Afan OromoNewsNews Analysis
Trending

OMN: Weerara Daangaa Oromiyaatiin diimoograafiin ummataa jijjiiramaa jira.

Haleellaa hidhattootaa faannoo fi mootummaa naannoo Somaaleetiin godinaalee Oromiyaa daangaa irra jiran weeraramani jiru

Haleellaan hidhattoota naannoo Somaalee fi humna Finxaaleessa Faannoo Amaaraatiin daangaalee Oromiyaa irratti raawwatamu adeemsa dimoograafii ummata naannichaa jijjiiruu fi Oromiyaa weeraruun qabiyyee lafaa xinneessuuti jedhan xiinxaltoonni.

Mootummaan Itoophiyaa bulchaa jiru Biltsiginnaan Federaalizimiin saboota madda walitti bu’iinsaati jechuun naannoon guddichi biyyatti Oromiyaan haleellaa hidhattootaatiif akka saaxilamu ta’e jedhanii callisaan ilaaluu darbees haala mijjeessuu kan himan xiinxaltoonni, kunis tooftaa sirna sabootaa ittiin diiganiidha jedhan.

Federaaliziimii sabdaneessa diiganii, sirna teessuma lafaa irratti hundaa’e ijaaruuf jalqaba Oromiyaa diiguun karooraa mootummaa aangoo harkaa qabuu ta’uu kan himan keessa beektoonni, kanaaf dargaggoonni naannoo Amaaraa Oromiyaa keessa jiran giddu-lixiinsa mootummaa federaalaatiin nageenya ummata Amaaraa eeguu qabata jedhuun bara 2020 irra jalqabee hidhachiifamani jedhu.

Hidhattoonni naannoo Amaaraa Godinaalee Oromiyaa daangaa irra jiran keessa jiran hidhachiifamanii leenjii waraanaa humna finxaalessa Faannoo naannoo Amaaraa jiru irraa fudhachuun ummata Oromoo kan isaan qubsiisee, lafaa fi mana kenneefi barootaaf waliin jiraataa ture irratti waraana banuun lubbuu namoota hedduu galaafatan.

Kaayyoon garee kanaa Oromiyaa guddittii weeraruun godinaalee naannoo Amaaraatiin wal daangeessan kanneen akka Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Bahaa, Shawaa Kaabaa fi Shawaa Lixaa irraa aanota heddumminaan muranii fudhachuudha jedhu.

Kanaaf Gandoonni godinaalee kanneenii dhibbootaan lakkaa’aman humna Finxaaleessa kanaan qabamani jiraachuu ibsu.

Jiraattonnis kanuma irra deddeebiin OMNtti himan.

Caffee fi mootummaan naannoo Oromiyaa kan bulchiinsa naannichaatiif itti gaafatamummaa qaban qabiyyeen daangaa naannichaa sarbamuun wayta weeraramuu fi ummanni ajjeefamu wabii nageenya ummataa fi daangaa Oromiyaa hin taane jechuun komata hawaasni.

Mootummaan Federaalaa kan hidhattoota Faannoo wajjiin wal waraanaa jiru, yeroo gareen kun Faannoo Ajaja Wallaggaa jechuun hundeessee labsu tarkaanfii fudhate hin qabus jedhu.

Kanaaf mootummaan federaalaa fi naannoo Oromiyaas ofumaa Oromiyaa irratti waraana bansiisani akeeka dhokataa federaalizimiin sabootaa madda walitti bu’iinsaati jedhu mirkaneessuuf hojjataa jiru jedhu.

Gama biraatiin hidhattoonni naannoo Somaalee gama bahaatiin qabiyyee daangaa Oromiyaa sarbuun weerara raawwatuu itti fufanii jiru.

Tibbana magaalaa Dirree Dhawaa, Mi’eessoo, Bordoddee, Aanaa Gooroo Guutuu Aanaa Waacilee fi kanneen biroo keessatti Harargee hanga Booranaa haleellaa raawwatuun miidhaa lubbuu fi qabeenyaa dhaqqabsiisani jiru.

Walitti bu’iinsaa fi gaafii abbummaa gandoota 463 kan daangaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee irratti argaman irratti bara 1993 as ka’aa ture deebisuuf Manni Maree Federeeshiinii Komishiinii dangaa garasitti bobbaasuun qorannaa erga taasisee booda Onkolooleessa 24 bara 2004 ALA tti waggaa 21 dura riifireendamiin adeemsifame.

Gandoota gaaffiin Abbummaa mootummaa naannoo Oromiyaa fi mootummaa naannoo Somaaleetiin irratti ka’e keessaa buufanni Filannoo Aanaalee Erar, Gooroo Guutuu, Gursum, Liiban, Gola Odaa, Mayyuu Mulluqqee, Gurradhaamolee fi Barbaree keessatti hundaa’uun riifireendamiin gandoota 463 keessaa gandoota 422 keessatti adeemsifame.

Gandoota 39 keessatti sababoota adda addaatiin osoo hin adeemsifamin hafuu ragaan boordii filannoo irraa argannee ni mul’isa.

Reefireendamii mootummaa naannoo Oromiyaa fi Somaalee jidduutti Onkolooleessa bara 2004 gandoota 422 keessatti adeemsifameen dhibbeentaan 80 ol naannoo Oromiyaa filatan. 

Haa ta’u malee naannoon Somaalee lafa Oromoo karaa reefirendamiitiin dhabe humna qawweetiin fudhachuuf tikfattoota hidhachiisee, hidhattoota meeshaa waraanaa ammayyaa hidhataniin deeggaree ummata Oromoo godinaalee Baale, Booranaa fi Harargee keessatti daangaa irraa buqqisuun lafa Oromoo qabataa ture.

Reefireendamii Onkolooleessa 24 bara 2004 ALAtti adeemsifame booda gandoota Oromiyaa jalatti akka bulan filatamanillee humnaan qabatan. Sana bira darbee gandoota heddu Moyaalee hanga Cinaaqsan, Dirree Dhawaa hanga Mi’eessoo qabatan.

Mootummaan naannoo Somaalee bifa weeraraa fi walitti bu’iinsa daangaatiin aanoota naannoo Somaalee daangeessaan kanneen akka Gooroo Guutuu, Mi’eessoo, Maayyuu Mulluqqee, Gursum, Baabbilee, Miidhagaa Tolaa, Cinaaksan, Jaarsoo, Mooyyaalee, Liiban, Gurradhaamolee, Sawweenaa, Barbaree, Gola Odaa,  Areeroo, Madda Walaabuu, Daawwee Qaachan, Raayituu fi Laga Hidhaa irraa lafoota hedduu qabachuun ummata isaa irra qubsiisee jira.

Akka hawaasni aanota kanneenii OMNtti himanitti, hidhattoonni mootummaa naannoo Somaalee waan karaa seeraatiin dhaban weeraran argachuuf waggoottan 21 darban hojjataa turan.

Hawaasa daangaa irra jiru irratti waraana banuun buqqisani, lafa san irra qubatu, ammas xinnoo turani of dura siquun lafa biraa weerarani ummata Oromoo buqqisuun irra qubatuu jedhan.

Tibba darbe Manni Maree mootummaa Naannoo Somaalee Moyyalee, Gurradhaamolee fi gandoota hedduu Harargee lamaan irraa gara ofitti fudhachuun caasaa bulchiinsaa irratti labsuu ibse.

Aanaa Gurradhaamolee keessatti lafa 150km qabachuun godina Gurradhaamolee naanoo somaalee hundeessaa jira.

Haala kanaan Aanaaleen hedduun gartokkee fi guutummaan weeraramani naannoo Somaalee jala galuu maddeen himani jiru.

Daangaan Oromiyaa dhiigaa fi lafee ummata Oromootiiin sararame dantaa siyaasaa garee aangoo harkaa qabduu jechaaf sarbamaa jira kan jedhan qaamoleen hawaasa, ummanni Oromoo daangaa Oromiyaa dhiigaa fi lafee isaatiin sarare deebisee kabachiisuu qaba jedhan.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

5 × 4 =

Back to top button
Copy link