Afan OromoNewsNews Analysis

OMN: Ummanni Oromoo Daandaa Irra Jiru hidhachuu qaba

Daangaa Oromiyaa eeguun immoo dhimma uummata naannawaa daangaa qofaaf dhiifamuu miti

Uummanni naannawaa daangaa hidhatee fi hidhachiifamee gurmaa’ee qe’ee isaa fi daangaa Oromiyaa akka eegu taasifamuun dhimma akkaan murteessaa ta’uu kutaaleen hawaasaa garaagaraa naannoo Oromiyaa himan.

Daangaa Oromiyaa eeguun immoo dhimma uummata naannawaa daangaa qofaaf dhiifamuu miti jedhan.

Kutaaleen hawaasaa garaagaraa yaada isaanii OMN’f kennan, karaa naannoon Oromiyaa naannolee Amaaraa fi Somaalee daangessuun naannoleen Amaaraa fi Somaalee babal’ifannaa lafaa hamaatti jiruu jedhan.

Kanaanis lafa bal’aa Oromiyaa uummata Oromoo irraa buqqaasanii uummata naannoo isaanii qubachiisaa turuu dubbatan.

Hidhattoonni naannolee lameen irraa bobbaafaman gochaa gara jabinaa hamaa uummata Oromoo irratti raawwachuu kan dubbatan warri yaada kennan, kanaaf gochaan hidhattoonni finxaaleyyiin Faannoo godinaalee Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu Wallaggaa, Shawaa Lixaa, Shawaa Kaabaa, Shawaa Bahaa akkasumas hidhattoonni naannoo Somaalee godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa, Baale hanga Booranaatti raawwatan fakkeenya guddaa ta’uu himaniiru.

Haleellaa hidhattoota naannolee lameen irraa dhufaniitiin uummanni Oromoo bal’aan naannawaa daangaa irraa buqqaafamuu, qe’een uummataa barbadaa’uu, lafti uummanni irraa buqqaafame hidhattoota kanaa fi uummata isaan hordofee dhufeen qabamee Oromiyaan balaa hamaaf saaxilamuu warri yaada kennan dubbatan.

Uummata Oromoo kumaatamaan lakkaa’amutu yeroowwan garaagaraatti haleellaa hidhattoonni kunneen babal’ifannaa lafaaaf raawwataniin lubbuu isaa dhabes jedhan.

Furmaanni rakkoo kanaa inni ijoon mootummaan naannawaa daangaa keessattuu bakkoota haleellaan itti heddummaatutti humna gahaa bobbaasee eegumsa taasisuu fi uummata naannawaa daangaa gurmeessanii hidhachiisanii qe’ee isaa akka eegu taasisuu dha jedhan warri yaada kennan.

Humnoonni mootummaa heddumminaan bobbaafamanii daangaa eeguun dhimma ijoo ta’uu eeranii, warra dukkanaa dahoo godhatanii fi yeroo eeggatanii lo’anii galan immoo ofirraa qolachuun gahee uummataa akka ta’e dubbatan.

Uummanni yoo gurmaa’ee fi hidhate diinni yoo dhufe walii birmatee humna ofirraa faccisuu qabaata uummata gurmeessaa hidhachiisaa jedhu warri yaada kennan.

Yoo uummanni gurmaa’ee hidhate diinni haleellaa raawwachuufuu ni sodaata kan jedhan namoonni yaada kennan, kunis mala dursanii haleellaa ittisuu keessaa isa tokko ta’uu himaniiru.

Uummata kana hidhachiisuun harka guddaan gahee qaamolee sadii ta’uu himanii, kan jalqabaa mootummaa uummata bulchuuf itti gaafatamummaa qabuu fi gibira uummata irraa sassaabu akka ta’e ibsan.

Kan itti aanu uummanni naannawaa daangaatti haleellaan irra deddeebiin itti aggaamamu walgurmeessuu fi hanga humna isaa hidhachuu akka qabu dubbataniiru.

 

Uummanni Oromoo bakka biraa biyya keessaa fi ala jiru immoo hojii uummata kana hidhachiisuu fi loojistikiiwwan garaagaraatiin tumsuu irraa jalqabee hanga dargaggoota garasitti bobbaasee cinaa dhaabbatee daangaa Oromiyaa fi qe’ee Oromoo eeguu bahuun dirqama isaa akka ta’e himaniiru.

 

Gaafuma haleellaan raawwatamu ka’anii wacuu caalaa dursanii bifa tarsimaawaa ta’een daangaa Oromiyaa fi qe’ee Oromoo tiksuutu furmaata waaraa fi nageenya uummataa amansiisaa fiduu danda’aa jedhan namoonni OMN’f yaada isaanii kennan.

Show More

Related Articles

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

seven − 1 =

Back to top button
Copy link