tajaajilan akka hin taane seenaan isaanii hima.

Dr. Moggaa Firrisaa nama ijoollummaa isaanii irraa kaasee mirga ummata Oromootiif falmaa turan ta’uutu ibsame.

Qabsoo uummata Oromoo keessatti gumaacha olaanaa taasisanii warreen maqaan isaanii adda durummaan waamamu keessaayi.

Dr. Moggaa Firrisaa warra angafaa Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hundeessee hoogganee mirga sabaaf qabsaa’e keessaa isaan tokko.

Kana irra ka’uunis Waldaan Haakimoota Oromiyaa kanaan dura badhaasa beekamtii Umrii Guutuu Ogummichaafi Qabsoo Oromootiif godhaniif kennee jira.

Dr. Moggaan bara 1957 haadha manaasaanii Siistar Achaamellash Kumsaa waliin gaa’ila ijaarrachuun hanga lubbuunsaanii darbu kanatti waliin jiraataniiru.

Dr Moggaan abbaa ijoollee 6ti.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

fifteen − 8 =

Back to top button
Copy link