Afan OromoNewsPolitics
Trending

OMN: Mootummaan N/Somaalee Hamma Dhagaa Baabbiilee qabate.

Mootummaan N/Somaalee bakka hawwata turiziimii Dhagaa Baabbilee qabate.

Mootummaan naannoo Somaalee fageenya kiilomeetira heddu qaxxaamuree hanga Dhakaa Baabbilee dhufee uummata qubsiise jedhan aangawoota aanichaa kan turan.

Aangawoota aanichaa kan turan OMN’f yaada isaanii kennaniin, bara olaantummaan wayyaanee ture keessa yeroo tokko naannoon Somaalee guyyaa sabootaa fi sablammootaa keessummeessuuf carraan isa gahuu dubbatan.

Mootummaan naannoo Somaalee waan ajaa’ibaa hojjatee jedhu.

Aanaa Baabbillee bakka hawwata turizimii Dhakaa Baabbilleettin sabootaa fi sablammoota kutaalee biyyattiitii ayyaanicha kabajuuf gara naannoo Somaalee dhufan simadhaa jedhee mootummaa Oromiyaa gaafachuu yeroo sana aangawoota aanichaa kan turan OMNtti himan.

Mootummaan Oromiyaas tole ittiin jedhee bakka sanatti godoowwan simannaa heddu ijaaraman, alaabaan naannoo Somaalees dhaabbatee jedhu.

Guyyaan ayyaanichaa gahee keessummoonni simatamuu dubbatan.

Erga guyyaan ayyaanichaa darbee waanti ta’e waan sanaaf faallaa ta’uu aangawoonni yeroo sana aanicha bulchan himan.

Jilli darbee jiraa bakka sanaa waan dhaabdan buqqaasaa mootummaa naannoo Somaaleetiin wayita jedhamu deebiin mootummaa naannoo Somaalee lafti sun kooti hin buqqisuu ta’ee jedhu.

Gabaasota walqabatan;

Weerarri daangaa haa dhaabbatu!

OMN: Xiinxalla; Daangaa Oromiyaa akkamiin cabaa jira?

OMN: Hiriirri Mormii Sarbama daangaa Oromiyaa waamamaa jira.

Mootummaan naannoo Somaalee keessummoota sinachuuf jedhee kadhatee bakka buufate sana humnoota hidhatan kumaatamaan qubsiisuu yaadachiisan.

Kana gidduutti naannoo Oromiyaa waliin walitti bu’iinsi uumamee lubbuun namoota hedduu erga darbee booddee ajaja mootummaa federaalaatiin raayyaan ittisa biyyaa gidduu seenee jedhan.

Raayyaan ittisa biyyaa gidduu seene Oromoo qe’ee ofii keessummaa naannoo Somaalee dhaqu simachuuf heeyyamee fi naannoo Somaalee kadhatee dhufee bakka sanaa hin bahu jedhe qixxeedhuma kiilomeetira kudhan kudhan duubatti deebi’aa jechuu himan.

Ergasii rakkoon sun hundeen akka hin furamne eeranii, yeroo jijjiirama dura Abdii Ileen liyyuu hayilii bobbaasee uummata Oromoo naannoo daangaa buqqaasu mootummaan naannoo Somaalee oldeebi’ee aanaa Baabbilleetii uummata Oromoo buqqaasisee lafa hedduun qabatee uummata irra qubsiise jedhan.

Jijjiirama booddees gochi mootummaa naannoo Somaalee itti fufee hanga qarqara magaalaa Baabbillee dhufanii ganda hundeeffatan jedhu aangawoonni.

Erga jijjiiramaatii mootummaan naannoo Oromiyaa daangaa bara wayyaanee saamamee fi yeroo jala bultii jijjiiramaa qabaman ni deebisiisa jennee otoo eegnuu mootummaan Oromiyaa kana hanqatee jedhu.

Mootummaan naannoo Somaalee immoo akkuma bara jijjiirama duraa daangaa Oromiyaa seenee weerara itti fufuu dubbatan.

Yoo xiqqaate refireendamiin bara 2004 kabajamuutu irra ture kan jedhan aangawoonni mootummaa yeroo sanii, mootummaan naannoo Somaalee lafa refireendamiin dhabe humnaan qabachuu bira darbee lafoota dabalataa heddu qabachuu OMNtti himaniiru.

Show More

Related Articles

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

13 − 12 =

Back to top button
Copy link