Afan OromoNewsNews AnalysisPolitics
Trending

OMN: Dhimmi lafaa dhimma egeree uummata Oromoo murteessuudha.

Uummanni Oromoo lafa isaa tikfachuuf xiyyeeffannaa olaanaa kennuu akka qabu hayyoonni himan.

Uummanni Oromoo lafa isaa tikfachuuf xiyyeeffannaa olaanaa kennuu akka qabu hayyoonni himan.

Dhimmi lafaa dhimma egeree uummata Oromoo murteessu akka ta’es eeraniiru.

Piroofeesar Takla’aab Shibbiruu, Doktar Jamaal Heebanoo, Obbo Buttaa Dafii, Obbo Kiniinii Jegenoo fi Doktar Sulxaan Abdaa Qophii Dirree Waloo OMN mata duree Lafaa fi Lafee, Tokkummaa fi Sabboonummaa Oromoo jedhuun dhihaate irratti xinxaala bal’aa kennaniin mootummoota dhufaa darbaan lafti Oromoo saamamaa turuu ibsaniiru. 

Piroofeesar Takla’aab Shibbiruu wayituma kana yaada kennaniin, mootummoonni Itoophiyaa uummata Oromoo dadhabsiisuu irratti akka xiyyeeffatan dubbatan.

Gaheen mootummaa daangaa tiksuu fi nageenya uummataa eeguu akka ta’e eeranii, mootummaan Oromiyaa dirqama isaa kana bahuu akka hin dandeenye ibsan.

Daangaan Oromiyaa sarbamaa, uummanni balaaf saaxilamaa jiraachuus piroofeesar Takla’aab dubbataniiru.

Daangaan Oromiyaa karaa gurguddoo lamaan sarbamaa jira kan jedhan piroofeesar Takla’aab, karaa qarqaraatiin daangaan Oromiyaa garmalee sarbamaa jira, gara gidduutiin babal’ina magaalaatiin uummanni Oromoo dhiibamaa jiraa jedhan.

Doktar Jamaal Heebanoo gama isaaniitiin lafti hundee dhala  namaati, lafa malee jiraachuun hin danda’amu jedhan.

Lafa malee eenyummaan saba tokkoo hin jiru kan jedhan Doktar Jamaal, seenaa addunyaa keessatti warri lafti irraa fudhatame rakkoo guddaaf saaxilamanii agarree jedhanii fakkeenya biyyoota garaagaraa eeran.

Uummata Oromoo irrattis wanti raawwatamaa jiru kanneen waliin akka walfakkaatus himaniiru.

Obbo Buttaa Dafii immoo mootummaan  Itoophiyaa lafa akka meeshaa siyaasaatti fayyadamaa jedhu. Lafa Oromoo saamanii galtee siyaasaaf oolfatu kan jedhan obbo Buttaa Dafii, mootummaan lafaan warra isa mormuu danda’u akka bitatu dubbatan. 

Uummata Oromoo lafa isaa irraa buqqisanii lafa sanaan deeggartoota bitatu jechuun lafti meeshaa siyaasaa ta’ee akka tajaajilaa jiru himaniiru.

Obbo Kiniinii Jegenoo gama isaaniitiin Itoophiyaa keessatti gaaffiin lafaa gaaffii baroota dheeraa lakkoofsise ta’uu himan.

Bara Hayilasillaasee lafti Oromiyaa fiiwudaalotaan qabamuu eeranii, qabsoon Hayilasillaasee fonqolche gaaffii lafaa uummanni lafa isaa irratti qabu akka ta’e ibsan.

Bara Dargiis lafti qonnaan bulaaf haa jedhu malee lafti uummataa babal’aanii fi oomisha guddaa kennu lafa qonnaa mootummaa jedhamee harka mootummaatti galuu dubbatan obbo Kiniiniin.

Bara Wayyaanees saamichi lafaa guddaan uummata irratti raawwatamuu eeranii, qabsoon Wayyaanee buqqise mormii Mastarpilaaniitiin dhohuu yaadachiisan.

Har’as akkuma kanaan duraa lafa uummata Oromoo irratti saamichi guddaan raawwatamaa jiraachuu obbo Kiniiniin eeranii, bu’uurri qabsoo Oromoo lafa Oromoo ta’uu hubachiisan.

Waltajjii Dirree Waloo kan mariisisan Doktar Sulxaan Abdaa immoo Oromoon lafa isaa saamamuu dubbatan. 

Lafti bu’uura uummataa ta’uu eeranii, lafa kana tikfachuuf uummanni tokkummaan dhaabbachuun akka barbaachisu himan.

Dhimmi lafaa uummata Oromoof dhimma murteessaa ta’uu namuu hubachuu akka qabus hayyoonni kunneen dhaamaniiru.

 

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

one × three =

Back to top button
Copy link